Karoorri FIFAn Waancaa Addunyaa gurguruuf baase maaliif falmii kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezedaantin waldaa Kubbaa miilaa Idil Addunyaa (FIFA) Jiyaanii Infaantiinoon karoora gahee biizinesii Waancaa Addunyaa abbootii qabeenyaatti gurguruuf qabame haquu ifoomsaniiru.

Karoorri kuni ifa ta'uu hordofee waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa hoggansa Pirezedaantii FIFA irraa amantaa dhabuu ibse.

Miseensota 55 kan qabu waldichi gahee dorgommiiwwan idil addunyaa abbootii qabeenyaatti gurguruun yoo hojiirra oola ta'e dorgommiiwwan waancaa addunyaa irratti hirmaachuu akka dhaabu hime.

Ibsa waldichaa keessatti jechootni jaajjaboon pirezedaanticha irratti fuulleffatan hammatamaniiru. ''Hoggansa qindoomina hin qabnee fi karaa iccitiin waliin dhahu,'' kanneen jedhan turan.

Taateen kuni walfalmii bara 2021 Supparliigii Awurooppaa irratti ka'e nama yaadachiisa.

Liigichi kilaboota piriimerliigii ja'a dabalaatee kilaboota jajjaboo Awurooppaaa 12 kan hammate ture.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Ingilaand Gaarii Neeyivil Karoora FIFA kana 'albaadhessummaa' jechuun ibse.

Karoorri gahee daldalaa waancaa addunyaa Abbootii qabeenyaatif dabarsuu kan Infaantiinoon dhiheessanii ture bifa gaariin hin simatamne.

Isaan karoora kana haquu ibsanilleen falmiin isa hordofee ka'e ammalleen hin qorrin jira.

Kubbaan miilaa tapha maallaqa guddaa argamsiisudha. Taphattoonnii fi abbootiin qabeenyaa Kilabootaa maallaqni isaan argatan waan deeggartoonni tilmaamanii oli.

Amma karoora Infaantiinoo kana duuba maaltu ture kan jedhu baruu feesisa.

FIFA'n dhaabbata bu'aaf hundaa'e miti. Kuufama maallaqaa Doolaara Biliyoona lamatti dhihaatu qaba.

Waancaa addunyaa baranaa irraa bu'aa Doolaara Biliyoona 15 akka argate ni ifoomsa jedhamee eegama.

Karoora Infaantiinoon baasanii ture sanarratti biyyootni hanga Fulbaana 19 mallatteessuu jedhamee eegama.

Ta'ulleen bajata dabalataa guddina Kubbaa miilaatiif jedhamee ramadame doolaara miliyoona 40 biyyootni kunneen hin barbaadan.

Biyyootni kunneen irra hedduun isaanii gahee daldalaa waancaa addunyaa abbootii qabeenyaatti irraa gurguruun maaaliif akka barbaachiusaa ta'e ifa hin taaneef.

Gaaffii isaanii fuulleetti gaafachuu baatanilleen duuba duuba gaaffii isaan FIFA gaafatan jiraachuun waan oolu miti.

Pirezedaantii itti aanaan FIFA, gorsitoonni addaa fi gaggeesitoonni olaanoon FIFA gaaffii kana gaafachuuf hiree hin arganne. Karoorri kuni bahaa jiraachuulleen odeeffannoo hin qaban ture.

Karoorri kuni ifa ta'uu hordofee ifatti kan balaalleffate tokko waldaa Kubbaa miilaa Awurooppaati.

Karoorri kuni haqamuu irratti ibsa bahe irratti 'Gaggeesitoota FIFA amma jiranii fi maatii kubbaa miilaa kaanirraa amantaa dhabneerra' jedhe.

Ibsi kuni dabalataanis Pirezedaantiin FIFA Infaantiinoon, bara 2016 pirezedaantii ta'anii wayita filataman 'Ifa ta'uu qabna' jechuun waadaa seenanii turuu yaadachiise.

Onfaantiinoon abbootii qabeenyaa walgahaniin 'FIFA'n kan keessani' jedhaniinii turuulleen dabala.

"Maallaaqa Pirezedaantii FIFA'tii miti. Isin waldaaalee biyyaalessaati, guddina kubbaa miilaa FIFA malee waan biraatiif ooluu hin qabu' jechuu pirezedaantichaas ibsa kana keessatti yaadachiise. 'Waan waadaa seene lamaanuu faallesseera' jechuun qeeqe.

FIFA fi iftoomina pirezedaantichaa irratti gaaffiin yoo ka'u kuni kan jalqabaa miti.

Pirezedaantota itti aanoo FIFA saddeettan keessaa tokko kan ta'an, pirezedaantiin konfedereeshinii kubbaa miilaa Eeshiyaa sheeh Salmaan Bil Ibraahim Kaliif Kanaan dura gaaffii kana kaasanii ture.

Murteen kubbaa miilaa irratti dhiibbaa fiduu danda'u kamuu 'Yeroo sirri, iftoominaa fi karaa hiika qabuun' miseensotaaf dhihaachuu qabaa jedha.

"Hiree kubbaa miilaa gara fuulduraa murteeffamuu kan qabu mariidhaanii fi qaama dorgommiicha akka hoogganuuf aangoon kennameefiif kabaja karaa qabuun ta'uu qaba jedha" jedhan.

