Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni Huutii akkamiin Saawudi Arabiyaa dhiphina keessa galchuu danda'an?
Duulli waraanaa akkasumas tattaaffiin diplomaasiifi diinagdee Saawudi Arabiyaan waggoota 10 darbaniif taasisaa turte jalqaba ji'a Fulbaanaarraa eegalee qormaatni isa mudateera.
Hidhattoonni Huutii haleellaa saffisaa raawwachuun hidhattoonni mootummaa Yamaniin deegaraman iddoo qabatanii turan gadi dhiisuun akka dheeffan taasisaniiru.
Amma sochiin hidhattoota Huutii maqaa Za Ansaar Allaah (deeggartoota uumaa) jedhamuun beekamu gama Lixa Yamaniin qarqara Galaana Diimaa to'achuun gara iddoo daldala boba'aa Saawudi Arabiyaaf murteessaa ta'e ulaa Baab El-Maandabitti fiigaa jira.
Ameerikaan ji'a Bitootessaa darbe Iraan irratti waraana labsuushee hordofee Iraan ulaa Hormuuz cufuusheetiin Saawudi Arabiyaan boba'aashee daddabarsuuf Baab El-Maandab akka filannoo biraatti fayyadamaa turteerti.
Haa ta'u malee hidhattoonni Huutii, Saawudi Arabiyaan "diina keenya" jedhan, magaalotafi bu'uraalee misoomaa anniisaa biyyattii misaa'elotafi dirooniiwaaniin haleeluu cimsanii itti fufaniiru.
Miseensa fooramii idiladdunyaa Galoo Galaanaa kan ta'an Dr. Aziiz Algaashiyaan, "Sarara lubbuu diinagdee Saawudi Arabiyaa ta'e, karaan biyyattiin boba'a gara biyya alaatti itti ergitu sadarkaa olaanaan gufateera" jechuun BBC'tti himaniiru.
Jikita boba'aa Saawudi Arabiyaan omishtu keessaa dhibbeentaa 80 kan ta'u gabaa biyyoota Eeshiyaaf kan dhiyaatu ta'uusaa ragaan dhaabbata biyyoota boba'a alatti erganii (OPEC) agarsiisa.
Kanaafis biyyattiin boba'aa gabaa Eeshiyaaf dhiyeessuuf ulaa Baab El-Maandab fayyadamuun dirqama itti ta'a.
Haa ta'u malee torbeewwan lamaan darban keessa hidhattoonni Huutii magaalota dhiyeenya ulaa Baab El- Maandabitti argamanfi Mokaafi Dubaab jedhaman to'ataniiru.
Teessoon hidhattoota Huutii magaalaa Sana'aa yemmuu taatu, ammatti naannolee daangaa Saawudi Arabiyaa dabalatee kutaan Kaaba Yaman harki caalmaan to'annoosaanii keessatti argama.
Mootummaan Saawudi Arabiyaa ALA bara 2015'tti ture biyyoota biroo walin qindoomuun Yaman keessatti mootummaa fudhatama qabu hundeessuuf duula kan eegale.
Gamtaan Saawudi Arabiyaan hogganamu kunis haleellaawwan qilleensarraa kumaan lakka'aman raawwachuun namoota kumaatamaan lakka'aman ajjeesuusaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hima.
Dhimmi kunis gamtichi akka komatamu taasise.
Bara 2021'ttimmoo pirezidaantii US kan turan Jo Baayidan biyyisaanii gurgurtaa meeshaalee waraanaa dabaltee deeggarsawwan duula Yaman keessatti raawwatamuuf taasiftu adda kutan.
Walitti bu'insichi lubbuu namoota kuma 150 kan galaafate yemmuu ta'u, namoonni miliyoona 4.8 qe'eesaanirraa buqqa'aniiru, ummata waliigalaa biyyattii keessaa walakkaan (miliyoona 19.5) deeggarsa barbaaduuf dirqamaniiru.
