Booranatti manaajarri gandaa lammiilee Keeniyaaf waraqaa eenyummaa kenne hidhaa cimaan adabame

Godina Booranaa Magaalaa Mooyyaleetti namni ''manaajara gandaa ture'' lammiilee Keeniyaaf waraqaa eenyummaa kennuun erga yakkamaa ta'uunsaa mirkanaa'ee booda hidhaa waggaa 18 fi birrii kuma shaniin adabame.
Waajjira Abbaa Alangaa Godina Booranaatti Abbaa Adeemsaa Yakkoota Dubartootaa fi Daa'immanii fi Farra Namaan Daldaluu kan ta'an Aadde Marwaa Abdurahmaan, yakkamaan Roobaa Waariyoo jedhamu kun ''Chaappaa ofiisaatii hojjechiifachuun'' waraqaa eenyummaa kennaa ture jedhan.
Akka isaan jedhanitti namni kun Mooyaleetti manaajara gandaa ta'ee hojjetaa kan turee fi erga caasaan manaajaraa badee hojjetaadhuma ta'ee tajaajilaa kan tureedha.
''San booda chaappaa hojjechiifatee namoota Keeniyaarraa dhufaniif waraqaa eenyummaa kennaa ture,'' jedhan.
Namni kun haala kanaan waraqaa eenyummaa kennuun kan barame erga namoonni waraqaa kana argatan to'annoo jala oolaniiti.
Lammiileen Keeniyaa waraqaa eenyummaa Itoophiyaa argatan kunneen ''namoota shan umriinsaanii waggaa 23 fi 50 gidduu ta'uu'' kan himan Aadde Marwaa Abdurahmaan, garuu ''Mooyalee keessaa osoo hin ba'in to'atamanii waajjira poolisii turan,'' jedhan.
''Namoonni kunneen waraqaa eenyummaa seeraan alaa, kan lakkoofsa bahii waajjiraa hin qabne qabatanii argaman. Poolisiin kana shakkuun to'ate.''
Sababa kanatti gochi nama kanaa saaxilamuufi dhimmichis xiyyeeffannaa seeraa argachuu kaasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraqaan eenyummaa seera qabeessa hin taane akkamiin akka namoota kunneen harka ga'e irratti wayita qorannoon gaggeeffamu warri ganda sanaa Chaappaa fi lakkoofsi waraqaarra jiru kansaanii akka hin taane ibsan.
''Wayita kana namni waan kana keessa jiru, kan akka gandaa fakkeessee dhuunfaa alatti hojjechiisu nama kana ta'uun barame.''
Haala kanaan labsii lakkoofsa 1178 jalatti ''yakka namootaaf waraqaa eenyummaa fi dokumentoota adda addaa qopheessuun daangaa ceesisuu jedhuun himanne,'' jedhan Adde Marwaan.
Namichi dhimma namoota shaniin himatamuu kan kaasan Aadde Marwaan ''namoonni kunneenis miidhamtoota ta'uun namicha himataniiru,'' jedhan.
''Innis gocha kana daangaarratti raawwachuu amaneera, waajjira poolisiirraallee kanumatu dhihaate. Anatu waraqaa eenyummaa sobaa kana hojjete jechuun ragaa ofirratti ba'e.''
Ragaan Abbaa Alangaa erga caqafamee akka ofirraa ittisu carraan kennamuufis ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef hidhaa cimaa waggaa 18 fi birrii kuma shaniin adabameera jedhan Aadde Marwaa Abdurahmaan.
''Baatii tokkoof erga adeemsi seeraa gaggeeffamee booda torban har'aa, Adoolessa 29, 2026 murtee argate.''
Namoonni karaa sirrii hin taaneen waraqaa eenyummaa Itoophiyaa argatan kunneen paaspoortii Keeniyaa kan qabanii fi karaa seera qabeessaan, immgireeshinii irraan, Itoophiyaa seenuuf akka turanii fi namni kun garuu ''haala salphaan waraqaa eenyummaa argachuu akka danda'an'' waadaa galuufiin gowwoomsuu ibsan.
Qorannoon wayita gaggeeffame namoonni kunneen sababa daangaa Itoophiyaa ce'uu barbaadaniif wayita ibsan ''dhimma fayyaa kaasan,'' jedhan.
Abbaan Alangaa namoota waraqaa eenyummaa seeraan ala qabatanii argaman kunneen himachuuf yaada dhiheessullee, namoonni kunneen ofiifuu miidhamtoota ta'uu waan himataniif ''qoratamanii, gorfamanii gara biyyasaaniitti deebifaman,'' jedhan Aadd Marwaa Abdurahmaan.
''Qajeelchi poolisii warra immigireeshinii waliin ta'uudhaan namoota kunneen erga mallatteessisanii booda gara biyyasaaniitti deebisan.''
Dhimmoota namoota daangaa ce'aniirratti xiyyeeffachuun akka hojjetan kan ibsan Aadde Marwaan, ''isaan dhimma fayyaa himatu, ammoo dhimmi miidhamtoonni kuneen ittiin imalan qorannoorratti nama rakkisa,'' jedhan.
Namoonni waraqaa eenyummaa karaa seeraan alaa fudhatan kanneen qabaman shan malee kanneen biroollee jiraachuu kan himan Aadde Marwaa Abdurahmaan, ''garuu odeeffannoo arganne malee to'annoo jala oolanii jecha irraa fudhachuu hin dandeenye jedhan.
Moyaaleen magaalaa daangaarra jirtu ta'uusheen jiraattonni gama Itoophiyaa fi gama Keeniyaa jiran waraqaa eenyummaa lama qabatu.
''Namoonni waan wal hin saaxilleef malee yakki kun uummata keessatti babal'atee akka jiru abbaan alangaa yaaddoo qabu ibseera.''
















