Deeggartoonni Waancaa Addunyaa sagadaa, wareegaafi shaakala hafuuraan gargaarsa kadhachaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Lebo Diseko
- Gahee, Global religion correspondent
- Gabaasni irraati, London
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
Daliyaa Woker waancaa addunyaa darbe irratti biyyi isaanii waancaa addunyaa akka injifattu kan gargaare- giddu seentummaan humna hafuurawaa wayii jira jettee amanti.
Bonasaayires kan jiraattu ga'eettiin ganna 41 tuni "Raajiin wayii Arjantiinaan akka waancaa addunyaa moo'attu gargaareera" jetti.
Daliyaan garee warra qaalluu kan hafuuratti amananii fi garee Arjantiinaa fi Liyooneel Meesiidhaaf wareega godhan keessaa takka.
Gareen dubartootaa kuni 'la Birujineta' jedhanii ofwaamu. Jechoota lamarraa walitti fidanii uuman.
'Bruja' hiiknisaa 'warra hafuuraan waa hojjetuu fi 'La Scalonet' maqaa garee masoo Arjantiinaati.
Akka Daliyaan jettutti, gareen La Brujineta kuni hojii falfalaa hafuuraa kana hojjechuuf kadhannaa, sagadaa, duungoo fi raajii adda addaa fayyadamu.

Madda suuraa, Dalia F Walker
Gareen kuni karaa miidiyaa hawaasummaa Whatsapp walqunnamuun garee Arjantiinaatiif gama kam irratti falala hojjechuufii akka qaban waliin mari'atu.
Falfalli isaan irra deddeebiin hojjetan keessaa tokko garee faallaa isaanii taphatu keessaa nama wayii akka milli dhallaadduu bishaan keessaa ta'ee laafu godhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daliyaan garuu gocha isa kana hin deeggartu.
Isa caalaa hojii hafuuraawaa gaarii ta'e kan akka duungoo ibsuun garee isaanii akk aanniisaa gaarii argatan gochuutu filatama jetti.
Bara 2022 yeroo Kaataar irratti Arjantiinaan waancaa addunyaa injifatte gareen La Brujineta milkaa'ina hojii isaanii akka keessa jiru amanu.
"Akkan ani amanutti akka waancaa moo'annuuf hojiin hafuuraa hojjenne gargaareera" jetti Daliyaan.
Kanaaf jechas waancaa addunyaa branaa irrattis duungoo adii fi cuquliisa kan uffannaa garee biyyaalessa arjantiinaa ibsu teessoo isheerratti qabsiisuun kadhata amma duraa baranas akka itti fuftu dubbatti.
"Arjantiinaa keessatti wanta tokko yaaltee yoo milkoofte, yeroo itti aanus akkaatuma duraa sanaan irra deebitee hojjechuu qabda" jetti.
Taphoota waancaa addunyaa irratti hojii hafuurawaa akkanaa kan hojjetu garee deeggartoota Arjantiinaa qofa miti.
Gareen warra Peeruus magaala guddoo isaanii Limaa keessatti gareen isaanii gulaallii waancaa addunyaa akka darbuuf kadhannaa hafuuraa taasisaniiru.
Garuu rukuttaa adabbii Awustiraaliyaadhaan 5- 4 moo'aman. Afrikaa keessatti keessumaa gama kubbaa miilaatiin hojii hafuuraatiin deeggaruun kuni barsiifata guyyuuti.
Sirnoota kadhannaa fi falfala
Gochoonni kuni namoota tokko tokkoof aadaa durturee fi fayyinsa fidu.
Konfedereeshiniin Kubbaa miilaa Afrikaa (CAF) bara 2002 irraa kaasee 'Garee gorsitootaa' kanneen jedhamanii fi kanneen hojii hafuurawaa hojjenna jedhan gareewwan kubbaa miilaa keessatti qooda akka hin qabaanne dhorke.
Gazexeessaan kubbaa miilaa Maher Mezahi, ammayyuu taanaan deeggartonni kubbaa miilaa istaadiyeemii keessatti shubbisa, meeshaalee falfalaa kanneen fakkaatan uffatanii fi yeroo tokko tokko ammoo labooba ibiddaa mu'isan jiraachuu hima.
Ji'a Sadaasaa bara darbe Naayijeeriyaan yeroo calallii waancaa addunyaa irraa kufte Leenjisaan garee biyyaalessa biyyattii gareen Rippaabliika koongoo hojii falfala hafuuraa nurratti hojjete jechuun himatanii ture.
Leenjisaan garee biyyaalessa Koongoo, Filoorent Ibeengee himata kana 'Himata bu'uura hin qabne' jechuun deebii kennan.
"Kilabootni ciccimoon jiru. Taphattoonni ciccimoon achi taphatu.kanaaf wanti Awurooppaadhaaf haaraa ta'uu malu kamuu ija shakkiitiin ilaalamuu mala" jedha Mezahiin.
Ta'ulleen gochoonni akkanaa waan Afrikaanonni itti qaana'an ta'uu akka hin qabaannee fi kuni waanuma namootni jireenya guyyaa guyyaa keessatti raawwatan akka ta'e hima.
Ilaalchi "Gochoonni hafuurawaan Afrikaanotaa akka waan duubatti hafaa fi addunyaa sadaffaatti ilaalamu. Kan gama lixaatii dhufu ammoo akka gaarii ta'etti fudhatama.
Kan namootni hedduun irratti waliigalan garuu hojii hafuurawaa kana garee faallaa irratti dhiibbaan akka uumamuuf kadhachuu fi hundaaf waaqa kadhachuun waan wal addaa ta'uudha.

