Heerri Itoophiyaa amma jiru adeemsa maalii keessa darbee qophaa'e? Heerota turan irraa maaltu adda godha?

"Nuti saboonni, sab-lammoonnifi uummatoonni Itoophiyaa...mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa keenya fayyadamnee..."
Kun seensa heera mootummaa Itoophiyaarratti barreeffamee kan jiruudha. Itoophiyaan heeran buluu erga eegaltee, "sabaafi sablamoota, uummatoota" kan jedhu yeroo jalqabaaf heera mootummaa amma jiru keessatti eeramee beekamtiin kennameef.
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf heeran buluu kan jalqabde bara 1931, bara bulchiinsa Mootii Hayilasillaaseetti ture.
Kan lammataa bara 1955 mootummaanumti Hayilasillaasee haaressee kan baase yoo ta'u, Dargiin aangoo erga qabatee bara 1987tti heera haaraa baasee ture.
Bulchiinsi Dargii kufee mootummaan ADWUI bara 1995tti heerrri Federaalawa Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa ragga'e.
Heera toophiyaan ittiin bulaa jirtu heerota turan irraa maaltu adda godha? Tumaalee seerota idiladdunyaa wajjin yoo wal-bira qabamee ilaalamu heerri mootummaa kun maal fakkaata? Heerri kun adeemsa maalii keessa darbee raggaasifame? Kanneen jedhaan irratti xinxaala dhiyeessineerra.
Gumii Calaltuu Heeraa Federalaa (Council of Constitutional Inquiry) keessatti qorataa olaanaa hiikkoo seeraa kan turan ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa heerri amma jiru "heera ammayyaa, qorannoofi marii bal'aa booda hojjiirra oole" ta'uu ibsu.
"Qabiyyeesaa gaafa ilaallu, heerri keenya kun heerota addunyaarraa baay'ee ammayyaa'oo ta'an keessaa tokkoodha. Dhimmoota gurguddoo yeroo dheeraaf turuu danda'an kan of keessatti hammateedha jedheen fudha," jechuun seerota idiladdunyaafi rakkoolee siyaasaa bu'uraa Itoophiyaa keessa ture giddu galeessa godhatee kan qophaa'e ta'uu kaasu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Heeronni Itoophiyaa kana dura turan ilaalcha qeenxee kan leellisaniifi mirga sabootaa kan hin hammanne ta'uu kaasuun, "heerri kun sab-daneessummaa kan hammate, inumaayyuu fedhii [sabaafi sab-lammootafi uummatootaa] irratti hundaa'edha," jedhu.
Seensa heera Itoophiyaarrattis, nuti saboonni, sab-lammoonnifi uummatoonni Itoophiyaa... jedhee kan eegalus gaaffii ijoo heeronni Itoophiyaa dur turan hin deebisin hafaniif beekamtii kan kenne ta'uu kaasu.
Gama biraan ammoo keessumaa mirgoonni bu'uuraa heera kana keessatti hammataman seerota idiladdunyaa wajjin sirriitti kan wal simu ta'uus kaasu.
Keessumaa mirgoonni bu'uuraafi dimokiraasii heera Itoophiyaa Boqonnaa 3 jalatti tarreeffaman sadarkaa addunyaatti "heera adda isa taasisuufi ammayyaa ta'uu kan agarsiisudha" jechuun sababa dhiyeessu.
"Heera ammayyaa kan isa jechisiisu mirgoota bu'uuraafi dimokiraasii boqonnaa 3ffaarra jiruudha. Mirgoonni achi keessatti hammataman kunneen akka jirutti mirgoota namoomaa idil-addunyaarraa fudhataman.
"Mirgoonni heera kana keessa jiran yoo hanqina qabaatan illee akkaataa itti hiikamuu qaban keeyyata 13 muraa 2 jalatti ni kaa'a," jechuun "heera ulaagaa idiladdunyaa guutefi mirgoota sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa qixaan deebiseedha jedheen fudha" jedhu Ajjamaa Malataa.
