Iraan nagaa buusuurra lolli daangeffamaa US walii gootu maaliif ishee fayyada?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Halaalaa yoo ilaalan haleellaan tasaa Iraan torbee kana buufata waraanaa Ameerikaa Joordaan jiru irratti raawwatte maaliif akka tahe ibsuun rakkisa. Waan hin baratamne dha. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu duraanuu gatantaraa ture diigeera.

Teehraan dhimmi dursa kennituuf dhukaasa dhaabuu taanaan haleellaa kanaaf sababa kennuun rakkisaa taha.

Tahus hogganooti Iraan haleellaan to'annoo ala hin baane faayidaa tarsiimawaa caalu qaba jedhanii yoo amanu tahe, haleellaan buufata waraanaa Ameerikaa Joordaan jiru irratti raawwate hiika kenna.

Waan taatee kana ibsu tokko, balaa qabaatus Teehraan fedhiishee fiixaan baasuuf lola daangeffamaa tahe barbaaddi kan jedhu dha.

Har'a, gamni lamaanuu waraana bal'aatti seenuuf qophii hin fakkaatan. Waashingitan lola bal'aa bu'uuraalee aannisaa naannichaa yaaddeessu, biyyoota kaan waraanatti waamu, gatii boba'aa qaalessu akkasumas baasii waraanaa Ameerikaa qisaasutti galuuf waan fedhii qabdu miti.

Iraanis akkasuma waraana bal'aa humna ittisaashee laaffisu, bu'uuraalee indaastirii saaxilu akkasumas diinagdee qoqqobbiin rukutame ittuu laaffisu hin feetu.

Iraan injifannoo waraanaa osoo hin taane lolli kuni dhiibbaa walitti fufaa uuma tarsiimoo jedhuun raawwataa jirti taha.

Dhukaasi dhaabuu yeroo dheeraa haala amma jiruun Iraan laaffisuu danda'a. Ameerikaan buufataalee doonii danquun itti fufaa, qoqqobbiin diinagdee akkuma jirutti jiraa, gabaa boba'aa addunyaarraas Iraan akkuma adda baateen turti.

Biyyooti alergii boba'aa irratti diinagdeen isaanii hirkatu Qataar, UAE, fi biyyooti kaan daldala isaaniitti yoo deebi'an Iraan akka qofaatti haftetti turti.

Lolli to'annoo ala hin taane Iraaniif haala kana jijjiiruu danda'a.

Iraan jeeqamuu Ulaa Hormuuziin gatii waraanaafi diinagdeen guddaa baasaa jiraattus dhiibbaan warri Huutii Baab el-Mendeb irratti gochaa jiran geejjiba doonii, gatii insdhuraansiifi gabaa aannisaa miidhaa jira.

Mootummooti, abbootii qabeenyaa dooniifi dhaaboti qabeenya biyya alaatii galchan fedhii Iraaniif xiyyeeffannoo akka kennan gochaa jira.

Iraan ammoo gamasheen haala kana keessatti dhiibbaa gochuu akka dandeessu amanti.

Marii dippiloomaasiillee bifa haaraa qabsiisuu barbaaddi Iraan. Dooniiwwan bilisaan akka socho'an eeyyamuu mannaa Iraan irra deddeebiin dambii isheen baastuun akka socho'an gooteetti.

Haala kanaan Ulaan Hormuuz otooma banameellee Teehraan dhiibbaa waan qabaattuuf haala waraanaan dura turetti hin deebi'u. Lolli daangeeffamaan adeemaa jiru Iraan kaayyooshee galmaan gahuuf dhiibbaashee qabattee akka turtu godhaan.

Akkaataa Teehraan hubattuun lola waraana guutuun gadi tahe itti fufsiisu dhukaasa dhaabuun qoqqobbiin diinagdee irraa ka'uurra wayyaaf. Sababiin ammoo uggurriifi qoqqobbiin dhimmoota badaa jijjiiraman miti.

Haala biraan ammoo biyya keessatti qaal'auu jireenyaa, hojii dhabdummaa, komii uummataa haalota rakkisaa Iraan mudataa jiranidha.

Yeroo lolli alaa jiraatu mootummooti mormii biyya keessaa tarkaanfii nageenyaa fudhachuufi deeggarsa waammachuun callisiisuu barbaadu. Kuni rakkoo diinagdee Iraan furuu baatus dhiibbaa siyaasaa battalaa irraa hir'isa.

Dhimmi waldhiitaan Teehraan mudachaa jirus kanuma. Nagaa mudaa baayyee qabu mannaa lolli waraanatti hin guddanne Iraaniif bu'aa qaba. Garuu lolli ilaallchaa raawwatamu gara lola to'annoon alaatti guddachuu danda'a.

Iraan garuu waraana guutuu keessa galuu irra lola Ameerikaarra dhiibbaa godhu, gabaa boba'aa addunyaa akkasumas dippiloomaasii irratti fedhiisheetti dhiibu geggeessuu feeti.

Tahus shallagni kuni balaa murteessaa qabaachuu danda'a. Waraana bal'aatti galuu dabalatee, lolli galma ifaafi xumura hin qabne hawaasa idiladdunyaarraa deebiin hamaa mudachuunii mala.

Ammayyuu lolli kuni bal'achaa akka jiru waan akeeku jira. Saa'udiin waraana kana keessa harka osoo hin galfatiin turte garee hidhataa Iraaq keessaa socho'u kan Iraaniif deeggaramuufi Huutii irratti haleellaa raawwattee jirti.

Daldalli addunyaa, gabaan boba'aa haala jeeqamaa jiruun yoo itti fufe biyyootti lola kana moggaarraa ilaalan Iraan irratti dhiibbaa gochuutti dacha'uu danda'u.

Mootummooti kaan ammoo lola achis, asis mudatu mannaa tarkaanfii bal'aa fudhachuun gatii baasuu filachuu danda'u.

Walumaagala haala kana keessatti Teehraan hangam tokko tarsiimoo kanaan otoo biyyota kaan lolatti hin harkisiin turuu dandeessi kan jedhu murteessaa dha.