Oduu jijjiirraa taphattootaa: Arsenaal Gimaarezh waliin waliigale, kaanis

Biruunoo Gimaarezh taphattoota Arsenaal waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biruunoo Gimaarezhiin Arsenaal barbaadaa jira
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Arsenaal fi Niw Kaasil Biruunoo Gimaarezh irratti waliigalan, Intar Miilaan Kartis Joons barbaacha itti fufeera.

Kiristiyaan Roomeeroon immoo gara Ispeen qajeeluu mala.

Bara dorgommii darbe shaampiyoonaa kan ta'e Arsenaal jala jalaan of qopheessaa jira.

Arsenaal Biruunoo Gimaarezh qe'eetti fiduuf Niw Kaasiliif yuuroo miiliyoona 90 kaffaluuf wal hubannoorra gahuu miidiyaan Faransaay L'Equipe gabaaseera.

Taphataan ganna 28 kuni utubaa yoo ta'u lammii Biraazilidha.

Intar Miilaan immoo utubaa lammii Ingilaand Kartis Joonsiif paawundii miiliyoona 30 kaffaluuf fedhii agarsiiseera.

Haa ta'u malee, Liivarpuul taphataa ganna 25 kana paawundii miiliyoona 35 baasa jedha akka gabaasa Mail'tti.

Taphataan Tootanhaam Kiristiyaan Romeeroo gara Intar Miilaan imala osoo jedhamu ademsichi waliigalteerratti danqaan mudateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka buutonni ittisaa lammii Arjentiinaa kanaa gara Ispeen akka imalu haala mijeessaa jiru.

Riyaal Maadrid, Baarselonaa, fi Atileetikoo Maadiriid taphataa ganna 28 kana akka barbaadan gabaasi Teamtalk ni agarsiisa.

AC Miilaan immoo taphataa lammii Ingilaand yeroo ammaa Arsenaaliif taphatu, Itaan Niwaanerii ofitti fiduuf Arsenaal waliin dubbataa jira jedheera miidiyaan Corriere dello Sport jedhamu.

Riyaal Maadrid immoo taphataan isaa Viinishiyes Juuniyer waliigaltee haaraa dhihaateef waliin yoo waliigaluu dhabe akka isa gurguru himameera.

Kilabichi waliigaltee Vinishiyeef dhiheesse irratti waan dabalu akka hin qabne ESPN gabaaseera.

Niiw Kaasil immoo karra eegaa lammii Cheek Rippablik Lukaas Hornikeek Biraagaa irraa fiduuf fiixeerra gaheera.

Hammi maallaqa itti waliigalanis paawundii miliyoona 25 akka ta'e TalkSport gabaaseera.

Haal Siitiin immoo kilabii Sa'udi Neom jedhamurraa Amaaduu Koonee mallatteessifachuuf carraaqaa jira.

Garuu, Liids fi West Haamiis taphataa lammii Ayivorii Koost kana barbaadu jedhameera.

Taphataan sarara gidduu kuni umriin isaa 21 dha.

West Haam immoo taphataa sarara qarqaraa Morgaan Wiitekar, ganna 25, Miidilisboroow irraa mallatteessifachuuf jedha gabaasni TeamTalk.

Kilaboonni lamaan kilaboota wal morkatanidha.

Gama kaaniin Miidilisboroon taphataa lammii USA Maaks Arfisteen Kolombas Kiriiw irraa mallatteessisuuf jedha.