Ulfaatina kaasuun hanguma umriin keessan deeme fayyaa keessan akka foyyeessu beektuu?

Dubartii bishaan qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sochiin qaamaa kamiyyuu umrii dheeraa akka jiraannu nugargaara, garuummoo jabinni qaamaa jireenyi keenya fooyya'aa akka ta'uf nu gargaara.

Ogeeyyiin jabeenya qaamaa, sochii qaamaa taasisuun namoonni jireenya fayyaalessa ta'e akka jiraatanfi umrii dheeraa akka jiraatan akka taasisan himu.

Haata'u malee, sochiilee qaamaa hojjennurratti ulfaatina kaasuufi jabeenya qaama keenyaa guddisuun faayidaansaa dachaa akka ta'e himu.

Biyya Kaanaadaa, Yunivarsiitii MaakMaastaritti qorataa sirna maashaalee kan ta'an Istuwaart Filiips, 'yeroo baay'ee namoonni waa'ee fayyaafi sochii qaamaa yemmuu haasa'an dhimmi jabeenya qaamaa xiyyeeffannoo guddaa hin argatu' jedhu.

Haata'u malee, faayidaa ulfaatina kaasuun argamsiisu argachuuf sochiilee qaamaa taasifnurratti sochiilee jabeenya qaama keenyaa dabalan taasisuun barbaachisaa akka ta'e himu.

Faayidaawwan gurguddaa

Yunivarsiitii Ayoowaatti ogeettii dhimma dhukkubootaa kan ta'an Jess Gorzelitiz, sochiilee jabeenya qaamaarratti xiyyeeffatan gochuun sochiilee kunneen gochuu dhiisuun yeroo madaalamu faayidaa guddaa akka argamsiisu himu.

"Namoonni rakkoo fayyaaf saaxilamoo ta'anis kunneen sochiilee qamaa jabeenya qaamaarratti xiyyeeffatu hin hojjennedha" jechuunis himu.

Sochiilee jabeenya qaamaarratti xiyyeeffatan torbeetti al lama, daqiiqaawwan 20-30'f hojjechuun eegaluun gahaa akka ta'e kan himan immoo Istuwaart Filiipsi.

Haaluma kanaan kutaa qaama keenyaa gara gadiif sochiilee qaamaa akka irra deddeebiin taa'anii dhaabbachuu (sit-to-stands), ulfaatina gateettiirratti baatanii akka taa'uu jedhanii ol ka'uu (squats) fi akka nama tabba bahuu irra dedeeebiin waan olka'aarra ejjetanii deebi'uu (step-ups) hojjechuu gorsu.

Kutaa qaamaa gara oliif immoo pushaappii fi dugdaan ciisanii ulfaatina harkatti qabatan irra deddeebiin lapheedhaa ol dhiibuu (chest press) hojjechuu akka dandeenyu himu.

Maashaalee naannoo mudhii yookiin garaa jiran jabeessuuf immoo sochiin qaamaa quba miilaafi ciqilee harkaan lafa tuquun garaacha keenya lafaa olkaasneefi qaama keenya diriirsinee turuun hojjennu (planks) faayidaa guddaa akka qabu dubbatu.

Sochiilee gurguddaarratti xiyyeeffachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humna mormiitti fayyadamuun sochiilee qaamaa maashaalee keenya jabeessan hojjechuuf mana jiimii deemuun yookiin immoo meeshaa ispoortii adda ta'e qabaachuun dirqama miti.

Fakkeenyaafis koddaa bishaaanin guutame harkaan qabannee harka keenya diriirsinee kottoonfachiisuun maashaa harka keenyaa cimsuu akka dandeenyu Gorzelitiz himu.

Gama biraatiin sochiilee qaamaa jabeenya qaamaa keenyaa guddisan yemmuu hojjennutti ofiin morkachuun barbaachisaa akka ta'es ogeeyyiin himu.

Fakkeenyaaf sochiin goone tokko akka malee salphaa ta'ee yoo nutti mul'ate ulfaatina dabaluun yookiin immoo irra deddeebii sochii qaamaa sana taasifnu dabaluun qaamni keenya qormaata akka baru taasisu akka qabnu himu.

"Sochii qaamaa taasifnu suutuma suuta dabalaa deemuun ji'oota booda jijjiirama guddaa arganna" jedhu Filiips.

Haa ta'u malee hammi sochii qaamaa yeroo yeroon dabalaa deemnu kun kan nu miidhu osoo hintaanee humnafi dandeettii keenya kan madaalu ta'uu akka qabu gorsu.

Haala kanaan sochiilee jabeenya qaamaarratti xiyyeeffatan bifa itti fufiinsa qabuun taasisuun carraa umrii dheeraa jiraachuu nuuf laatu. Qorannoowwanis carraa dhukkuboota akka onnee, kaansariifi sukkaaraaf saaxilamuu keenya hir'isuun cinatti du'a umrii maleef akka hinsaaxilamne akka nugargaaru himu.

Sochiilee qaamaa maashaalee keenya jabeessan torbee keessatti daqiiqaawwan 30-60'tti hojjechuun carraa sababa kamiinuu du'uu dhibbeentaa 10-17'n akka hir'isu qorannoon agarsiisa.

Dubartii ulfaatina kaasaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Daangaa umrii malee...

Sochii qaamaa jabeenya qaamaarratti xiyyeeffate hojjechuun dhimma umriidhaan kan daanga'u miti.

Dhimma kanarratti qorannoo kan taasisan Jesikaa Gorzelitiz, maanguddoonni umrii waggaa 70 ol ta'anfi ulfaatina kaasan kunneen ulfaatina hinkaasneen yeroo madaalaman carraa du'uu gadi aanaa qabu.

Itti fufiinsaan ulfaatina kaasuun "Hanguma umriin keenya dabalu fayyummaafi guddina maashaarratti jijjiirama akka agarru nutaasisa" jedhu Gorzelitiz.

"Maashaa dabalataa qabaachuun immoo yeroo dulloomnutti akka humna eeggataa ta'uun nufayyada" kan jedhan immoo qorataa sirna maashaalee kan ta'an Istuwaart Filiipsi.

"Yeroo dhukkubni, miidhaan qaamaa, baqaqsanii yaaluun yookiin dullumni dhufu maashaan kuufamee taa'e nubarbaachisa. Kanaafuu sochii qaamaa qaama keenya jabeessuu hojjechuun jireenya gara fulduraa keenyaaf akkuma maallaqa sooramaa kuufachuuti" jedhaniiru.