Godaantotaan walqabatee taatee Ispeenitti mudate booda Gamtaan Awurooppaa eegumsi daangaa akka cimu akeekkachiise

Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen, erga torbee darbe godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman Morookoo irraan gara daangaa Ispeen ce'anii booda, eegumsa daangaarratti biyyoonni Awurooppaa gamtaan tarkaanfii fudhachuu akka qaban waamicha dhiheessan.
Ispeen godaantonni 69,500 ta'an gara Morookootti deebifamuu ibsite.
Lakkoofsi godaantota balaa kanaan daangaa Ispeen keessatti du'anii 72, kan Morookoo keessatti du'an ammoo 11 ga'eera.
Ministiroonni dhimma biyya keessaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa dhimma kanarratti har'a mari'achuuf jedhu.
Taateen Ispeen, Sewuutaatti mudate dhimma godaantotaa irratti hariiroo biyyoota Gamtaa Awurooppaa 27 danqeera.
Xaaliyaaniin taatee Sewuutaa mudateef deebii kennuuf jecha waliigaltee imala daangaa malee biyyoota Awurooppaa- Schengen jedhamu kan Ispeen waliin qabdu yeroof haqxe.
Waliigaltee kanaan yeroo ammaa namoonni miiliyoona 450 caalan fayyadamtoota. Biyyoonni Awurooppaa waliigaltee kana keessatti hammataman 27.
