Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa dabalatee biyyoota baayyina uummataa guddaa qaban saddeet Waancaa Addunyaarra hin jirre
Deeggartoonni kubbaa miilaa Baangilaadeesh biyyi isaanii Waancaa Addunyaa keessa jiraachuu dhabdus biyya biraa kan akka Arjantiinaa deeggaru.
Waxabajjii gaafa 17, 2026 yeroo Arjantiinaan Aljeeriyaa waliin taphattee fi Liyooneel Meesiin goolii jalqabaasaa galche deeggartoonni kunneen sagalee guddaadhaan gammachuun burraaqan.
Gurmuu uummataa walgahee TV irratti tapha ilaalaa jiru kana keessa garuu lammii Arjantiinaa kan ta'e namni tokkolleen hin jiru. Hedduun isaanii uffannaa taphattoota Arjantiinaa adii cuquliisaa fi adii ta'e uffatanii jiru.
Deeggartoonni kunneen magaala guddoo Baangilaadesh, Daakaa keessatti walgahanii ilaalaa kan jiran.
Magaalota Indiyaa fi Indooneezhiyaa hedduu keessattis deeggartoonni kubbaa miilaa haaluma Kanaan walgahanii ilaalan.
Deeggartoonni kunneen erga gareen biyyaalessaa isaanii irra deddeebiin Waancaa Addunyaatiif darbuu dadhabeen booda Meesii fi Garee Warra Arjantiinaa kana akka garee biyya isaaniitti madaqfatanii ilalaalu.
Biyyoota Addunyaa baayyina uummataa guddaa qaban 10 keessaa lama qofatu waancaa addunyaa baranaa irratti hirmaate. US fi Biraaziil.
Biyyootni baayyina uummataa guddaa qaban biroon, Raashiyaa fi Naayijeeriyaan tapha Waancaa Addunyaa baranaa irraa hafanis taphoota Waancaa Addunyaa ammaan dura turan irratti irra deddeebiin hirmaatanii beeku.
Chaayinaa fi Indooneezhiyaan garuu seenaa isaanii keessatti yeroo tokko tokko qofa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatani beeku.
Biyyootni baayyina uummataa guddaa qaban Indiyaan, Baangilaadeesh, Itoophiyaa fi Paakistaan hanga har'aa Waancaa Addunyaa hawwuu malee hirmaatanii hin beekan.
Indiyaan bara 1950 Waancaa Addunyaa Biraaziil irratti akka hirmaattuuf garee teeknikaan dabartulleen taphichaaf ji'a tokko yeroo hafu keessaa hafte.
"Biyyootni uummata miiliyoonaan lakkaa'amuu fi deeggartoota kubbaa miliyoonaan lakkaa'amu qaban kubbaa miilaatiin akkanatti booddeetti hafuun waan fudhatama hin qabne" jedha taatoon Baangilaadeesh Odiit Kariim
Baayyina uummataa hedduu qabaachuun maaliif kubbaa miilaa irraa duubatti biyyoota harkise?
Uummata baayyee qabaachuun dhiibbaa qabaa?
Tiwooriidhaan yoo ilaalamu baayyina uummataa guddaa qabaachuun carraan atileetonni baayyeen keessaa argamuu olaanaa ta'a.
Biyyoota hanga ammaa waancaa addunyaa mo'atan saddeet keessaa torba (Arjantiinaan, Biraaziil, Ingilaand, Faransaayi, Jarmanii, Xaaliyaanii, fi Ispeen) birqabaan warra baayyina uummataa guddaa qabani.
WarraWaancaa Addunyaa injifatee beeku keessaa kan lakkoofsa uummataa xiqqaa qabdu Uraagaayi. Isheenuu baayyinni uummatashee booddee dabaleera.
Ogeessi Akkaadamikii fi Dinagdee Biriiteen Isteefen Simaniskii, baayyinni Uummataa sababoota ijoo ta'an keessaa isa tokko jedhu.
"Kubbaan miilaa haala diinagdeen biyyaa itti hojjetu waliin walfakkaata. Akka guddatuuf uummata barbaachisa. Isaan booda garuu kaappitaalaa fi bu'uura misoomaa barbaada" jedhu.
