Gara Ameerikaa imaluuf yaada qabduu? Itoophiyaanotatti maallaqi dabalame

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa imalaaf gara Yunaayitid Isteet yeroo imalan maallaqa dura gaafatamanirraa dabalataan akka gaafataman ta'u qajeelfamni haaraa bahe mul'ise.
Qajeelfamni kuni Wiixata hojiirra kan ooluu eegale yoo ta'u Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa danuu ilaallata.
Ministirri Dhimma Alaa US, lammiileen gara Ameerikaa seenuuf yeroo iyyatan jechuunis Visa gaafatan maallaqa deebi'u dolaara kuma shanii eegalee gaafata ture.
Haa ta'u malee, qajeelfama haaraa bahen maallaqi yeroo iyyatan qabsiisuu qaban gara dolaara 20,000 guddateera.
Irrattimmoo maallaqa kana gaafachuun dhaabbiidhaan hojiirra ooluuf jedha.
Sagantaan kuni iyyattoota biznasiifi turistii (B1 fi B2) jedhaman ilaallata.
Kaayyoon ijoo sagantaa fooyya'e bahe kuni lammiileen iyyatanii Ameerikaa seenuuf eeyyama argatan yeroo isaaniif eeyyamame ol akka hin turre to'achuufi.
Akkaataa qajeelfama haaraa kanaan qondaalonni embasii kanneen Ameerikaa seenuuf iyyataniif hanga dolaara 20,000 qabsiisaa jechuu danda'u.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan biyyoota lammiileen isaanii eeyyama argatan ol turaniifi sanada biyya keessaarratti to'annoon isaanii laafaadha jedhaman keessatti maallaqa qabsiisuu kan hojiirra oolchite waggaa dura baatii Hagayya keessa ture.
Sagantaan kuni waggaa tokkoof kan turu yoo ta'u waggaan tokko waan xumurameefi qajeelfamni haaraa kan bahe.
Sagantaa kana dura tureen kanneen iyyannoo galfatan maallaqa dolaara 5,000, dolaara 10,000 hanga 15,000 ni gaafatamu ture.
Qajeelfama haaraan garuu maallaqni dolaara 5,000 tarree keessaa baafamee maallaqni guddichi 20,000'tti guddateera.
Biyyoota 50 qajeelfamni kuni keessatti hojiirra oolu keessaa 30 kan ta'an Afrikaa keessatti argamu.
Aangawoonni Ameerikaa qajeelfamni kuni kanneen eeyyama fudhatan ol Ameerikaa keessa turan to'achuuf kaayyeffate jedhanis, falmitoonni immigireeshinii imala gara US taasifamu ni danqa jechuun qeequ.
Falmitoonni mirgaas seera cimaa Pirezidant Tiraamp baasan mirga dubbachuu dabalatee mirga namoomaa sarbaa jira jedhu.
Imaammata Tiraamp godaantota irratti hordofan irraa kan ka'e imaltoonni muraasni daawwannaa gara Ameerikaa taasisan akka haqaa jiran dhagahama.
Tiraamp erga gara aangootti dhufanii booda godaantota sanada hin qabne biyyaa baasuu akkasumas to'annoo daangaa cimsuuf bajata guddisuufi namoota karaa seeraan ala biyyattii seenan to'ataa turan.
Biyyoota lammiileen isaanii eeyyama kennameef ol Ameerikaa keessatti turu jedhaman irratti dhorkaa ka'aniiru.
Biyyoota kanneen keessaa Ertiraa, Chaad, Heytii, Miyaanmaar fi Yaman ni eeramu.
Kanaan alas bulchiinsi Tiraamp lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota baay'ee Visa Ameerikaa seenuuf isaan gargaaru gabaabseera.
Eeyyamni kunis imala tokko qofaaf akka tajaajilu godheera.
Bulchiinsi Tiraamp baatii Amajjii keesatti Itoophiyaafi Ertiraa dabalatee lammiilee biyyoota 75 irraa gara US imalaniif adeemsa Visa kennamu yeroo hin murtoofneef dhorkee ture.



















