Yukireen wiirtuu boba'aa guddicha fi buufata humna galaanaa Raashiyaa haleelte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Yukireen sarara boba'aa guddicha Raashiyaa magaalaa Sent Pitarsibarg keessatti argamu irratti haleellaa cimaa raawwachuu Pirezidant Voloodimiir Zeleniksii ibse.

Zeleniskiin sararri boba'aa kun ''waraana Raashiyaaf madda maallaqaa isa ijoodha,'' jedhe.

Kana malees Yukireen buufata humna galaanaa guddicha naannawa kanatti argamus haleeluu ibsiteetti.

Bulchaan Sent Pitarsibarg Aleksaandar Beglov magaalattiin haleellaa diroonii balaafamaa jala jiraachuu dubbate.

Qondaalli Raashiyaa kun sararri boba'aa guddichi biyyasaanii haleelamuu amaneera.

Haata'u malee miidhaan namarra ga'e akka hin jirre ibse.

Haleellaan Yukireen fageenyarraa dirooniidhaan wiirtuulee anniisaa Raashiyaarratti raawwattu dhiheenya kana daran hammaateera.

Sababa haleellaa kanaan hanqinni boba'aa akka mudatu gooteetti Yukireen.

Kiiv haleellaawwan raawwataa jirtuun dandeettiin oomisha boba'aa Raashiyaa dhibbeentaa 43 hir'ateera jette.

Miidhaan Raashiyaarra ga'eera jedhamu kun garuu qaama walabaan hin mirkanoofne.

Yukireen buufataalee boba'aa fi gaazii Raashiyaa qiyyaafannooshee godhachuun haleeluuf bu'uura seeraa akka qabdu ibsiti.

Raashiyaan duula waraanaa kana itti fufuuf gurgurtaa qabeenya boba'aa irratti hirkatti.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haleellaa Yukireeniin hanqinni boba'aa mudachuu yeroo jalqabaaf torbee darbe keessa amanee ture.

Kanaaf furmaata kaa'uuf jecha Sambata kaleessaa (Adoolessa 4, 2026) seera dhiheessii boba'aa gabaa biyya keessaaf dabalu mallatteesseera.

Puutin guutummaatti Yukireen irratti weerara kan labse bara 2022 ji'a Guraandhalaa keessa ture.

Ergasii kunoo waggoota waraanni osoo walirraa hin citin waggaa shaniif deema.

Pirezidant Zeleniskiin Sent Piitarsibarg fi naannawaan ishee, iddoowwan haleelaman, daangaa Yukireen irraa kiilomeetira 850 irratti argamu jedhe.

Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe battala sanatti ibsamuu baatus, viidiyoon Pirezidant Zeleniskiin maxxanse iddoowwan haleelamanitti caccabaa dirooniiwwanii fi aara gurraacha samiitti ol ka'ee mul'atu agarsiisa.

BBCn wiirtuun boba'aa Sent Pitarsibarg haleellamuu mirkaneeffateera.

Waraanni Yukireen buufati boba'aa haleellaa irratti raawwate buufataalee gurguddoo Raashiyaan qabdu keessaa tokko jedhe.

Wiirtuun boba'aa kun waggaatti hanga peetirooliyemii toonii miiliyoona 12.5 oomishuu danda'a jedhe waraanni Yukireen ibsa isaa keessatti.

Waraanni Yukireen bakka Kronstadt jedhamutti buufata humna galaanaa Raashiyaa haleeluus ibseera.

Raashiyaan haleellaa Yukireen raawwachuu himtu kana ilaalchisee hanga yoonaa yaada hin kennine.

Bulchaan Sent Pitarsibarg Beglov magaalattii fi bulchiinsa Leningrad keessatti dirooniiwwan Yukireen 72 ta'an qilleensarratti haleelamuun lafatti barbadaa'uu ibse.

Jiraattonni magaalattii hanga sodaan haleellaa diroonii darbutti mana keessa akka turan akeekkachiisaniiru.

Sent Pitarsibarg keessa namoota miiliyoona shan ta'antu jiraatu.