Waa'ee cidha Kiristaanoo Roonaaldoo fi Joorjinaa tibbana jedhamee maal beekna?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kiristaanoo Roonaaldoo haadha ijoollee isaa Joorjiinaa waliin gara waggaa 10 erga jaalalaan turee ishee fuudhuuf akka jedhu himame.

Roonaaldoon dhiyeenya kana ture Joorjiinaaf kan qubeelaa hidhe. Garuu cidhi isaanii maaliif ture, yoom wal fuudhu kan jedhu yeroo dheeraaf gaafatamaa ture.

Joorjiinaa fi Roonaaldoon waggoota 10 jaalaan waliin jiraatanii ijoolles horataniiru.

Roonaaldoon Waancaa Addunyaa booda cidha keenya godhanna, waancicha injifadheen cidhakoof qophaa'a jedhee ture.

Garuu hin milkaa'iin hafe. Gara xumura tapha kubba miilaatti kan dhiyaate Roonaaldoon torban dhufu kana cidha guddaa jedhame qopheessuu The Sun gabaaseera.

Cidhi isaanii kun iddoo dhaloota Roonaaldoo, Poorchugaal Odola Madeeraa irra bakka Funchaal jedhamutti akka gaggeeffamu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Roonaaldoo fi Joorjiinaan kan wal fuudhanii fi sirna isaa raawwatan mana amantaa Kaatediraalii Funchaal jiru irrattidha.

Namoota bebbekamoo addunyaa, namoota miiidyaa beekamoo fi abbootii qabeenyaa beekamoo hedduutu irratti argama jedha gabaasichi.

Sna booda hoteela Saavooy Paalaas jedhamu abbaa urjii shanii guyyichaaf qabamuu miiidyaaleen akka The Sun odeeffataniiru.

Darbii lama guutuu Sanbata dhuftu irra qabamuus mirkaneeffanneerra jedhan.

Roonaaldoo umuriin isaa waggaa 41 tahee fi Joorjinaa 32 taateef waggaa darbe ture kan qubeelaa kaa'eef.

Joorjiinaa Roodiriigez jaalalleen Roonaaldoo eenyu?

Erga Kiristaanoo Roonaaldoon jaalallee isaa duraanii Ariinaa Shaayik waliin adda bahee as modelii beekamtuu Ispeen Joorjinaan jaalala ho'aa adunyaan argeefiin Roonaaldoo waliin jiraachaa jirti.

Roonaaldoon ifatti akka ishee jaalatuu fi jireenya isaa guutuu ishee waliin akka godhatu gaaffii fi deebii Piirsi Morgaan waliin taasise irratti dubbateera.

Guyyaa dhaloota ishee Dubaayitti gamoowwanii fi magaalittii suuraa isheen faayessee kabajuufiin ifatti jaalala akkamii akka isheef qabu agarsiiseera.

Taphataa beekamaan duraanii Maanchister Yuunaayitid Roonaaldoon waggoota shan tahuuf modelii beekamtuu Raashiyaa waliin jaalalaan jiraateera.

Bara 2015 yeroo lameen isaanii adda bahuu ibsamu obboleettiin Roonaaldoo Elmaan ''akkumadu'aati'' jechuun ibsite.

Walitti deebi'uun hin jiru jechuu feete fakkaata. Roonaaldoon dubartoota jaalala waliin jalqabee adda bahetti deebi'ee hin beeku jedhama.

Keessumaa dubartii harmee isaa hin kabajne waliin halkan tokko akka hin bulle himama.

Ofii Joorjinaan kun eenyu kan jedhan hin dhabaman. Ishumti iyyuu dhiyeenya dookimantarii waa'ee jireenya ishee irratti xiyyeeffatu tokko irratti namootni maqaakoo beeku malee waa'eekoo haalaan hin beekan jette.

Joorjinaan jaalallee Kiristaanoo Roonaaldoo yoo taatu, modelii, shuubbisaa fi miidiyaa hawwaasaa irrattis dhiibbaa uumuun dubarii beekamtudha.

Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 44 qabdi.

Joorjiinaan lammii Ispeen haa taatu malee Arjentiinaa magaalaa Boones Eeras keesatti dhalatte.

Isa booda magaalaa Kaaba Ispeen keessatti argamtu Jaakaa jedhamtu keessatti guddatte.

Mgaalaa Maadirid irraa KM 450 fagaatti. Daangaa Faransaay irratti magaalaa xiqqoo argamtu yoo tahu, uummata kuma 13 qabdudha.

Magaalaa kana keessatti keessummeesituu taatee hojjetteetti. Akka gabaasa gaazexaa kubba miilaa Ispeen AStti Roonaaldoo fi Joorjiinaan suuqii ykn dukkaana Guchii Ispeen jiru tokko keessatti wal argan.

Yeroo sana gargaartuu abbaa suuqii sanaa tahuun hojjechaa turte. Roonaadoon dubartii Ispeen miidhagduu, garuu harka qalleettii taatee fi sinboon guutamte kana irra ija buufate.

Yeroo sana kileba guddicha adunyaa Riyaal Maadiridiif taphata ture.

''Hojjaa, qaamni isaa fi miidhaginni isaa akkuman argeen qalbiikoo na ooji'e. Isa durattin rom'e jechuun danda'ama. Garuu naasuudhaan hollachaan ture'' jechuun dookimantarii tibbana tamsa'e irratti dubbatte.

"Ani dubartii hedduu qaanoftudha. Kun ammoo naman libsuu ijaa takkaan jaalalaan jilbeenfadheef kanatti akkan dafee namatti hin siqne na godha. Isaan booda garuu akkatti Roonaaldoon jaalala naaf kenne, na kunuunsetu waan hundaa xumure'' jette.

Bakka suuqii kanaa deemtee kan hojjettu awutoobisii magaalaa eegdee imaluun ture. Konkolaataa dhuunfaa ishee haa hafuutii geejibaaf maallaqa gahaa hin qabdu ture.

Roonaaldoon erga ishee baree sa'a isheen hojiidhaa baatutti konkolaataa qaalii adunyaa tahan qabachuun yeroo ishee fudhatee deebi'u namootni ishee waliin hojjechaa turanis gadi bahanii ilaalaa akka turan yaadatti.

Jaalalli isaanii ho'aan kun bakkeetti bahee mul'achu jalqabe. Inumaayyuu namoota nama adamsuun suuraa kaasuun saaxilaniin hordofamuu jalqaban.

Bara 2016 keessa of dhoksee deemuuf jecha wiiggii fi fuullee ijaa godhachuun osoo deemuu argameera.

Joorjiinaan ijoollee Roonaaldoo kunuunsuu fi jaalala kennuun beekamti. Ilma isaa hangafaa Kiristaanoo Juuner waliin hariiroo gaarii qabu. Yeroo hundaa isa waliin dirree deemuun yeroo Roonaaldoon kubba taphatu daawwatu.

Kabajaa fi jaalala isheen maatii isaaf qabdu akka Roonaaldoon bakka addaa isheef qabu taasiseera jedham.

Kiristaanoo Juuner bara 2010 Ameerikaatti dhalachuu isaa malee haati isaa dhugaan eenyu akka taate hanga ammaatti fatti hin beekamne.

Roonaaldoon kana icciitiin qabuun harmee Roonaaldoo Doloresii fi Joorjiinaan garuu kunuunsa ddaa kennuuf.