Rokkeettiin 'SpaceX' addeessatti rukutame, Maaltu uumame?

Dhooqa ji'a irratti uumame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Rokkeettiin yeroo jalqabaaf kan addeessatti bu'e bara 2022 ture.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Rokkeettiin 'Space X' saffisa guddaan furguggaa'ee addeessa/ji'atti bu'e ijoo dubbii miidiyaalee ta'eera.

Rokkeettiin dheerina gamoo abbaa darbii shanii gitu qabu kun fiigee addeessatti erga bu'ee booda dhooqa guddaa qotuu akka hin oolles himamaa jira.

Haa ta'u malee taateen kun qorannoo saayintistoonni fulduratti taasisaniif carraa addaa kan kennudha jedhameera.

Rokkeettiin addeessatti bu'e kun qaama xayyaar-samii 'Falcon 9' jedhamuu yemmuu ta'u, Roobii kaleessaa saffisa sa'aatii tokkotti kilomeetiroota 8,700 fiiguun addeessatti bu'e.

Kutaan addeessaa rokkeettiin kun itti bu'es dhiyeenya dhooqa Ayinistaayinitti (Einstein crater) akka ta'e himameera.

Haa ta'u malee suuraawwanis ta'e viidiyoowwan battala rokkeettiin kun addeessa haleelu agarsiisan hanga ammaatti gadi hin lakkifamne.

Sababnisaammoo qorattoonni hawaa teleskooppiiwwan ammayyaa qabaniiyyuu taatee kana salphaatti arguu waan hindandeenyefi. Haa ta'u malee dhaabbileen qorannoo hawaa gurguddaan Ameerikaa keessa jiran odeeffannoo waa'ee taatichaa walitti qaban xiinxalaa jiru.

Kanaafuu maaltu akka uumamefi taaticharraa maal barachuu dandeenya kan jedhu baruuf guyyoota yookiin torbeewwan fudhachuu danda'a.

Rokkeettii diimachuun aara uffatee gara dukkana samii keessaatti furguggifamaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Rokkeettii Falkon 9 ji'a ykn adeessatti rukutamte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rokkeettiin dhaabbata 'Space X'n hojjetameEfi Faalkan 9 (Falcon 9) jedhamu gosa rokkeettii irra deddeebiin tajaajila kennuu danda'udha.

Hanga ammaattis irra deddeebiin gara hawaatti furguggeffamee lafatti deebi'eera. Haa ta'u malee qaamni rokkeettichaa muraasni lafatti akka deebi'u, kaan immoo hawaa keessatti gadhiifamu.

Haaluma kanaan rokkeettiin Faalkan 9 jedhamu ji'a Amajjii bara darbe ture maashinoota gara addeessaa ergaman lama baatee US, Filoriidaarraa gara hawaatti furguggeeffame.

Kaayyoon rookkeettichaas kutaasaa gara olaantu kan maashinoota lamaan qabatee jiru akkaan dhiibuun orbiitii dachii harkisa lafaa qabu bira dabarsuun gara addeessaa akka imalu gochuu ture. Kaayyoon kunis galma gaheera.

Kutaan gara olaantu kan gamoo abbaa darbii shaniin qixxaatu fi kilogiraama 4,000 ulfaatus maashinoota lamaan gara addeessaatti erga dhiibee booda boba'aa fixatee orbiitii keessa lafa naanna'uu jalqabe.

Haalli itti lafa naanna'aa tures boca hanqaaquu kan qabu yemmuu ta'u, gama tokkoon addeessatti siiqee deebi'aa ture.

Bifa kanaan ji'oota 18'f hawaa keessa yeroo turuttis harkisni lafaa, addeessaafi aduu suutuma suuta saffisnisaa akka dabalUufi kallattiinsaas gara addeessaa akka ta'u taasise.

Roobii kaleessaammoo ganama keessaa sa'aa 2:35 yemmuu ta'u rokkeettichi addeessatti bu'e.

Rokkeettiin kun wayita kutaa addunyaa harki caalmaatti guyyaa turetti addeessatti yaa bu'u malee calaqqeen wayita addeessa dhahu uumame ijaanii mitii teleskooppiinuu ilaaluuf ulfaataadha.

Sababnisaammoo battalli rokkeettichi addeessatti bu'e sekondii gadi ta'usaan dabalata kutaan addeessichaa rokkeettichi itti bu'es yeroo sanatti ifa aduu argachaa kan turedha.