Dargiin erga kufee booda bara 1991tti Mootummaan Cehuumsa Itoophiyaa miseensota paartilee gara 80 of keessaa qabu hundaa'uu kan himan ogeessi seeraa kun, heerri haaraan Itoophiyaaf akka barbaachisu jalqabumaa kaasee hojjataa turuufi hanga heerri qophaa'utti Chaartarri Cehuumsaa qophaa'ee inni akka seera olaanaa biyyattiitti gargaaraa turuu himu.
Dhaabbilee qabsoo hidhannoon Dargii aangorraa kaasuu keessatti qooda fudhatan keessaa Addi Bilisummaa Oromoos qaama mootummaa cehuumsaa Itoophiyaa ta'ee tajaajilaa akka tureefi keessumaa seerota bu'uuraa Chaartara Cehuumsaa [kan yeroo sana akka heeratti tajaajlaa ture] keessatti hammatamaniifi boodas heera mootummaa Itoophiyaa keessatti tumaman gumaachuu keessatti qooda olaanaa akka qabaate ragaaleen ni agarsiisu.
Chaartara Cehuumsaa sana keessatti heerri haaraan qophaa'u, dimokiraatawaa kan ta'eefi mirga 'hiree ofii ofiin murteeffachuu' kan mirkaneessu ta'uu akka qabu lafa kaa'ee akka ture ibsu ogeessi seeraa Ajjamaan.
"Heerri fuulduratti bahuuf jiru dimokiraatawaafi mirga ofiin of-bulchuu ykn hiree ofii ofiin murteeffachuu mirkaneessuu qaba," kan jedhu Chaartara Cehuumsaa keessatti ifatti taa'ee akka ture ibsu.
Komishiniin Wixinee Heeraa hundaa'e marii hawaasafi qorannoo akkamii gaggeesse?
Akkaataa heerri mootummaa Itoophiyaa itti qophaa'e qaboo yaa'ii Komishiniin Heeraa qabataa ture dabalatee sanadoota garaa garaa arganii akka qoratan kan himan ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa, heerichi hundeeffama Komishinii Wixinee Heeratii kaasee seeronni idiladdunyaafi gaaffileen mirgaa saboonnifi Sab-lammoonni biyyattii kaasaa turan akkaataa deebisuu danda'uun kan adeemsifame ta'uu kaasu.
Heerri qaama seeraa olaanaa akkaan wal-xaxaafi akka seerota kaanii yeroo yeroon jijjiiruuf ykn haaressuuf mijataa hin taanedha kan jedhan ogeessi seeraa kun seera tokko wixineessuuf marii uummataafi qorannoo bal'aa akkasumas adeemsa yeroo dheeraa kan gaafatu ta'uu kaasu.
Bifuma kanaan heerri mootummaa Itoophiyaas qorannoo ogeeyyiin seeraa biyya keessafi alaa irratti hirmaatan, marii hawaasaa bal'aan kan dabaalameefi hanga danda'ametti Komishinii Heeraa qaamolee garaa garaa bakka bu'aniin kan gaggeeffame ta'uus kaasu.
Akka ogeessi seeraa kun jedhanitti Komishiniin Heeraa bara 1992 labsiin hundeeffame kun miseensota 29 of keessaa qaba ture.
"Miseensonni 29 kunneen heera akka wixineessaniif kan filaman yoo ta'an, bakka bu'oota adddaa addaarraa dhufan. Mootummaa cehuumsaa, paartilee siyaasaa, waldaa hojjattootaa, waldaa ogeessota garaa garaa: waldaa ogeessota seeraa, waldaa ogeessota fayyaa, gamtaa daldalaa, waldaa dubartoota irraa miseensota 29 kana keessatti hammatamaniiru," jedhu.
