Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan loltoota waraana Yukireen irratti dhabde bakka buusuuf barattootatti dachaate
''Akkatti dirooniin hojjetu baatii sadiif barate-garuu dirree haleellaan raawwatu deemuurraa isa hin hambisne,'' jetti haati guddisaa Vaaleery Aveeriin, Oksaanaan.
Dargaggoon ganna 23 barattoota Raashiyaa Yukireen keessatti ajjeefamuun ifatti beekamu dha. Innis qaama duula bal'aa Raashiyaan barattoota yunivarsiitiifi kooleejii gara lolaatti fudhachuuti.
''Kanaan dura leenjii loltummaa fudhatee hin beeku,'' jechun Afaanaasyeevaan komata.
Duulli barattoonni yunivarsiitiifi kooleejii waraanatti akka makaman jajjabeessuun bara kana jalqabe.
Kunis Raashiyaan waraana Ukireen waggaa shanaffaaf itti fufuuf waan barbaadduufi. Duulli kuni kanneen barnoota isaaniitti boodatti hafaniiif kanneen boqonnaa fudhachuu barbaadan irratti xiyyeefata.
Qaamni waraanaa diroonii irratti hojjetu akka waan teeknikaafi namni barate hojjetutti dhiyeeffame karaa waraanaa saaqaa jira.
Aveeriin hamma waggaa 11tti wiirtuu ijoollee warra hin qabnee baha Saayibeeriyaatti argamutti guddate. Waraanaaf kan filame yeroo inni Mana Barumsaa Teeknikaa Buuryaatitti waggaa dhumaa barataa ture dha.
Ebla keessa bilbilee iddoo bilbilli hin hojjenne waan deemaa jiruuf akka isheen hin yaaddofne haadha isa guddistetti bilbilee hime.
Duraan hojii onlaayiniin qarshii dabalataa argachuuf akka deemu himullee boodarra humna waraanaaf hojjechuuf leenjii oppireetara diroonii fudhachuu barte.
''Yeroo hundumaa homaa hin tahu naan jedha ture,'' jetti.
Torbee tokko booda gaafa Ebla 8 baha Yukireen iddoo Raashiyaan qabatte Luhaanisk keessatti ajjeefamuu dhageesse.
Vilaadislaavaa Gorbaanoov dargageessa ganna 18 yoo tahu magaalaa xiqqoo Uneekaa daangaa Yukireen irratti argamtu keessatti ji'a afur dura du'e.
Barataan kuni kooleejii teeknikaa irraa ijaarsaafi suphaan eebbifame oppireetarii diroonii osoo hin tahiin dura garee haleellaa raawwatu keessa ture.
Raakiim Abdullaahiin Kooleejii Kumeertaawuu galee ogummaa suphaa sibilaa baratus Amajji darbe waggaa 18ffaasaa kabajuun baatii lama booda waraana keessatti oppireetara diroonii tahuuf galmaa'e.
''Tahus takkaa achi gallaan haala nagaa hin qabne keessa bu'e,'' jechuun haatisaa himti. ''Ijoolleen kuni dirree waraanaa fuuldura waan jiraniif yeroo haleellaa loltoonni raawwatn ni ilaalu,'' jette.
Bitootessa 13 gurbaan kunis du'eera. ''Dafee deemee, dafee deebi'e'' jetti haati.
Barattoonni sadeen Abdulliin, Gaarboonoov fi Avriin loltoota Raashiyaa 230,407 ajjeefamuu isaan BBC'n adda baase keessaati. Kanas iddoo awwaalchaa ilaaluu, ergaa waraanaa warra du'anii, galmee mootummaafi yaadannoo awwaalcharratti dubbifame ilaaluun adda baasuun danda'ameera.
Lakkoofsi namoota qabatamaan du'anii kana akka caalu amanama gabaasni BBC lakkoofsa namoota du'anii harka 45-55 qofa agarsiisu jedhu xiinxaltoonni. Haala kanaan lakkoofsi kuni 417-509,500 tahuu danda'a. Dhaabbanni basaasaa UK GCHQ lakkoofsi kuni 500,000 taha jedha.
Lakkoofsi du'aa Yukireen ammoo akkaan guddaa dha. Pireezidaant Vooloodmiir Zeleenskii Guraandhala darbe qofa namoonni 55,000 mirkaneessuun baayyeen immoo achi buuteen isaanii hin beekamu jedhe.