Akka Simaniskiin jedhanitti, warreen kubbaa miilaatiin milkaa'an waan isaan irratti walfakkaatan qabu. Innis qabeenya qabaachuu.
Waa injifachuudhaaf yoo xiqqaate galiin nama tokkoo giddugaleessaan waggaatti doolaara kuma 15 ta'uu qaba yaada jedhus qabu.
Garuu Biraaziilii fi Arjantiinaan, Waancaa Addunyaa saddeet kan moo'atan galiin lammiilee isaanii kan jedhame kanaan gadi.
Ogeessi dinagdee kuni akka jedhanitti, yeroo kuni ta'u ammoo Sababa sadaffaatu jira. Innis 'akkamitti?' Kan jedhu beekuu.
"Wanti baayyeen muuxannoo waliin walqabata. Biyyootni hanga ammaa Waancaa Addunyaa mo'atan warra waggaa 100 dura, bara koloniyaalizimii osoo hin dhumiin dura kubbaa miilaa beekani" jedhu.
Tattaaffii duubaa ka'anii qaqqabachuu
Morookoon biyyoota warra Kubbaa miilaatiin fagaatan qaqqabachuuf tattaaffii godhan keessaa akka fakkeenyaatti kan eeramtu.
Biyyootni kubbaa miilaatiin milkaa'an warra seenaa isaanii keessatti muuxannoo kubbaa miilaa waggaa dheeraa qabani.
Biyyooti Afrikaa fi kibba Eeshiyaa, warri kubbaa miilaa erga guddisuu eegalanii dhihoo ta'e warra kaan qaqqabachuuf ciminaan hojjechuu isaan gaafata.
Morookoon, biyyi bara 1956 Kolonii Ispeenii fi Faransaayi jalaa baate Afrikaa keessaa biyya jalqabaa waancaa addunyaa irratti walakkaa xumuraaf geessedha. Bara 2022 waancaa addunyaa kaataar Irratti.
Kooriyaan Kibba aammoo Eeshiyaa keessaa biyya jalqabaaf waancaa addunyaa irratti afraffaan xumurte. bara 2002.
Biyyootni akka Indooneezhiyaa, Indiyaa fi Baangilaadeesh garuu warra kubbaa miilaatiin fagaatan kana qaqqabachuun itti ulfaateera.
Ogeessonni dinagdee akki jedhan, biyyootni kunneen kubbaa miilaatiin duratti akka hin tarkaanfanneef hanqinni qabeenyaa danqaa itti ta'eera. Osuma qabeenyi argameemmoo 'Akkamitti?' kan jedhu muuxannoo waan gaafatu.
Hiraara Itoophiyaa
Itoophiyaan Waancaa Addunyaa Mai'ideen bara 2014 irratti hirmaachuuf fiixeerra geessee ture.
Garuu seenaa keessatti takkaa waancaa addunyaa taphachuuf darbitee hin beektu. Waancaa Afrikaa garuu bara 1962 mo'attee beekti.
Eega sanii dirree kubbaa miilaa guddicha, Waancaa addunyaatiif darbuuf baraa 2014 erga fiixeerra geessee Naayijeeriyaadhaan 2 fi 0n moo'amtee abdiinshee dukkanaa'e.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa jedhanitti, kubbaan miilaa Itoophiyaa Inveestimantii gadi aanaa qabuun dararamaa jira. Agarsiituu kan ta'u ammoo Piriimerliigiin biyya keessaa dirree kubbaa miilaa mijataa dhabuun rakkachaa jiraachuu isaati.
"Bara kana dirreewwan kubbaa miilaa sadii qofa fayyadamnee taphoota 380 taasifne" jedhan ogeessi waajjira piriimerliigii Itoophiyaa Kiflee Seefuu yaada Gaazexaa Rippoortariif kennaniin.
Hanqinni kuni garee biyyaalessa dhiirotaas baayyee miidheera. Taphoota Gulaallii Afrikaa qabu Morookootti gochuuf dirqameera.
Kirikeetiin Kibba Eeshiyaatiif carraa moo gufuudha?
Namootni tokko tokko akka jedhanitti, Kibba Eeshiyaa keessatti Kirikeetiin akka malee jaalatamuun Kubbaa miilaatti gufuu ta'eera.