Dura taa'aan waldaa Kubbaa miilaa Awustiraaliyaa Anter Ayizaak gamasaaniin, amantaa irratti qabaachuun kan danda'amu 'Murtii gaarii qofaan osoo hin taane adeemsa gara murtii geesse irratti amantaa qabaachudhaan ta'uu qaba' jedhan.

Itti dabaluunis, qajeeltoowwan tokko tokko jijjiiramuu hin qaban. Isaanis amanamummaa, loogummaarraa bilisa ta'uu, bulchiinsa gaarii, iftoomina, marii hiika qabeessaa fi adeemsa sirrii ta'e jedhan.

Komii karoorichi kaase

Taateen miilanaa kuni mormii bara 2021 Supparliigii Awurooppaa irratti ka'e waliin walfakkaata.

Yeroo sanatti mormii kan dhageessisan deeggartoota kubbaa miilaati. Mormii isaanii kana piriimerliigiin, waldaan kubbaa miilaa fi mootii Wiliyaam irraa deeggarsa argataniiru.

Yeroo sana kilabootni hunduu liigii biyyaalessaa walqixa ta'e jalatti walii isaanii waliin akka dorgoman karoorri bahee kan ture.

Garuu karoorri kuni kilabootni liigiidhaan dalleeffamanii beeksisaa fi galii tamsaasa taphaa irraa argamuun badhaadhuuf karaa bana jedhamuun qeeqaame.

Karoorichi sa'aatii 72'f mormiin erga irratti deemeen booda haqame. Kilabootni carraa yaada irratti kennuu osoo hin argatin karoorri kuni miliqee gaazexeessitoota harka galee ture.kanaanis qeeqa guddaa keessumeesse.

Mormiin amma FIFA mudate kunis isaan walfakkaata. FIFAn qabxiiwwan murtii kana utuba jedhu ibseera. 'Karoorri marii ani karoorfaadhee ture sababa miidiyaaleetiin gufateera' jedhe.

Karoorri FIFA yeroo falmii kaasee jiru kanatti gaggeesitoota olaanoo FIFA keessaa tokko kan ta'an Keevin Lamir, "Pirojektii nama tokkooti' jechuun isaanii haalicha hammeesseera. Bulchiinsi FIFA 'Gowwoomfameera' jechuunis itti dabalan.

BBC spoort FIFA irraa deebii gaafateera. Keevin lamir dhaabbata isaan mindeesse FIFA dhaaf amanamaa ta'uun akka isaanirraa eegamu ibsuun'Qajeeltoowwan tokko tokko irratti miiltoowwan isaanii akka deeggaran' himan.

"Hojjettoonni dhibbaan lakkaa'amnu ogumichaaf jaalala kan qabnu kubbaa miilaatiif amanamoodha. Hojiikoo nadhabsiisa taanaan haa dhabu. Murticha nan deeggara. Yoo xiqqaate hirriiba nagaa nan rafa' jedhan.

Hariiroo Infaantiinoo fi Tiraamp

Pirezedaantiin FIFA Infaantiinoon Pirezedaantii Ameerikaa Doonaaald Tiraamp waliin hariiroo jabaa uuman. Waliin ta'uun waancaa addunyaa garee Ispeeniif kennan.

Karoora FIFA kana Doonaald Tiraamp deeggaruufii kan gaafataman Infaantiinoon Tiraamp irraa deeggarsa akka hin arganne himan.

Tiraampis dhimma kanarratti Infaatiinoo waliin akka hin haasofne ibsaniiru.

Niwuyoork post haqamuu karoora kanaa gabaasa hojjete irratti qaama eenyummana isaa hin ibsamne eeruun dhimmi kuni Obboleessa abbaa warraa intala Tiraamp, Jooshuwaaa Kushineriif 'Abjuu wareersaadha' jechuun ibse.

Obboleessi abbaa warraa intala Tiraamp Jaareed kushiner hundeessaa dhaabbata karoora kana hoggane, Tiraayiv Iternaali. Karoorri FIFA osoo hojiirra oolee dhaabbata kanatu hoggana ture.

Garuu Infaantiinoon karooricha haquudhaan ala filannoo biraa hin qabaanne.

Pirezedaantiin FIFA Infaantiinoon irra deebiin filatamuuf ji'ootaan booda sochii nafiladhaa deemsisuutu irraa eegama. Kanaaf jecha karoora baasaniin mormii isaan mudate irraa dandamachuutu isaan barbaachisa.

Waldaa kubbaa miilaa Awirooppaatti pirezedaantii itti aanaa kan ta'an Laawuraa Makalistar "Waldichi filannoowwan jiran hunda ilaalaa jira. ammatti kana sana jechuuf yeroonsaa ganaa ta'us, namootni ejjennoo isaanii akka ibsaniif sochiin akka jiraatu mirkana" jedhan.

"Torbee kana hojii guddaan karooricha kufaa taasisuudha. Tokkummaa fi walhubannaadhaan amma isa gooneerra" jechuun itti dabalan.

Kubbaan miilaa jijjiiramoota kan keessummeessu ta'ulleen, karoorri hundi garuu fudhatama argata jechuu akka hin taane taateen kuni mul'iseera.