Dabalataan dhukkeen walitti bu'iinsichaan uumame fageenya hanga kilomeetira 100 kan deemefi daqiiqaawwan hedduf kan ture ta'us ifa yeroo sanatti addeessarra tureerraan kan ka'e salphaatti mul'achuu hindanda'u.

Wayita rokkeettichi addeessatti bu'u xayyaar-samiiwwan biyyoota garagaraa addeessarra naanna'aa turanis taaticha ilaaluuf iddoo gaariirra hinturre.

Taaticha ilaaluuf carraa gaarii kan qabdu xayyaar-samii Kooriyaa Kibbaa, Danuri jedhamtu yemmuu taatu, osoo rokkeettichi addeessatti hin bu'in dursitee iddicha dabartee deemte.

Saayintistoonni lafarraa xayyaar-samicha to'atanis suuraawwanis ta'e viidiyoowwan taaticha agarsiisu kamiyyuu xiinxalli erga xummuramee booda akka gadi lakkifamu miidiyaalee biyyattiitti himaniiru.

Guyyoota muraasa itti aanan keessattimmoo xayyaar-samiin NASA adeessarra naanna'uun odeeffannoo walitti qabdu iddoo walitti bu'iinsichi itti uumamee suuraa kaasuu dandeessi. Suuraan xayyaar-samiin kun kaastus haala rookkeettichi addeesssatti bu'uusaatiin durafi booda jiru walbira qabuun ilaaluu ni dandeesisa.

Dhooqa Enistaayin ji'arra jiru km180 bal'ata, haroo xiqqoo qabachuus danda'a

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhooqa Enistaayin ji'arra jiru km180 bal'ata, haroo xiqqoo qabachuus danda'a

Haa ta'u malee suuraawwan wayita addeessatti bu'u agarsiisan isaan jalqabaa teleskooppiiwan ardiilee Ameerikaa keessa jiranfi dandeettii cimaa qabaniin kaafamanii ifoomuu akka danda'an himameera.

Meeshaan meetira 14 dheeratu addeessa lafarraa kilomeetiroota 385,000 fagaattee argamtutti yoo bu'u arguun ulfaataa ta'us wanta gonkuma hindanda'amne miti.

Garuummoo suuraa ka'e gulaaluun bifa sirrii akka qabaatu gochuunfi qorachuun sa'aatiiwwan, guyyoota yookiin immoo torbeewwan fudhachuu danda'a.

Garuummoo suuraan dhooqa wayita rokkeettichi addeessa rukkutuu uumame agarsiisu hawwiidhaan eegamaa jira.

Sababnisaas qorattoonni hamma rokkeettichaa, saafisa fi iddoo inni itti qubachuu danda'u ni beeku waan ta'eefi. Kunis dhimmicha balaa tasa uumame osoo hintaanee yaalii of eeggannoon taasifame akka fakkaatu tassiseera.

Haaluma kanaan taateen kun saayintistoonni pilaaneetota qoratan rukkutaan akkamiin dhooqa akka uumufi caccabaan akkamitti akka faca'u akka baran gargaara.

Kana malees injinaroonni dizaayinii maashinoota addeessarra qubatan akka hojjetaniif gargaara. Dabalataan kutaan addeessaa irra keessa turefi sababa dhooqa uumameen gara gubbaatti as bahe albuudota addeessarra jiran qorachuuf gargaara.

Gama biraatiin yeroon meBara 1959 eegalee xayyaar-samiiwwan heddu addeessatti bu'aniiru. Xayyaar-samiiwwan kunneen keessaa tokko tokko tasa addeessatti yemmuu bu'an gariin immoo qorannoof jecha beekaa addeessatti aka bu'an kan taasifamanidha.

Haaluma kanaan xayyaar-samiin 'Soviet probe Luna 2' addeessatti bu'uun ishee jalqabaa yemmuu taatu, xayyaar-samiiwwan NASA bara 1960'moota keessa akkasumas kutaaleen rookkeettiiwwan Appollo garagaraa addeessatti bu'aniiru.

Yeroo dhiyoottimmoo bara 2009 keessa xayyaar-samiin NASA, LCROSS jedhamtu qorannoo addeessarratti cabbii bishaanii barbaaduuf taasifamuun addeessatti bu'uun akka caccabdu taasifamteerti.

Kutaan rokkeettii yeroo dhumaaf akka tasaa addeessatti kan bu'emmoo bara 2022 yemmuu ta'u, innis kan xayyaar-samii Chaayinaa ture.eshaan namaan hojjetame addeessatti itti bu'e kun isa jalqabaa miti.