Kana malees waliigaltee bara 2022 keessa taasifame hordofuun hanga tokko tasgabbiin uumamee turus duulli warri Huutii yeroo ammaa taasisaa jiran humni waraanaafi dhaabaa isaanii guddachaa jiraachuusaanii agarsiisa.
"Sochiin muuxxannoon deegaramefi amma argaa jirru kun naamusaafi ijaarama kan qabu qofa osoo hintaanee, ergaa gama dabarsuunis ta'e akeekawwan gama adda baasuutiin tekinoloojiiwwan ammayyaa hubannoo namtolchee ofirraa qaban kan fayyadamudha" jechuun Yunivarsiitii Kaambiriijitti barsiistuu kan ta'an Dr. Elizaabet Kendaal himaniiru.
Gama biraatiin immoo Iraan meeshaalee waraanaa akka dirooniifi misaa'eloota kiruuz fi baalistikii hidhattoota Huutiif kennuun qoqqobbii meeshaa waraanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin irra kaa'ame cabsiteerti jechuun angawoonni US fi Saawudii himatu.
Iraan gama isheetiin hidhattoota Huutiif meeshaa waraanaa dhiyeessaa akka hinjirre, deeggarsishees deeggarsa siyaasaa qofa ta'uusaa beeksifteerti.
Haa ta'u malee dhaabbanni qorannoo siyaasaa idiladdunyaa Xaaliyaanii akka jedhutti, hidhattoonni Huutii Yaman keessaa warshaalee dirooniiwwan omishuu isaan dandeesisan akka ijaaraniif Iraan deeggarsa gooterti.
Akaadamii waraanaa West Pooyint keessatti kan argamu giddugalli ittisa shororkeessummaa Ameerikaa immoo finciltoonni Huutii garee hidhattootaa Libaanos keessa socho'u Hizboolaarraa gorsafi deeggarsa waraanaa argachuusaanii ibseera.
Warri Huutii gama isaaniitiin yaada ajandaa Iraan hordofaa jiru jechuun irratti ka'u hinfudhatan.
Chaataam Haawusitti dhaabbata dhimmoota idiladdunyaa rooyaal keessa kan hojjetan Faariyaa Al-Musliimii gama isaaniitiin, gara Baab El-Maandab gahuun hidhattoota Huutii ejjennoo Iraan naannichatti qabdu cimsuusaa dubbatu.
"Ammatti Iraan marii US walin qabduun kan duraanii caalaa humna olaanaa qabdi" jedhaniiru.
Kendaal immoo, "deeggarsi Iraan jiraachuu baatullee warri Huutii waan godhan akka itti fufan nan eega. Kaka'umsafi kaayyoo mataasaanii qabu. Yeroo ammaatti kaka'umsi isaanii kun maallaqa, humna, dhiibbaafi dhumarrattis beekamtii siyaasaarratti kan xiyyeeffate fakkaata" jechuun BBC'tti himaniiru.
Dabaluunis "Warri Huuti meeshaa waraanaa, leenjiifi odeeffannoo Iraan malee sadarkaa kanatti socho'uu hindanda'an. Garuummoo Iraan warra Huutiirratti ajajafi to'annoo kallattii qabaachuunshee ifa miti" jedhaniiru.
Bulchiinsi Jo Baayidan Amajjii 2021 keessa hidhattoota Huutii tarree shororkeessitoota alaa Ameerikaa keessaa baasee ture. Amajjii 22, 2025'tti immoo pireezidaant Tiraamp irra deebiin hidhattoota Huutii tarree shororkeessitootaa keessa galchaniiru.
Haa ta'u malee US taateewwan yeroo dhiyootti Yaman keessatti uumamaniin walqabatee finciltoota Huutii walin marii taasisuushee pirezidaantii itti aanaan US, Jeedi Vaans beeksisaniiru.