Walitti qabaan Komishinii Heeraa kun 'dippilomaatii beekamaa' Kiflee Wadaajoo ta'uu kan himan ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa, komishinichi heericha erga wixineessee booda sadarkaa garaa garaatti mariifi qorannoon irratti gaggeeffamuu ibsu.
Miseensota Komishinii Wixinee Heeraa keessaa tokko kan ta'an, pirezidaantii duraanii Itoophiyaafi qorataa seenaa beekamaa kan ta'an Nagaasoo Gidaadaa (PhD) tokkoodha.
Nagaasoo Gidaadaa kitaaba isaanii Daandii Nagaasoo jedhu keessatti heerri Itoophiyaan amma ittiin bulaa jirtu, qorannoofi mariifi falmiin bal'aan erga gaggeeffamee booda kan ragga'e ta'uu ibsaniiru.
Akkuma ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa jedhan, Komishiniin Wixinee Heeraa miseensota dhaabbilee siyaasaa, ogeeyyii, hawaasa siviliifi amantaa kan of keessaa qabu ta'uu mirkaneessan Nagaasoo Gidaadaa.
Ogeeyyiin seeraa qabiyyeefi qabxiilee heera keessatti hammatamuu qaban ogeeyyiin seeraa erga dhiyeessanii booda miseensonni komishinichaa akka irratti mariyataa turan kan ibsan Nagaasoo Gidaadaa, qabiyyee heera Itoophiyaa amma jiru hedduusaa kan qopheesse oggeeyyii seeraa biyya alaarraa affeeraman ta'uu ibsu.
"Qabiyyee heeraa kana hedduusaa kan dhiyeesse beektota Inistiitiyuutii Sabootaafi kanneen heera Dargii wixineessuurratti hirmaataniifi biyya alaarraa dhufaniidha," jechuun qabiyyee seeraa isaan dhiyeessan irratti walgahii Komishinii Wixinee Heeraa irratti falmiifi mariin irratti gaggeeffamaa turuu ibsu.
'Heera biyyoota dimokiraatawaa ta'an hedduurraa muuxannoo fudhanneera'
Heerri mootummaa Itoophiyaa heera ammayyaafi muuxannoo biyyoota dimokiraatawaa ta'an hedduurraa fudhatame akkasumas seerota idiladdunyaan wal-simu ta'uu oggeessi seeraa Ajjamaa Malataafi Nagaasoo Gidaadaa yaada wal-fakkaataa qabu.
"Addumatti heera biyyoota dimokiraatawaa ta'anii kanneen akka UK, Ameerikaa, Siwiizarlaand, Jarmanii, Kanaadaa kan ilaalle yoo ta'u, Afrikaarraa ammo kan Naayijeeriyaa ilaallera," jechuun ogeeyyii seeraa heera irratti hubannoo qaban biyyoota alaarraa dhufanii qorannoo akka dhiyeessan taasisuus ibsu Nagaasoo Gidaadaa.
Yaada ogeeyyiin seeraa biyya keessaafi alaa dhiyeessan walitti qabuun ALItti bara 1984 hanga 1986tti uummata irratti mariisisuus ibsu.
Waa'ee afaanii, sirna bulchiinsaa, federaalizimii, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, lafaa fa'aarratti akka yaadaa qofatti uummanni irratti mariyachuu kan ibsan Nagaasoon, wixineen heeraa guutummaatti erga qophaa'ee booda uummataaf dhiyaatee akka irratti hin mariyatamne ibsu.
Qabxiilee ijoo heeraa irratti malee, wixineen heeraa guutunsaa erga qophaa'ee booda "uummanni heera fudhachuufi dhiisuu akka murteessuuf carraan hin kennamneef" jechuun hanqina ture kaasu.
Kuni ammoo komii heera Itoophiyaarratti dhiyaatu keessaa tokkoodha. Keessumaa heerri kun kan mootummaa ADWUIti jedhamee komiin irratti dhiyaata.
