Abukaatoon Obbo Taayyeefi hogganoonni siyaasaa IHAAPPAA to'ataman

Dubbii Himaa IHAAPPAA Obbo Yisaaq Waldaay (bitaa), nama siyaasaa Obbo Abbaba Akaaluu (gidduu) fi abukaatoo Abarraa Nigus (mirga)

Madda suuraa, EZEMA/ABERA NIGUS

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaa IHAAPPAA Obbo Yisaaq Waldaay (bitaa), nama siyaasaa Obbo Abbaba Akaaluu (gidduu) fi abukaatoo Abarraa Nigus (mirga)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Abukaatoon Obbo Taayyee Danda'aa Obbo Abarraa Niguusiifi hogganoonni siyaasaa dhaaba Paartii Warraaqsaa Ummata Itoophiyaa (IHAAPPAA) lama to'annoo jala seenuu maddeen BBC'tti himan.

Namoonni siyaasaa lamaan, Obbo Abbaba Akaaluufi Yisihaaq Waldaay, ogeessa seeraa waliin miseensota ''poolisii Federaalaan'' ALI Adoolessa 27, 2018 sa'aatii garagaraatti to'atamuu maddeen maatii, abukaatoofi Pirezidantiin IHAAPPAA ibsaniiru.

Dura kan to'ataman namoota siyaasaaf abukaatoo ta'un kan beekaman Obbo Abarraa Niguusidha.

Obbo Abarraan namoota siyaasaa kana waliin hariiroo yoo qabaatanis ta'e yoo hin qabaanne BBC'n waan addatti mirkaneeffate hin qabu.

Waraanni Tigraay erga eegalee booda Bulchiinsa Yeroo Dr Muluu Naggaan hoogganamu keessa Hogganaa Biiroo Haqaa naannichaa kan turan Obbo Abarraan yeroo hidhaa seenan kuni yeroo jalqabaaf miti.

Hiriira ALI Bara 2016 ''waraanni haa dhaabbatu'' ejjennoo jedhuun gaggeeffamuuf ture waliinis to'annoo jala oolun isaanii ni yaadatama.

Miseensonni ''Poolisii Federaalaa'' gara mana Obbo Abarraa kan deeman Wiixata ganama sa'aatii tokkoofi walakkaatti akka ta'e maddi maatii keessaa maqaan isaanii akka dhahamu hin feene BBC'tti himaniiru.

Yeroos Obbo Abarraan gara hojii deemuuf qophii gochaa turan kan jedhan maddi kuni, ''tasa dhufan innis rifatee ture'' jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miseensonni Poolisii Federaalaa ''qorannoof akka barbaadaman'' dubbachuu isaaniis himan.

Akka madda kanaatti, dhimmichi maal akka ta'e odeeffannoon dabalataa hin kennamne.

Abbaa ijoollee lamaa kan ta'an Obbo Abarraan eessa akka jiran hanga yoonaa sirriitti baruun akka hin danda'amne himaniiru.

Akka madda kanaatti, guyyaa Kibxataa humnoota nageenyaa waliin ta'un Obbo Abarraan sakattaaf gara manaa dhufanii akka turan maddeen ibsaniiru.

Obbo Abarraan hidhaa seenuu isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa dursanii kanneen qoodan keessaa tokko dubbii himaa IHAAPPAA Obbo Yisaaq Waldaayidha.

Obbo Yisaaq filannoo biyyaalessaa torbaffaa irratti IHAAPPAA bakka bu'uun mana maree bakka bu'oota ummataaf dorgommiif erga dhihaatan booda filannoo keessaa of baasaniiru.

Obbo Yisaaqis kana dura irra deddeebiin hidhaa seenaniiru.

Michuu dhihoo Obbo Abarraa kan ta'an Obbo Yisaaq Wiixata waaree booda sa'aatii 8:30 irratti mana isaanii keessatti to'annoo jala akka oolan Pirezidantiin IHAAPPAA Obbo Abirahaam Haayimaanot BBC'tti himaniiru.

Obbo Yisaaqis miseensota poolisii federaalaan to'atamuu Obbo Abirahaam dubbataniiru.

Obbo Yisaaq gaafa Wiixataa waaree booda konkolaataa poolisiirraa bu'anii biiroo qorannoo yakkaa poolisii federaalaa Meksikoo argamu yeroo seenan arguu isaanii maddi tokko BBC'n dubbise himaniiru.

Pirezidantiin IHAAPPAA Obbo Abirahaam akka dubbatanitti, paartii isaanii keessaa nami sadaffaa hidhaa seenan nama siyaasaa beekamaa Abbaba Akaaluudha.

Barreessaa Olaanaa IZEMA kan turan Obbo Abbabaan Adoolessa 2016 eegalee paartii mormituu biraa kan ta'e, IHAAPPAA'tti, makamaniiru.

Akka Obbo Abirahaamitti, obbo Abbabaan ''mana jireenyaa isaaniin ala'' galgala keessa to'ataman.

Namni siyaasaa kuni kaleessa galgalaa hanga har'a ganamaatti bakki jiran osoo hin baramiin turuun maatii akka yaaddessee ture dubbataniiru.

''Hanga ganamaatti maatiin yaaddoo guddaa keessa ture. Dhihoo Meksikoo hidhamee akka jiru kan mirkaneessuun danda'ame,'' jechuun Kibxata guyyaa keessa BBC'tti kan dubbatan.

Obbo Abbaban bakki isaan jiran baramuus hanga yoonaa maatii isaanii waliin akka wal hin agarre dubbataniiru.

Obbo Abarraanis maatii waliin akka wal hin agarre maddi tokko dubbataniiru.

Obbo Abarraafi namoonni siyaasaa lamaan hanga yoonaa mana murtii akka hin dhihaanne maddi biraa himaniiru.

BBC'n to'annoo jala ooluu namoota sadan ilaalchisee Poolisii Federaalaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf yaalus hin milkoofne.

Hogganaan Qajeelcha miidiyaafi kominikeeshinii Poolisii Federaalaa Obbo Jeeyilaan Abdii sa'aatii kanatti yaada kennuu akka hin dandeenye ibsaniiru.