Garichi odola Peerim to'achuunsaa Ameerikaa akka yaaddessefi dhimmichas itti dhiyeenyaan hordofaa akka jirtus himaniiru.
Gama biraatiin CNN maddoota odeeffannoosaa eeruun akka gabaasetti ilma mootii Saawudi Arabiyaa kan ta'an Mahaammad Bin Salmaan pireezidaant Tiraamp waliin al lama mari'atanii haleellaan waraanaa akka raawwatamuuf akka heeyyamaniif gaafatanis gaafinsaanii fudhatama hinarganne.
Dhimma kana ilaalchisee BBC'tti kan dubbatan Algaashiyaan, "Kuni US walin hariiroo gaarii kan qabdu Saawudiif waan onnee cabsudha" erga jedhanii booda, "Warri Saawudii Ameerikaarratti qofa hirkachuu akka hindandeenye ni hubatu" jedhaniiru.
Saawudiinis birmadummaa, lammiileefi faayidaashee eeguuf mirga seeraa akka qabdu himteerti.
Hidhattoonni Huutiis guyyoota muraasa darban keessa Saawudiin haleellaawwan qilleensarraa heddu Yaman keessatti raawwatteerti jechuun himatu.
Dubbi himaan Huutii Mahaammad Abdulsalaam akka jedhanitti, duullisaanii tibbanaa sochii idil addunyaa dooniiwwanii balaaf kan saaxilu miti.
Qoqqobbiin Saawudiin Yamanirra keesse akkuma ka'eenfi haleellaan biyyattiirratti raawwatamu akkuma dhaabbateen akka dhaabbatus himan.
"Sochiin idil addunyaa dooniiwwan Galaana Diimaafi Baab El-Maandabirratti taasisan, nageenyifi sirni daldalaasaa kan eegame ta'ee itti fufa" jechuunis himaniiru.
Ammatti hidhattoonni Huutii duullisaanii harka caalu gara Saawudi Arabiyaatti akka qiyyaafatu taasisuusaanii Kendaal himu.
Yeroo ammaatti rakkoo walxaxaa keessa kan seente Saawudiif, tarkaanfiin waraanaa hidhattoota Huutiirratti fudhatamu wabii milkaa'inaa akka hinqabne walitti bu'iinsa 2015 hanga 2022 ture ilaaluun himuun ni danda'ama.
Al-Musliimiin BBC'tti akka himanitti, "haalli teessuma lafaa Yaman, caaseffamni hawaasummaa, meeshaaleen waraanaa baay'inaan jiraachuun, dhaabbileen mootummaa dadhaboo ta'uunfi naannichatti michuun cimaan jiraachuu dhabuun duula Saawudi Arabiyaanis ta'e qaama biraa kamiinuu taasifamu rakkisaa yookiin kan hindanda'amne godha."
Haa ta'u malee deebii kennuu dhiisuun immoo Saawudi Arabiyaan dhiibbaa yookiin haleellaa gara fulduraatti milishootafi qooda fudhattoota naannichaan irratti fudhatamuuf akka saaxilamtu gochuu danda'a.
Diplomaasiin Saawudiin hordofaa jirtus yaaddoo hidhattoonni Huutii sararawwan galaanaa addunyaa ijoo ta'an keessaa tokko kan ta'e Galaana Diimaarratti uuman maseensuuf deeggarsa idiladdunyaa barbaaduurratti kan xiyyeeffatedha.
Haa ta'u malee waqtii Saawudi Arabiyaan humnootiin idiladdunyaa cinaa akka dhaabbatan gaafachaa jirtu kanatti loltoonni Ansaar Allaah seensa Galaana Diimaarratti humnasaanii cimsuu itti fufaniiru.
Saawudiif, tarkaanficha har'a fudhachuurraa harkifachuun boru tarkaanficha fudhachuu kan hindanda'amne godha yaaddoon jedhus dabalaa dhufeera.