Obbo Tawoldee G/Maariyaam Daandii Indiyaa hoogganuuf muudaman

Madda suuraa, Getty Images
Hojii Gaggeessaan olaanaa duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Tawoldee G/Maariyaam Daandii Qilleensa Indiyaa hoogganuuf muudaman.
Dhaabbanni 'Air India' gaafa Roobii akka beeksisetti, Obbo Tawoldeen qormaata dhaabbatichi keessa jiru furuuf itti gaafatama fudhatu.
Hindii keessatti dhaabbata guddicha lammataa kan ta'e dhaabbatichi booda kana kasaaraafi balaa waggaa dura dhaabbaticha mudateen dhiibbaa jala seeneera.
Obbo Tawoldeen Daandiin Qilleensa Itoophiyaa sadarkaa amma gaherra akka gahu kanneen guddoo gumaatan keessaa tokkodha.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa keessaa daandii guddicha yoo ta'u xiyyaarota hedduu horachuun ala hojii isaa babal'isaa jira.
Bara bulchinsa Obbo Tawoldee, keessumaa bara Kovid dhaabbileen qilleensaa kasaaraa yoo seenan, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufachuu danda'eera.
Akkasumas xiyyaarri Itoophiyaa Finfinneedhaa gara Naayiroobii osoo imaluu kufee caccabuun namoonni hundi dhumanii qormaata isa qunnamerraa dandamachuu danda'eera.
Dhaabbati amma bulchuuf jedhan 'Air India' waggaa dura kufuun namoonni 260 lubbuu dhabuun booda qormaata jabaa keessa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Balaa isa dhaqqabeen to'attoota aviyeeshiniitiin to'annoon cimaa jala jira.
Dhaabbati kuni lakkoofsa imaltoota imalchiisuun Hindii keessatti daandilee qilleensaa jiran keessaa sadarkaa lammataarratti argama.
Dhaabbanni kuni dhaabbata 'Tata Group' jedhamu keessaa qooda 75% qaba, Daandii Qilleensaa Singaappor keessaas qooda 25% ni qaba.
Xiyyaarota 200'tti siqan qaba, hojjettoota 31,000 ol qaba. Sadarkaa idil-addunyaattis toora balalii biyya keessaafi alaa 90 ol qaba.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti waggoota 20 ol kan tajaajilan Obbo Tawoldeen itti gaafatama garagaraa keessatti tajaajilaniiru.
Damee geejibaa waarawaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessatti miseensa garee gorsitootaa akkasumas miseensa boordii Istaar Aliyaans kan Daandiin Qilleensa Itoophiyaa miseensa ta'e keessattis miseensa boordii ta'un tajaajilaniiru.
Miseensa boordii Waldaa Geejibaa Idil-addunyaa (IATA), akkasumas miseensa koree ijoo Waldaa Daandiilee Qilleensaa Afrikaa (AFRAA) ta'uunis tajaajilaniiru.
Kana dura yeroo Hojii Gaggeessaa Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta'uun tajaajilanitti badhaasota garagaraa badhaafamaniiru.



















