Iraan Ulaa Hormuuz ilaalchisee waliigalteen Omaan waliin gootu sadarkaa dhumaarra gahuu ibsite

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: "Everyone hates it except Iran", says former US diplomat on new Hormuz deal
    • Barreessaa, Sofia Ferreira Santos
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Iraan imala Ulaa Hormuuz irraa ilaalchisee Omaan waliin waliigalteerra gahuu himte.

Dubbii himaan Ministeera dhimma alaa Ismaa'el Baageeh dhimma kanarratti ibsa bal'aa hin kennine, garuu "boqonnaa dhumaarra gahe' jedhan.

Baageeh, haa ta'uu malee waliigalteen Omaan waliin godhamu wabii nageenya imala Ulaa Hormuz ta'uu akka hin dandeenye akeekkachiisan, nageenyi isaa uggura US buufataalee Iraan irra keessen miidhamaa jira waan ta'eef jedhan.

US fi Omaan waayee waliigaltichaa homaa hin jenne.

Guraandhala US fi Israa'el Iraan haleeluu erga jalqabanii Teehraan irra caalaa Ulaa Hormuuz kan boba'aa fi gaaziin addunyaa harki 20 keessa darbu cufteerti.

Kibxata Pirezdantiin US Donaald Tiraamp Iraan dhiyootti Ulaa Hormuuz hin bantu taanaan "haleellaa laalessaatu ishee eeggata" jechuun akeekkachiisanii turan.

Yaadni Tiraamp kun kan dhagahame wayita qondaaltonni US imala dooniiwwanii bakkatti deebisuuf mariiwwan gaggeeffaman jijjiirama agarsiisaa jiraachuu wayita ibsanitti. Iraan garuu US waliin mari'achaa akka hin jirree fi mari'achuufis karoora akka hin qabne himti.

Doonii Ulaa Hormuuz keessa imaltu bakka Musandam irraa, Omaan, Hagayya 03, 2026

Madda suuraa, Reuters

Biyyoota lamaaniifi kanneen jaarsummaan jidduusaanii deddeebi'aniif Ulaa Hormuuz banuun dhimma ijoo marii ti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan dubbii isaanii keessatti "qabiyyee ulaa kanaarratti " Omaan waliin waliigaluu himan.

"Gama US dhimmoonni nageenya ulaa kanaa danqan itti fufanii jiru, keessattuu uggurri galaanaa fi weerarri kuunii fi gochoonni yaaddoo nageenyaa Iraanii fi dantaawwan ishee ta'an" jedhan gabaasa IRNA News Agency irratti akka bahetti.

Deetaan ministeera dhimma alaa Kaazem Gaaribabaadii boodarra IRNA irratti dubbii dubbataniin ulaa haaraan yeroodhaaf fi ji'oota lamaa hanga afuriitti banaa ta'a jedhan. Kana caalaa haasaa bal'aa hin dubbanne.

Kamisa gatiin boba'aa gadi bu'ee jira, boba'aan Bireent gatiinsaa boba'aa addunyaaf ka'umsa ta'e 0.3%'n gadi bu'ee ganama gabaa Eeshiyaatiin $79.24 galeera.

Yeroo waraanaa sababa karaan danqameef gatiin boba'aa olis gadis jechaa ture.

Yeroo waraanni eegalee kaasee, imalli Ulaa Hormuz haphatee ture. Iraan kanneen as keessa darban hundi dursanii narraa mirkaneeffachuu qabu jette,- dooniiwwan ajaja ishee didan immoo ni haleelte.

Dhimmi waldhibdee Teehraani fi Waashingtan tokko Iraan ulaa kanarratti qaraxa kaffalchiisuuf dhaadachuu dha..

Iraan qaraxa hanga 5% fi 7% fe'iisa dooniiwwan ulaa kana fayyadamanii kaffalchiisuu akka heddu qondaalli olaanaan Iraan tokko Rooytarsitti himan. Omaan gara 3% haa goonu yoo jettu US qaraxni hin barbaachisu jetti.

Karoorri marii biyyoota lamaanii qaraxa kaffalchiisuu kun Tehraan dooniiwwan ulaa Hormuuz seenan irratti to'annoo akka qabaattu akka godhu gabaasni Rooytarsi ni agarsiisa.

Adoolessa keessa, Iraanii fi US waligaltee wal hubannoo lola dhaabuu, Ulaa Hormuuz banuu fi guyyoota 60 keessatti waraana dhaabuu mallatteessanii turan. Waliigaltichi yoosuu fashale.

US uggura buufataalee Iraan irra keesse itti fufte, Adoolessa 20 Huutiin galaana diimaa cufee buufataalee Sa'udirra uggura kaaye.

US fi Israa'el Iraanirratti haleellaa kan banan Guraandhala 28 ture, Iraan michoota isaanii biyyoota Galoogalaanaa haleeluu fi Ulaa Hormuuz cufuun haaloo bahaa turte.

Haleellaa guyyaa duraan Hogganaan Iraan Ayaatolaa Kaamenii ni ajjeefame, ilmisaa Mojtabaa Kaamenii bakka isaa bu'e.

Mojtabaa Kaamenii abbaasaa bakka bu'uun Hogganaa Iraan ta'e

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Suura Mojtabaa Kaamenii

Mojtabaa Kaamenii haleellaa jalqabaatiin yoo madaawu, ergasii uummata duratti hin mul'anne.

Presidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Roobii Kaamenii waliin wal qunnamuun "ammatti rakkisaa dha" jedhan.

"Waa maraafuu jiraachuun isaa jabina keenya, homaa hin taanu" jedhan.

Kaamenii xiqqichi, awwaalcha abbaasaarrattis hin mul'anne, ergaawwan dabarsus barreeffamaan dabarsaa jira. Kun hariiroo isaa fi qondaalota olaanoo irratti gaaffii kaasaa jira.

Pezeshkiyaan garuu qunnamtii gaarii akka qabanii fi waliin mari'achuu himan.

"Akka carraa ta'ee haalli amma irra jiru namoonni hamiiwwan adda addaan akka odeessanii fi waayee isaa bifa hin taaneen akka hubatan godheera" jedhu.