Qindoominni Sa'udiin biyyoota ollaa waliin goote Itoophiyaaf maal akeeka?

Ministira Muummee Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan ulaa galaanaa ''seeraan ala'' dhabde jechuun himu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Sa'udiin Masriifi biyyoota ollaa Itoophiyaa ofitti dabaluun qindoomina waraanaa Galaana Diimaa balaarraa tiksuuf kaayyeffate ijaaruu dhihoo beeksisteetti.

Kunis erga hidhattoonni Huutii Yaman keessaa Iraaniin deeggaraman koriidara daldalaa addunyaa keessaa ijoo ta'an keessaa tokkoorratti haleellaa banuu ibsan boodadha.

Qindoominni Sa'udi kuni kan dhagahame yeroo dhiibbaan waraana Ameerikaafi Iraan dinagdee addunyaa miidheefi ulaawwan daldalaa rakkoo buusettidha.

Gama kaaniin, sochiin Sa'udii kuni yeroo Itoophiyaan bulchiinsa Galaana Diimaa keessatti qooda fudhachuuf gaaffii yeroo cimsaa jirtu mudate.

Kuni, Itoophiyaaf ''yaaddoo guddaadha'' jedhu xinxalaan Gaanfa Afrikaa dhimma kanarratti BBC'n dubbise.

Biyyoonni ollaa Itoophiyaa qindoomina kana keessa jiraatanis Itoophiyaanis ta'e michuun ishee ijoo Yunaayitid Arab Emireet (UAE) keessa hin jirani.

Qindoomini kuni Itoophiyaaf maal akeeka? Dorgommii Sa'udiifi Yunaayitid Arab Emireetirrattihoo? Akkasumas, eenyutu keessa jira kan jedhu ilaalla.

Eenyutu keessa jira?

Walgahii idil-addunyaa qindoomina kana ijaaruuf kaayyeeffateerratti waamichi biyyoota 51'f taasifameera jedhameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaaf waamichi yoo taasifamee jiraates ta'e yoo Itoophiyaan hirmattee jiraatte wanti beekamu hin jiru.

Walgahii kana irratti bakka buutonni biyyoota 43 fi Gamtaan Awurooppaa hirmaachuu Ministeerri Ittisaa Sa'udii ibseera.

Qindoomina kana kan keessummeessees ta'e hoogganu biyya qarqara Galaana Diimaa jirtu, Sa'udiidha.

Kaayyoon ijoo qindoomina kanaa nageenya imala galaanarraa cimsuu, akkasumas bilisummaa imala geejibaa mirkaneessuudha.

Galaanni Diimaa ulaa daldalaa dooniiwwan gurguddoo keessa qaxxaamuraniifi boba'aa gabaa addunyaaf itti dhiheessanidha.

Waraana Ameerikaafi Iraan gidduu adeemun Ulaan Hormuuz irra deddeebiin danqamuun addunyaa balaa guddaarra buuseera.

Ulaan Hormuuz itti aanee ulaa biraa biyyoonni Giddugala Bahaa boba'aa isanii baasanii biyyoonni gurguratan immoo suluula Baab el-Mandeeb fayyadamu.

Sararri biyyoota Gaanfa Afrikaafi Yaman gidduu argamu kuni kibba Galaana Diimaa, Galfii Edaniifi Garba Guddaa Hindii walitti fida.

Ulaan kuni gama Kaabaan gara Kaanaalii Siwuuzittis geessa.

Galaana Diimaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.

Ibsa Ministeerri Ittisaa Sa'udi baase akka agarsiisutti, Sa'udi dabalatee biyyoonni 14 qindoomina kana keessa seenaniiru.

Lakkoofsi biyyoota kanaa gara fuulduratti dabaluullee danda'a jedhameera. Ministeerri Sa'udii biyyoota seenuu barbaadanif balballi banaa ta'uu eere.

Biyyoonni kunneenis, Sa'udi Arabiyaa, Turkii, Kuweet, Baahireen, Kataar, Jordaan, Masrii, Paakistaan, Jibuutii, Somaaliyaa, Baangilaadesh, Yamaniifi Komoroosidha.

Gabaasaaleen kaan Ertiraanillee qindoomina kana keessa akka jiru eeraniiru.