"Falmiin godhamaa kan ture AWUIfi namoota dhuunfaa tokko tokko gidduutti ture," jechuun paartileen mormitootaa akka hin hirmaanne godhamuu kaasu Nagaasoon.
[Mootummaa] cehuumsaa keessatti hirmaatanii kan turan kanneen akka ABO, Adda Bilisa Baasaa Lixa Somaalii, OBNG, Adda Bilisa Baasaa Sidaamaa fi dhaabbileen birooo akka hin hirmaanne godhamuu qofaa osoo hin taane, ugguramanii turan," jechuun "kanaafidha heera ADWUI kan jedhamuuf" jedhu Nagaasoon kitaaba isaanii keessatti.
Dhaabbileen siyaasaa kunneen irratti hirmaachuu baatanis, Komishiniin Wixinee Heeraa wantoota silaa heera kaasatti hammatamuu qaban jedhamerratti ekispratoonni seeraa akka dhiyeessan gochuun mariin bal'aan irratti taasifamaa turuu kaasu.
"Waltajiin irra jireessan ADWUI qofti irratti hirmaate qophaa'ee wantoota bu'uuraa heeraa qofaarrati mariyanne.
Keeyyatawwan heeraa irratti miti. Bu'aan mariiwwan sanaa sassaabamee, qabiyyee heeraafi wantoota akka afaanii…akkaataa ijaarsa mootummaa, mirgoota namoomaafi dimokiraasii, mana maree federeeshinii, hojmaata qaamolee haqaa, …akkaataa itti heerri fooyya'u fa'aaratti keeyyata keeyyataan ekispartoonni seeraa qopheessuun komishinichaaf dhiyeessan.
Komishinichi erga irratti mariyateefi falmii gaggeessee booda wixinee heeraa ta'ee qophaa'e," jechuun ALItti Bitootessa 29, 1986 mana maree mootummaa cehuumsaaf dhiyaachuu ibsu Nagaasoo Gidaadaa.
Gumii Calaltuu Heera Mootummaa keessa hojjataa kan turan ogeessi seeraa Ajjamaa Malata gama isaaniin mariin sadarkaa gandaa, aanafi godiinaatti erga gaggeeffamee booda yaadi marichaa cuunfamee Komishinii Wixinee Heeraaf dhiyaatee falmiin irratti gaggeeffamaa turuu qaboo yaa'ii yeroo sanaa irraa akka argan BBCtti himan.
"Kuni [mariin sadarkaa gadiitti hawaasa garaa garaa waliin taasifame] walitti qabamee Komishinii Wixinee Seeraaf erga dhiyaatee booda kutaan ykn keeyyanni seeraa waliigalteen irratti hin taasifamne, ykn ammoo filannoon biraa dhiyaate hundisaa galmaa'ee hanga har'aattiyyuu jira.
"Yeroon Gumii Calaltuu Heera Mootummaa hojjataa ture, qaboo yaa'ii yeroo sanaa carraa dubbisuu isaa argadheera," jechuun tokkoon tokkoo keeyyatichaarratti maaliif akka deeggarameefi mormiin irratti kaa'e kaa'amee arguu dubbatu.
Yaa'iin Heeraa Nagaasoo Gidaadaa gaggeessan hawaasa biyyattii hundarraa akkamiin filame?
Manni maree mootummaa cehuumsaa wixinee heeraa Komishiniin Wixinee Heeraa dhiyeesse erga raggaasisee booda, Yaa'iin Heeraa (Constitutional Assembly) wixinicharratti mariyachuun raggaasisu akka waamamu godhamuu ibsu ogeessi seeraa kun.
Yaa'iin Heeraa kun baay'ina lakkoofsa mana maree bakka bu'oota uummataa amma jiru kan of keessatti qabu ta'uu kan ibsan Ajjamaa Malataa, naannoleen akkaatuma baay'ina isaaniin bakka bu'oota yaa'ii kanaaf dhiyeessanii wixinee heeraa dhiyaaterratti falmii guddaa gaggeessuun akka raggaasisan ibsu.