Indiyaan tapha Kirikeetiin biyya akka addunyaatti beekamtii olaanaa qabdudha.
Kuni ammoo namootni galii olaanaa fi giddu galeessa qaban ijoolleen isanaii kubbaa miilaa caalaa gara kirikeetiitti akka fuullefatan gochaa jira.
Namootni dhimma kana irratti hubannoo qaban garuu maatiin ijoolleen isaanii kubbaa miilaatiinis yoo milkaa'an akkuma Kirikeetii jireenya isaanii ittiin jijjiiruu danda'u.
Odiit Kaariim akka jedhutti, biyyoota akka Awustiraaliyaa fi Niwuzilaand keessattis Kirikeetiin waan akkaan jaalatamu ta'ulleen biyyootni kunneen kubbaa miilaatiinis mul'acha ajiru.
Chaayinaan biyya guddoo kubbaa miilaan raftee?
Chaayinaan tapha Waancaa Addunyaa bara 2002 hirmaatte keessatti gareeshee keessaa tapha hundarratti goolii tokkolleen osoo hin lakkoofsiisne mo'amtee baate.
Waa'een chaayinaa garuu hiibboodha. Waggoota dhihoo asitti biyya Seenaa Olompiikii keessatti haalaan milkaa'aa jiran keessaayi. Waa'een kubbaa miilaa dhiirotaa isaanii garuu hoomaa firii dhabe.
Ogeessi Kubbaamiilaa Beejing Buufatee jiru Mark Direeyer,"Chaayinaan kubbaa miilaatiin taphattoota ciccimoo addunyaa wanti baasuu dadhabduuf hin jiru" jedhu.
"Rakkoo guddaa kan ta'e Chaayinaa keessatti wanti hundi mootummaadhaan too'atamee jira. Waan hundi gubbaa gadi. Waa'ee kubbaa miilaa warri kubbaa miilaa murteessuu qaba. Garuu giddu seentummaa siyaasaa guddaa jira" jedhu.
Chaayinaan bara 2010 irraa kaasee kubbaa miilaa irratti Investimantii guddaa gootulleen bara 2002 asitti waancaa addunyaatti deebi'uu hin dandeenye.
Akkuma Chaayinaa Indooneezhiyaanis bara 1938 waancaa addunyaa irratti Kolonii Nezerlaand kan turte Daach iisti Indiis waliin morkii guddaa goootee ture.
Waancaa addunyaa 2026 irratti garuu biyyootni Kibba Baha Eeshiyaa sochii gaarii taasisan. Tattaaffiin isaanii kuni garuu taphattoota biyya keessaatti guddatan caalaa kanneen hidda dhiigaa Indooneezhiyaa qabanii fi biyyoota biraa irraa dhufan irratti kan hirkate.
Gulaalaan BBC Indooneezhiyaa Jaromi Wirawun,"Tapha jalqabaa Indooneezhiyaa irratti taphattoonni saddeet yookan sagal warra Awurooppaatti dhalatani" jedha.
Paakistaanii fi Baangilaadeesh waancaa addunyaaf darbuuf gulaallii irratti taphoota ja'a keessaa tokkollee osoo hin moo'atin kufan.
Paakistaan ammoo Sababa dhibdee siyaasaatiin bara 2017 hanga 2025 gidduutti si'a sadii taphoota intarnaashinaalaa kamirrattuu akka hin hirmaanne FIFA dhaan qoqqobbiin irra kaa'amee ture.
Karaa kamiinis ta'u taphootatti bashannanuu
Deeggartootaa fi jaalattoota kubbaa miilaa biyyoota hedduu keessa jiraniif waancaan addunyaa bashannana ijoodha.
Akka Kariim jedhutti, wanti guddaa taphoota adeemaa jiranitti bashannanuudha.
"Dhugaa dubbachuuf umrii kiyya keessatti Baangilaadeesh Waancaa addunyaa yeroo taphattu nan arga jedhee hin yaadu. Garuu jaalattoonni kubbaa miilaa Baangilaadesh tokkoon tokkoon taphoota kanaatti bashannanaa jiru" jedha.