Madda suuraa, Getty Images
Waaqni waltajjiirra jira
Gareewwanii fi deeggartoonni kubbaa miilaa Afrikaa akkuma amantii Islaamaa fi Kiristaanaa keessatti barsiifatoota Abrahaam fudhachuu caalaa iftoomina qabu jedha Mezahin.
Iyyi deeggartoota garee biyyaalessa Aljeeriyaa irraa dhagahamu Allah akka garee isaanii eeguu fi gargaaru ergaa jedhu qaba.
"Gareewwan lixa Afrikaa hedduu keessumaa warra akka Gaanaa fi Naayijeeriyaa yoo dhageefatte tapha hunda irratti faarfannaa dhageessisu" jedha.
Ministirri Ispoortii Gaanaa Kofi Idiyee mana amantaa keessatti garee Biyyaalessa Biyyatti kan Urjiiwwan Gurraacha jedhamaniif akka amantoonni kadhatan yoo gaafatan dhagahaman.
Waldaan Kubbaa miilaa Gaanaas amantiiwwan gurguddoo lamaan biyyattii, Kiristaanaa fi Musliimonni garee biyyaalessaaf akka kadhatan gaafatan.
Tajaajilli Kiristaanaa biyyaalessaa Gaanaa magaala Guddoo biyyattii Akraa keessatti sagantaa kadhannaa garee kubbaa miilaaf adeemsiseera.
Kana malees Imaam biyyaalessaa biyyattii bira deemuunis kadhannaa Islaamaas fudhataniiru.
"Waaqni waan nuti hojjennu hunda gidduu jira jennee amanna. Tattaaffiin namaa dhugaadha nibarbaachisa garuummoo tattaaffiin suni akka ija godhatuuf eebba waaqaa gaafachuu barbaachisa" jedha Gaazexeessaan Akraa jiru Natan Larii.

Madda suuraa, Getty Images
Akka mezahiin jedhutti Biyyoota Afrikaa Kanaan alatti haala adda ta'een biyyi Kubbaan miilaa fi kadhannaan baayyee walitti hidhame jirti.
"Dargaggeessa ta'ee kubbaan miilaa dhuguma kadhannaa wajjiin walitti hidhamiinsa qaba jedhee akkan yaadu kan nagodhe bara 2002 yeroo Biraaziil waancaa addunyaa moo'atte"
"Taphataan Biraaziil Kaakaan Tshirt ofirraa baase. Uffannaa jalaa isaarratti barreeffama 'ani kan Iyesuusi' jedhu mul'ise. Waan ajaa'ibaati. Sana dura taphattoonni uffannaa biraa jalatti akka uffatan hin beekun ture" jedha.
Waan suni "addunyaaf ergaa dhaamame" jedha Mezahin.
Bara sana xiyyaarri taphattoota garee Biraaziil fe'e osoo balallii hin eegaliin kadhannaan irratti taasifame. Sirna aviyeeshinii keessatti kadhannaan akkanaa kan taasifamu imala murteessaa ta'e osoo hin taasisin dursa.
Yeroo sana deeggartoonni Kubbaa miilaa Biraaziil kadhannaan kuni Biyyattiin waancaa addunyaa ja'affaa injifattee rikardii addunya qabatti jedhanii amananii ture. Akkasumas ta'e.












