Raashiyaan akkamiin loltoota madaa'an adda waraanaatti deebisaa jirti?

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Oleeg Shikin fanjiirra ejjetee mataa keessatti sibiilli hafee, fuulliifi harkisaa gubatee, ijjisaa bitaa, lapheensaa , harkii fi miillisaa madaa'ee gara hospitaalaa geeffame. Kutaan ullee mataasaatii waldhaansa baqaqsanii yaaluun kaafamuu qaba ture.
Waldhaansa erga argatee booda Shikiin gahumsisaa sakatta'amuuf gara giddugala fayyaa waraana biyyattiitti ergame. Tajaajila waraanaa kennuuf gahaa dhamoo miti kan jedhutu sakatta'ama. Yoo gahaa miti ta'e waraana keessaa baafamu.
Achitti boqonnaa ji'a tokkoo booda deebi'ee haa sakatta'amu jedhame. Haata'u malee sibiilli sammuusaa keessa osoo jiruu gara adda waraanaatti deebifame.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Dhimmi Shikiin seenaa loltoota biroo tajaajilli afaan Raashiyaa BBC adda baase keessaa tokko. Dhimmootni manneeen murtii uummataaf ifa ta'an baayyeen ajajootni waraanaa loltoota madaa'an isa seerri ajaju sakattaa gahumsaatti geessuu caalaa gara adda waraanaa deebisaa akka jiran agarsiisu.
Seera Raashiyaatiin sakattaa gahumsaa godhame booda ramaddiiwwan lama ''gahaa'' fi ''gariin gahaa'' keessa kan jiran tajaajila loltummaa keessaa akka bahan ta'u.
Koree waraanaa ogeeyyii fayyaa ispeeshaalistoota gosa adda addaa hedduu qaban ilaalamu booda gaggeeffamu. Gurra, ija dhimma sammuu fayyaa, wanti hin ilaalamne hin jiru.
Shikiin koree ogeeyyii kanaan akka hin ilaalamne mana murtii waraanaatti himateera. Manni murtii Shikiin ogeeyyiin akka ilaalamu ajajaa waraanaasaatti hime.
Garuummoo murtee hiika hin qabneedha. Shikiin ergasii gara inni bu'e namni hin beeku. Deebi'ee sakatta'insi fayyaa hin godhamneef, lubbuun jiraaf hin jiruunsaas hin beekamu.

Madda suuraa, Getty Images
Hidhamtootni duraanii hedduun waraana keessatti ugguramaniiru.
Fakkeenyaaf Manni Murtii Bulchiinsa Kibbaa Raastam Farzaliyeev galmeeen yakkaa qabu waraana keessaa akka hin baane isa dhorka jedhee murtee dabarse. Sakattaa gahumsaa godhameen garuu dhibee fayyaa guddoo qaba sababab ta'eef ''gariin gahaadha'' jedhamee ture.
Hidhamaan duraanii Vitaalii Kameniyuuk ammoo yaada ejjennoo niiwroolojistii tokkoon tajaajila waraanaaf gahaadha jedhamuu himateera. Miidhamnisaa jalqabaa akkaan hamaadha jedhamus ergasii sakattaa gahumsaa fudhachuu dideera.
Loltootni fedhaan duulan kan qubni irraa cite dhibee HIV, TB fi rakkoo tasgabbii fayyaa qaban akka galan hayyamameefiira.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2022 wayita loltootni eeggattoota turan kumoota hedduun waamaman Ministeerri Ittisaa Federeeshinii Raashiyaa loltootni kun wayita kaampii waraanaa gahan dhibeewwan daddarboo to'achuuf qorannoon akka gaggeeffamu qajeelfama baasee ture.
Dabalataanis duuluu dhiisuuf rakkoo fayyaa gahaan jiraachuufi dhiisuu adda baasuuf akka gaggeeffamu ibsame. Warri gahoo hin taane argamnaan koree ogeeyyii fayyaatti sakattaa dabalataaf ergamu jedha.
Ragaa mana murtii waraanaa irratti waraana eeggataa kan ture Dimiitrii Yeelkiin ragaa fayyaa waggaa 11 dura qabuun qofa duulaaf gahaadha jedhamuu ibseera. Haalli fayyaasaa yeroo ammaa akka ta'utti kan hin ilaalamne ta'uu dubbate.
Qajeelfamni biraan bara 2023 Waxabajjii keessa Itti aanaa Ministira Ittisaa biyyattii Ivaanooviin mallatteeffame ammoo doktaroonni garee waraanaa ykn ogeeyyiin fayyaa kaanuu osoo koree ogeeyyii fayyaa bira hin gahiin loltuu hospitaalaa bahu ykn bayyanatee deebi'uun gahaadha, gariin gahaa ykn gahaa miti jechuu danda'u jedha.
Amma loltuu qacaruuf miindaan gaariin beeksifamaas osoo jiru lakkoofsi namoota waraanatti dabalamuu fedhanii hir'isaa jira.
Lakkoofsi du'aa loltootaa dirree waraanaarraa dhagaahamuufi miidhamaa ammoo dabalaa jira.

Madda suuraa, SOPA Images/LightRocket via Getty Images
BBC News Raashiyaa loltoota Raashiyaa erga waraanni eegalee dhuman 233,200 galmeesseera. Ejensiin tikaa UK ammoo 500,000 ta'uu jedha.
Amma wayita komiin loltoota miidhamanii dabaluu eegalee as Ministeerri Ittisaa Federeeshinii Raashiyaa qajeelfamoota waqtii waraanaa bahan gara seera dhaabbataatti jijjiiraa jira.
Galmi adeemsa kanaa ammoo lakkoofsa loltuu Raashiyaa yeroo dheeraaf akka ta'utti guddisuudha.
Abbaan seeraa eenyummaasaa dhoksuun BBC News Raashiyaaf yaada kenne ''akka amma jiru kanatti waggoota kurna hedduuf loluuf qophaa'uusaaniiti'' jedheera.
BBCn Ministeera Ittisaa Federeeshinii Raashiyaa seera waraanaa haaraa kanaafi komii loltootaarratti yaada akka kennu gaafatee deebii hin arganne.



