Yaa'icha ammoo Nagaasoo Gidaadaa walitti qabaa kan ture Nagaasoo Gidadaa ta'uu himu ogeessi seeraa Ajjamaan. Nagaasoo Gidaadas yaa'ichatti walitti qabaa ta'uusaanii kitaaba isaanii keesatti kan ibsan yoo ta'u, Dambi Doolloo bakka bu'uun akka dhiyaatan ibsu.
"Ani Dambi Doolloo irraan filame. Ani gaggeessaa Ya'ichaa yoon ta'u, Aaddisuu Laggaasaa ittaanaa ture," jechuun yaa'ichi ALItti Onkoloolessa, 1987 hanga Sadaasa, 1987tti ji'a lamaaf gaggeeffamuu ibsu Nagaasoon.
Yaa'ii Heeraa kanarratti naannolee Itoophiyaarraa bakka bu'oonni filamanii argamuu ibsan Nagaasoon.
Ogeessi Seeraa Ajjamaa Malasaa gamasaaniin, hirmaattoonni Yaa'ii Heeraa sun lakkoofsa teessuma mana maree bakka bu'oota har'aatiin akka wal-fakkaatu ibsu.
"Yaa'iin Heeraa sun baay'ina miseensota mana maree [bakka bu'ootaa] har'aa 547 of keessaa qaba. Isaanis aanaa ykn hawaasa bakka bu'anirraa kan walitti qabamanii dhufaniidha," jedhu.
Naannoon Oromiyaa bakka bu'oota 177 yoo dhiyeessu, naannoon Amaaraa hirmaattota 137 yoo dhiyeessu Tigraay irraa 37, kan kanaan dura uummatoota Kibbaa jedhamuun beekamurraa 123 bakka bu'uu Nagaasoo Gidaadaa kitaabasaanii keessatti ibsaniiru. Naannoleen kaanis akkausmas Finfinneefi Dirre Dawaan akkaatuma mana maree mootummaa cehuumsaa keessaa bakka bu'iinsa qabaniin miseensota hirmaattota Yaa'ii Heeraaf dhiyeessan.
'Keeyyanni 39 itti dabalamuu qaba jedheen ijjannoon falme'
Qabiyyee heera mootummaa Itoophiyaa keessaa hanga har'aattuu falmii cimaa ta'ee kan itti fufe, waa'een Keeyyata 39 yeerodhuma wixinee heerichaarratti mariyatamuyyuu falmiin cimaan irratti gaggeeffamuutu himama.
Walitti qabaa Yaa'ii Heeraafi miseensa Komishinii Wixinee Heeraa kan turan Nagaasoo Gidaadaa "mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoquutti" jedhu keeyyata 39 keessatti akka dabalamuufi ragga'uuf ijjannoo cimaan falmaa akka turan ibsan.
Lafti kan dhuunfaa ta'ee gurguramuufi bitamuu qabaafi hin qabuurrattis falmiin jabaan gaggeeffamuu ibsu.
"Keeyyanni 39 jiraachuu qaba; lafti bitamuufi gurguramuu hin qabu! jennee ejjannoon falmine.
"Gaaffii sabummaa ilaalchisee, mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Oromoo hanga foxxoquutti kabajamuu qaba kan jedhu ture ejjannoon koo," jedhan Nagaasoon.
Marii Yaa'ii Heeraa irratti taasifamu ofii hogganaa kan turan Nagaasoo Gidaadaa, tokkoon tokkoo keeyyataarratti mariifi falmiin cimaan akka gaggeeffamaa ture kaasuun hirmaattota ijjannoo AWUI hin deeggarreef illee yaadasaanii sirriitti akka ibsataniif carraa bal'aa kennaafii turuu himu.
