Iraan Ameerikaa harka micciiruuf dhiibbaa ishee akkamiin babal'isaa jirti?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Iraan Ameerikaarratti dhiibbaa uumuuf ulaawwan daldalaa Baha Jiddugaleessaa, daandiiwwan doonii fi iddoolee qabeenya misoomawwan boba'aa akka tooftaatti dhimma itti bahaa jirti.

Kun immoo baasiin waraanaa US akka dabaluuf dhiibbaa godhamu akka ta'e aangawoonni biyyoota Galoogalaanaa fi xiinxaloonni himaa jiru.

Tehraan injifannoo waraanaa ijoo barbaaduu caalaa, tarsiimoo muddama hammeessuun osoo waraana fuulleetti hin hirmaatin waraana babal'isuu irratti fuulleffachaa jirti.

Galmi tarsiimoo kanaammoo Ulaa Hormuz irratti fedhii Iraan guutuu caalaa gaaga'ama to'achuun baasii guddaa akka gaafatu US fi michoota ishee amansiisudha jedhu.

Ergaan Tehraan egaa Waashingtan Iraan Ulaa Hormuuz keessatti olaantummaa haaraa uumame akka tole jettu yoo kun ta'uu baate walitti bu'iinsi kun Galoogalaanaarra darbee akka babal'atu amansiisuu dha.

Iraan ulaa galaanaa bakka hedduutti silliqsitee qabuu fi qabeenya boba'aa balaarra buusuun, mariiwwan itti aanan kamiifuu humna akka isheef ta'u amanti.

"Iraan jalqabumarraa kaasee muddama kana babal'isuun humni US gara malee akka dhisamu gochuuf yaalaa turte, torbanumaan taatee haaraa waraana kanatti dabalti ture, iddoo haaraatti, gosa meeshaa waraanaa haaraa, qiyyaafannoo haaraa banti," jedha ogeessi Washington Institute Mikaa'el Naayits yaada Rooytarsiif kenneen.

"Hiree olaanaan isaan qaban, Ameerikaa fi Israa'el hubuu miti," jedha Naayits.

"Hireen isaanii olaanaan biyyoota naannichaa fi diinagdee addunyaa miidhuudha."

Ulaa Hormuuziin gamattis balaawwan biroo babal'isuu

Iraan ulaa murteessaa boba'aa addunyaa 20% deddeebisu ulaa Hormuuz danquu akka dandeessu agarsiisuu qofa osoo hin taane, ulaawwan galaanaa isheen hin dhaqqabne akka hin jirres mirkaneessite.

Yaaddoon Galaana Diimaa fi buufataalee anniisaa Sa'udi Arabiyaarratti aggaamtes carraaqqii ulaa daldala addunyaa tiksuun gatii guddaa akka addunyaa baasisu qofa osoo hin taane uggurri kun obsa Waashingtanis qoreera.

Tooftaa Iraan kana maddi biyyoota Galoogalaanaa tokko ajajoonni Eegdota Warraaqsaa Iraan "isaan ammallee tooftaa biraa heddu hin dhaban" jechuun ibse.

Isaan ammallee karaa ittiin Pirezdant Donaald Tiraamp filannoo walakkeessaa kan Sadaasa dhufuu dura waraana biroo Baha Jiddugaleessaa keessatti danqamu barbaadu.

"Iraanonni...waraana babal'isuu fi dhiibbaa dabaluun, akka harka kennatu amanu,"jedha maddi Galoogalaanaa. "Tiraamp Iraaniin akka malee haleeluun gara mariitti fiduu fedha, garuu isaan harka hin kenna."

Harka kennachiisuuf muddama hammeessuu

Tooftaan Iraan kun tarsiimoo mariiti.

Tiraamp haleellaa Ulaa Hormuuz bansiisuuf karoorse dhiisuu ibsee, mariin Iraan waliiniinii Wixata taa'ama jedhee ture. Tehraan garuu ammatti US waliin mari'achuuf karoora akka hin qabne beeksifte.

Qondaalli olaanaan Iraan tokko akka jedhetti hoggansi Teehraan fedha mariif agarsiisaa ture laaffiseera, mariitti deebi'uun dura dhiibbaa Waashingtanirratti jabeessuu fedha.

Akka xiinxala Teehraanitti Tiraamp mariidhaaf taa'uu Iraan akka harka kennachuutti hiikkata.

Ogeessi Washington Institute , Mikaa'el Siing Teehraan ammallee waan hundi to'annoo ishee jala akka jiru amanti. Yeroo feete haleellaa gaggeessuua akka dandeessus amanti. Sababni isaas Tiraamp yaada isaa hiree jira jettee waan yaaddufi.

"Iraanonni carraa qaban mara fayyadamuuf yaalii gochaa jiru" jedha. Olaantummaa Ulaa Hormuuz keessatti qaban mirkaneeffachuu barbaadu, to'annoo filatames tolchuu fedhu."

Dippiloomaatiin duraanii US fi ogeessi haala Iraan, Alan Eeyr, Iraan tarsiimoo doorsisuutiin Waashingtan uggura akka kaaftuu fi haleellaa akka dhaabdu gochuu feeti" jedha.

"Ameerikaa taateewwan deemaa jiran akka olaantummaan to'attu hin fedhan,"

Giddugaleessi waldhibdee kanaa Hormuuz bulchuu dha. Omaan karoora haaraa bulchiinsa Iraan kan biyypoonni Galoogalaanaa deeggarsan dhiyeessiteerti.

Tehraan garuu olaantummaa bulchiinsa isaa feeti. Waashingtan qaraxa kamuu mormiteerti. Hormuuz qaama bishaanii idil-addunyaati Iraaniin to'atamuu hin qabu jetti.

Qumaara yeroo dheeraaf of cimsuu

Duulli Iraan tarsiimoon maal akka ta'e himeera. Yaaddoon Hormuuz qofatti hin daangeffamne, biyyoonni naannichaa fi humnoonni lixaa Iraan irratti dhioibbaa gochuu caalaa ulaawwan daldalaa fi bu'uuraalee boba'aa tiksuurratti xiyyeeffatanii jiru.

Sa'udi Arabiyaan kan dursamu gamtaan eegumsa galaanarraa hundaaye kana hima.

Maddeen Galoogalaanaa akka ibsanitti kun dooniiwwan daldalaa ajjabuu, ragaalee intelejensii walii qooduu fi Iraan dura dhaabbachuu caalaa dooniiwwan galaanarraa tiksuurratti xiyyeeffata.

Kun Teehraaniif injifannoo guddaa dha. Humna waraanaa US gitu yoo hin qabaannellee Ameerikaatti baasii heddummeessuun akka gara ejjennoo of ittisuutti deebitu godha.

Balaan Hormuuz, Galoogalaana Edanii fi Galaana diimaa kan wal qunnamsiisu Baab Eel-Mandeb mudatu kamuu daldalli addunyaa akka adda hin cinneef baasii qabeenya eegumsaaf oolu dabala.

Kun dorgommii cichoominaa ti. Hoggantoonni Iraan qormaata Ameerikaa fi michoonni ishee uggura daldala galaanaa fi boba'aa addunyaa isaan qunname caalaa Iraan dhiibbaa diinagdee damdamachuu akka danda'an amanan.

Tarsiimoon kun galma dippilomasiis qaba. Yoo feete dhiibbaa ishee babal'isuu akka dandeessuu fi marii godhamu kamuu bifa ofii feetuun akka ta'u abdii itti uume.,

Gareen lamaanuu garuu ammallee gara mariitti hin deebine.