Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'insi humna waraanaa Itoophiyaa fi humnoota Tigiraay maalirra gahe?
TPLF ''mootummaan Itoophiyaa Humna Dafee Dhaqqabaa Sudaan Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloon durfamu RSF waliin tahuun Lixa Tigiraay naannoo Shereriinaa jedhamutti Humna Nageenyaa Tigiraay irratti haleellaa raawwate'' jechuun himannaa dhiheesse.
RSF Humna Waraanaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaaniin durfamu waliin wal waraanaa jira.
Garuu naannoo daangaa Sudaanii fi Itoophiyaa walitti bu'insi itti ka'e jedhame kana qabatee kan jiru humna waraanaa Sudaan akka tahe himama.
Kanaaf humni RSF naannicha jiraachuu kan mirkanessu gama RSFnis tahe mootummaa Itoophiyaan ibsi kenname hin jiru.
Himannaa TPLF kanarratti gama mootummaa Itoophiyaan hanga ammaatti wanti jedhame hin jiru.
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed ''waggaa lama wal waraanuurra waggaa 20 karaa nagaa mari'achuu wayya'' jedhanii ture.
Garuu TPLF ''dibbee waraanaa rukutuu jaalata'' jechuun himataa turan.
Walitti bu'insa Sanbata darbe humna waraanaa Itoophiyaa fi humnoota nageenyaa Tigiraay gidduutti mudate hordofee namoonni hedduun naannoo Tigiraay irraa gara Sudaanitti baqachuu AFP gabaaseera.
AFP qaamolee nageenyaa Sudaan wabeeffachuun akka gabaasetti, walitti bu'insa guyyaa tokko ture hordofee namoonni dhibbaan lakkaa'aman Tigiraay irraa gara Sudaanitti ce'aniiru.
Sudaan ofiiyyuu waraana miliyoonota qe'ee isaaniirraa buqqise keessa jirti.
Garuu yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf ture sana kumaatamni Tigiraay irraa baqachuun naannoo Gaadarefii fi Kasala keessa buufataniiru.
Ibsi TPLF har'a ganama baase ammoo ''humni waraanaa Itoophiyaa haleellaa qilleensarraa fi humna lafoon ganama barii irraa jalqabuun hanga waaree boodaatti humna nageenyaa keenya irratti raawwate,'' jedhe.
Humni Nageenyaa Tigiraay ''aarsaa wareegamtoota keenyaa kabaja hin dhowwanne. Haleellicha haala gaariin qolateera,'' jedhe TPLF.
Mootummaan Itoophiyaa waa'ee walitti bu'insa kanaa ibsa kenne hin qabu. Garuu TPLF ''gootummaan ofirraa qolanne'' jechuun ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa rakkoo siyaasaa naannoo Tigiraay mariin furuu akka barbaadu irra deddeebiin himaa ture.
Dabalataan TPLF humnoota faallaa mootummaa Itoophiyaa dhaabbatan akka Eertiraa fi Masirii waliin tahuun Itoophiyaatti waraana kaasuuf akka socho'aa ture komataa ture.
Dhiyeenya TPLF waliigalteen Piriitooriyaa akka diigame ibsuun pirezidaantii yeroo naannicha mootummaan muude Jeneraal Taaddasaa Warradee aangoo irraa buusuun Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el muuduu ibsan.
Aangoon Letanaant Janaraal Taaddasaa waggaa tokkoof dheerachuu kan morme TPLF filannoo waggaa jaha dura taasifameen ''mana maree mootummaa Tigraay'' hundaa'e ''hojiitti deebiseera.''
Letanaant Jeneraal Taaddasaan yeroo aangoorra turanis tahe akka ittigaafatamaa waraanaatti dhiibbaan hojii baayyee waan irra tureef kana duras badaa alaattii bahanii hin socho'an.
BBC Afaan Tigiriffaa maatii isaanii irraa akka iyyaafatetti, jeneraalichi ''hidhaa dhaabbii irra akka jiran'' akka itti dhagahame himan.
Maaltu mudate?
Kaaba Lixa Itoophiyaa bakkee Sudaan daangessutti waraana mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti Sambata ganama walitti bu'iinsi mudachuu maddeen garagaraa dubbatan.
Walitti bu'iinsa kana abbaa eegaleerratti bulchiinsi Tigraay TPLF'n hoogganamuufi aangawaan mootummaa federaalaa gidduu wal himataniiru.
Walitti bu'iinsi kuni hooggantoonni gartuu TPLF Bulchiinsa Yeroo Mootummaa Federaalaan hundaa'e diiganii aangoo erga to'atanii booda isaaniifi mootummaa federaalaa gidduu muddamni erga cimee booda mudate.
Aangawoonni bulchiinsa Yeroo Tigraay irraa aangoo fudhatan ALI Adoolessa 25, 2018 ibsa baasaniin ''mootummaan Badhaadhinaa barii Adoolessa 25, 2018 eegalee Lixa Tigraay kallattii Sharariinaatti ifatti waraana baneera,'' jechuun ibsan.
Sambata ganama ''waraanni'' eegale qophiiwwan kana dura turan ''qophii waraanaa, xuxxuqqaafi haleellaa diroonii eegalee'' hordofee ta'uu eere.
Himannaa aangawoota Tigraay irratti gama mootummaa federaalaas ta'e Raayyaa Ittisa Biyyaa wanti ifatti jedhame hin jiru.
BBC'n Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa akkasumas Dubbii Himaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irra deddeebiin argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Haa ta'u malee, Ministirri Jallisii Itoophiyaa Dr Abrahaam Balaay miidiyaa hawaasummaa isaanii Facebook irratti kan ''waraana bane'' mootummaa osoo hin taane dhaaba naannicha harkaa qabu, TPLF, tahuu himatan.
Mootummaan federaalaafi Boordii Filannoo Biyyaalessaan beekamtii kan dhorkame dhaabi TPLF yeroo adda addaatti tokko isa kaaniin lola narratti banuufi jedhanii wal himataa turan.
Dr Abrahaam fuula Facebook isaanii irratti ''humni kuni (TPLF) dargaggoofi daa'imman Tigraay waraana hin beekneefi kaayyoo hin qabnetti akka baalaa akka harca'an itti naqaa jira jedhan.
''Waraanni kuni ammuma yoo dhaabbachuu baateefi dargaggoon Tigraay waloon yoo hin sochoone balaa hamaan ni dhufa,'' jechuun gochicha balaaleeffatan.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhihoo parlaamaa keessatti haasaa taasisaniin TPLF Itoophiyaa 'jeequuf' Ertiraafi qaamolee Itoophiyaa morkatan kaan waliin hojjetaa jira jechuun himatanii turan.