Marsariitiin Yukireen eenyummaa otoo hin ibsiin hojjetu lakkoofsi loltoota waraana irratti du'anii 213,000 taha jedha. Dhaabbati Basaasa Waraanaa Daachi ammoo lakkoofsi namoota du'anii fi madaa'anii 500,000 taha jedhe.
Namoota waraana kanaan du'aniifi madaa'an bakka buusuun haleellaa bal'aa Raashiyaan Yukireen irratti raawwattuuf rakkoo ijoo taheera. Qondaaloti mootummaa barattoota akka Avriin eeyyama isaaniin damee waraanaa teeknoloojiifi ammayyaatti dabaluuf sagantaa dhiyeessan.
Barattoonni kunneen damee kana keessatti akka tajaajilaniif kontiraata waggaa tokkootu kennamaafi. Dirooniin meeshaa ijoo waraana Yukireen irratti hojiirra oolaa jiru dha.
Akka Ministeerri Waraanaa Raashiyaa jedhetti sagantaan kuni dargaggoota waggaa 35 gadi teeknolojii haaraa ofitti fudhachuu danda'ani dha barbaada.
Torbee muraasa keessatti sagantaan manneen barumsaa keessatti dhiyaachuu jalqabe.
Akka BBCn ragaa walitti qabuu yaaletti duulli barattoota funaanuu kuni Guraandhala keessa yunivarsiitiiwwan 95 waliingaheera. Ebla keessa yunivarsiitiiwwan waliigaltee mootummaa kana jajjabeessan 270 gahaniiru.
Adeemsi duula kanaa of eeggannoon kan qophaa'e dha.
Barattoonni waggaa tokkoof qofa leenjii dirooniirra akka turaniifi yeroo xumuran dandeettiifi kaffaltii gaarii wajjin kooleejii isaaniitti akka deebi'an itti himama.
Moskoo keessatti waraqaan cittuu erga barattoonni eeyyamaan hirmaatan dhuma waggaa jalqabaa irratti qarshii biyyattii miiliyoona shan ykn doolaara 57,000 akka argatan itti himama.
Gareeleen mirgaafi ogeeyyiin seeraa garuu waan kuni dhugumaan waan hojiirra oolu miti jechuun falmaa turan.
Kanneen diroonii irratti hojjetan dirree waraanaa irraa fagoo jiranillee bara kana garuu gama qaamota lamaaniin qiyyaafanno haleellaa tahaniiru. Kunis sababa barbaachisummaan isaan waraana keessatti qaban waan dabaleefi.
Erga waraanni bara 2022tti eegalee oppireetaroonni diroonii Raashiyaa 920 tahan ajjeefamaniiru jedha xiinxallii BBC Raashiyaa. Lakkoofsi kuni maddeen uummataaf banaa tahanirraa argame, waan qabatamaan jiru kana caaluu danda'a jechuu dha.
Barataan diroonii irratti hojjechuuf filatame yoo hin milkoofne gara damee waraanaa biraatti dabarfamuu danda'a.
Barattoonni qarshii argattu jedhamaniifi miira sabboonummaaf hojii kanattii eeyyamaan bobba'u.
Akka BBC Raashiyaan jedhutti barattoonni arii'amuuf jiran ykn boqonnaa barnootaa fudhachuuf jedhan qiyyaafannoo duula kanaa tahu.
Kooleejii Noovoosbiiriisk keessatti daarektarri barattoota kontiraat mallatteessuu didan dabeeyyii jedhee yeroo waamu dhagahmeera.
Dhaabbati barnootaa kuni Guraandhala darbe barataa 32 akka dhiyeessu itti himameera jedhamullee gabaasni kuni soba akka taheefi barattoota eeyyamaan hiraachuu barbaadan qofa akka gargaaru hime.
Raashiyaan barattoota irratti xiyyeeffachuun waraanni kuni gara namoota nagaattii seenaa akka jiru agarsiisa.
Dargaggooti qarshii, beekamtiifi waraana keessa karaan salphaa akka jiru itti himama garuu duuti Vaaleerii fa'a waadaan akkasii salphaatti waraana keessattia kka cabu agarsiisa.