Haa ta'u malee, biyyoota jaha Galfii keessaa Omaaniifi Yunaayitid Arab Emireet keessatti hin argaman.

Hidhattoonni Huutii Adoolessa 20, 2026 Galaana Diimaa keessatti geejiba Sa'udii irratti dhorkaa akka kaa'an beeksisan.

Eegasiis dooniiwwan Sa'udii Galaana Diimaa keessa qaxxaamuran irratti haleellaa raawwachuu dubbatu. Sochiin dooniwwanis akka durii miti.

Sa'udiin immoo qiyyaafannoo hidhattooti Huutii Hudeeyidaay keessatti argamu qilleensarraa haleelteetti.

Yeroo waraana Gaazaa san hidhattooti Huutii Flisxeemota bira dhaabbachuuf jechuun dooniiwwan Galaana Diimaa keessatti qaxxaamuran haleelaa turan.

Sababa kanatti Gamtaan Awurooppaa bara 2024 imala geejibaa Galaana Diimaarra balaarraa tiksuuf sochii eegaleera.

Sochiin Ameerikaan taasifamees ni jira. Ta'us, qindoominni Sa'udii kuni kan duriirraa maaliin adda akka ta'e ifa miti.

Akkaataa qindoominni kuni itti dalagu akkasumas miseensonni waan gumaachan ammatti ifa miti, akka gabaasaaleen himanitti.

Itoophiyaaf wanti akeeku maali?

Sochiin Sa'udii kuni kan dhagahame yeroo Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa cimsitee jirtuufi humni waraanaa ijaarte Itoophiyaa qofa osoo hin taane Gaanfa Afrikaa tiksuuf humna qaba jettuttidha.

Dhimma Gaanfa Afrikaa kan xiinxalan Dr Nagaraa Guddataa sochiin qindoomina kanaa ''biyyoonni bulchiinsa Galaana Diimaa irratti hirmaachuu qaban biyyoota sarara galaanichaa qooddatan yaada jedhu kana waan deeggaru fakkaata,'' jedhu.

Kana dura Masriifi Ertiraan irra deddeebiin gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiheessitu mormaa turan.

Keessumaa dhimmi Galaana Diimaa biyyoota qarqara Galaana Diimaa jiran qofa ilaallata jechuunis irra deddeebiin dubbatu.

Haa ta'u malee, qindoominni kuni Itoophiyaan baay'ina ummataan Gaanfa Afrikaarraa wayyaba akkasumas dinagdeefi waraana cimaa qabdus Galaana Diimaa tiksuuf akka hin waamamne agarsiisa jedhu xinxalaan kuni.

''Kunimmoo hawwii Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuuf yaalii ishin gootu wajjiin xiqqooshee waan waldhiitu ta'uu danda'a,'' jechuunis himu.

''Dhimma bulchinsaarratti [Galaana Diimaa] sagaleen Itoophiyaan qabdu ammayyuu akka hin dhagahamne waan godhuudha adeemsi akkanaa jechaadha.

''Sana qofaa miti sirna bulchiinsaarratti qooda fudhachuu akka iseen hin dandeenye ammaaf waan akeekudha.''

Sochiin kuni ''Itoophiyaa hin mufachiisa'' yaada jedhu kan qaban hayyuun kuni, gama kaaniin nageenyaafi dinagdee Itoophiyaafis waan gumaachu qaba jedhu.

''Gama nageenyaafi tasgabbii Galaana Diimaatiin Itoophiyaanis waan irraa fayyadamtuuf'' faayidaa qaba jedhu.

Wanti biyyoonni yaadan yoo hojiirra oole ''[Itoophiyaan] achitti argamtees argamuu baattes'' Galaanni Diimaa nagaa taanaan irraa fayyadamti jechuun amanu.

'Yaaddoo guddaadha'

Itoophiyaan biyya guddoo ummata baay'ee qabduufi ulaa galaanatti ishee baasu hin qabnedha.

Kanatti waggoota lamaan darban Galaana Diimaatti bahuu ajandaa biyyaalessaa godhachuun sosso'aa jirti.

Suluula Baab el Mandaab

Sochii ishee kana garuu biyyoonni ollaa akka yaaddootti ilaalu, kan irraa gammachuu hin qabnes jiru.