"Halkan halkan biiroo Mallasitti wal-geenyee oolmaa guyyaa ni gamaggamna ture. Akka ADWUItti ijjannoo maalii qabachuu akka qabnu murteessina. Yeroo sana wal-gahii [marii Yaa'ii Heeraa] gadhiisii goote, mormitootaaf deddeebitee carraa laatta kan jedhu komiin narratti ka'a ture. Ani garuu dimokiraatawaa haa ta'u jedheeni," haala ture ibsu.
Yaa'ii Heeraa irratti tokkoon tokkoo keeyyata wixinee heeraa irratti mariifi falmiin taasifamuu kan ibsan Nagaasoon, "falmiin erga irratti gaggeeffamee booda keeyyattawwan raggaasifaman jala jalaan barreessaa deemna ture, jechuun wixinichi bifa amma jiruun heera ta'ee Sadaasa ALItti 29, 1987tti raggaasifame.
'Keeyyanni 39 gaafa ragga'u galmichi akkamitti akka gammachuun raafame sirriittan yaadadha'
Yaa'iin Heeraa miseensota kutaalee Itoophiyaa hundarraa walitti bahe hammate ji'a lamaaf wixinee heeraa Komishiniin Heeraa dhiyeessee mootummaan cehuumsaa raggaasise ture irratti ji'a lamaaf erga mariyatee booda raggaasise.
Guyyaa Yaa'iin Heeraa wixinee dhiyaate raggaasisu sana galmi guutuun gammachuun raafamee akka ture kan ibsan Nagaasoo Gidaadaa, addumatti keeyyanni 39 ragga'uun miira addaa uumee akka ture ibsan.
"Hundarra keeyyanni 39 gaafa ragga'u galmichi akkamitti gammachuun akka raafame hin dagadhu. Hirmaattonni hundu gammachuun machaa'anii turan. Namoonni muraasni gammachuusaanii sirbaan ibsataa turan," dubartii naannoo Amaaraa bakka bu'aniifi manguddoo Baalerraa hirmaatan akkamiin gammachuusaanii akka ibsantan ibsan.
Viidiyoo yeroo heerri mootummaa Itoophiyaa ragga'u agarsiisu miidiyaa biyyaalessaan yeroo garaa garaa dhiyaaturratti, manguddoon tokkoofi dubartiin tokko galmicha fuulduratti bahanii yeroo sirbaan gammachuu ibsatan ni mul'atu.
Nagaasoo Gidaadaa sun addumatti keeyyanni 39 ragga'uusaatiin gammachuu ibsatan ta'uu kitaabsaanii keessatti ibsan.
"Addumatti dubartiin naannoo Gondarirraa dhufan tokko gammachuu guddaarraa kan ka'e namoota fuulduratti bahanii sirban. Kan biraa ammoo manguddoon Musliima ta'an Baalerraa dhufan gammachuusaanii to'achuu dadhabanii uummata fuulduratti utaalanii dhiichisan," jechuun manguddoon sun erga biyyatti deebi'anii ajjeefamuu ibsu.
Manguddicha ajjeesuun kan itti hamatame ABO ta'uu kan eeran garuu "ani ABOtu ajjeese jedhee hin amanu" jedhan.
"Manguddoon Baalee sun erga biyyasaanitti deebi'anii halkan manasaanitii waamamanii ajjeefaman. Namoonni tokko tokko ABOtu ajjeese jedhu. Ani garuu ABOn keeyyata 39 irraa mormii homaa waan hin qabneef isatu ajjeese jedhee hin amanu," jechuun haala ture ibsan.
Adeemsa heera mootummaa Itoophiyaa wixineessufi raggaasisuu keessatti dhaabbileen siyaasaa [jajjaboon] heddu hirmaachuu baatan illee, hawaasa sadarkaa garaa garaatti irratti mariyatamuun, boodarra bakka bu'oonni naannolee hundumaa Yaa'ii Heeratiin irratti mariyatameefi falmiin gaggeeffamee kan ragga'e ta'uu ibsu ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa.
