Sochiin Sa'udi jalqabbiirra jiraatus ''fedhii ulaa galaanaatti bahuuf qabduurratti dhiibbaa qabaachuu danda'a'' jedhu Dr Nagaraan.

Keessumaa Itoophiyaan qaama bulchiinsa Galaana Diimaarratti ''hawwii guddaadha kan isheen qabdu.''

Yeroo Itoophiyaan Ulaa Galaanaatti bahu ''akka fedhii biyyaalessaatti dhiheessaa jirtu kanatti walitti qabaminsa kana keessaa hafun yaaddoo guddaadha imaammata alaa Itoophiyaadhaaf'' jedhu.

Garuu, mootummaan Itoophiyaan ''obsumaan waan itti dhaggeeffatu natti fakkaata. Maaliifi wantichi jalqabbiirra waan jiruuf.''

Sa'udin kana duras sochii akkanaa tolchitee akka turteefi Itoophiyaan yeroos gaaffii gaafattus gaaffiin suni deebii akka hin argannellee himu.

Dorgommii jajjaboo lamaan

Sa'udii Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emireet biyyoota Giddu gala Bahaa keessaa dinagdee guddaa ijaaraniifi wal dorgomaa jiranidha.

Keessumaa fedhiin isaanii kuni naannicharra darbee gara Gaanfa Afrikaas gaheera. Dhimma Iraan irratti garuu waliin dalagaa jiru.

Biyyoonni lamaan waraana Sudaan keessattis kaayyoo faallaa akka qaban xinxaltoonni ni himu.

Itoophiyaan biyyoota lamaan waliin hariiroo gaarii akka qabdu himu kanneen siyaasa xinxalan.

Haa ta'u malee, keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii hariiroon Itoophiyaafi UAE guddoo cimuu kaasu.

Tarii, michummaan Itoophiyaa UAE waliin cimuun wal ta'insa kana keessaa akka baatu gumaacheeraa laata?

Moo dorgommii lamaan gidduu jiruun olaantummaan Sa'udii cimaa kan UAE laafaa mul'atuu agarsiisaa?

Biyyoonni lamaan humna gidduu 'Middle Power' ta'u kan eeran Dr Nagaraan bulchiinsa Galaana Diimaa kanatti qindoominni ammaa Sa'udiin ''sagalee guddaa akka isheen godhattu'' ni gargaara jedhu.

Ilma mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan (mirgaa) fi Pirezidantii UAE Sheek Mohaammad bin Zayeed al Naahiyaan (bitaa)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilma mootii Sa'udii Mohaammad Bin Salmaan (mirga) fi Pirezidantii UAE Sheek Mohaammad bin Zayeed al Naahiyaan (bitaa)

Kunimmoo, dorgommii Sa'udiin UAE waliin qabduurratti ''bu'aa addaa'' ni kennaaf jedhanii amanu.

UAE'nis akkuma Itoophiyaa Galaana Diimaa qarqara hin argamtu.

Itoophiyaan qindoomina kana keessaa dhibuun ''Dippilomasii Itoophirraa kan madde osoo hin taane fedhii Sa'udi Arabiyaan Bulchiinsa Galaana Diimaarratti adda durummaa qabaachuudhaaf hawwii isheen qabdurraa kan maddedha,'' jedhu.

''UAE(Itoophiyaa) waliin baay'ee haa michoomanis malee Itoophiyaan Sa'udi duukaas dippilomasii gaarii kan ishin qabdu.

''Ministiroonni dhimma alaa yeroo garagaraatti wal argu, wal dubbisu. Kanaafuu, wanti addaa Itoophiyaan Sa'udi itti mufachiifte hin jiru.''

Kunis ta'u, aangawoonni Itoophiyaa ''Dhimmi kuni Itoophiyaa [irra] deddeebiidhaan akka isaan muufachiise Sa'udidhaaf kaasuu waan dhiisan natti hin fakkaatu'' jedhu.

Kana dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan miseensa Liigii Arabaallee ta'uu qabdi jechuun parlaamaa keessatti dubbataniiru.

Qindoomina Sa'udiin dhihoo beeksiste keessatti Itoophiyaan ni seentimoo hin seentu kan jedhu ammatti baruun nama rakkisa.

Biyyoonni miseensa ta'an garuu kanneen qarqara Galaanaa argaman qofaa miti.