Hundeeffama waggaa 250ffaa US irratti Tiraamp qeeqame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Yunaayitiid Isteets hundeeffamashee waggaa 250ffaa yoo Adoolessa 4, 2026 kan kabajje richiitiiwwan dhukaasuun, xiyyaarootasamiirra bararsuufi ho'a hamaa waliini.

Sagantaa magaalaa Waashingitan Naashinaal Moolitti qophaayerratti Tiraamp ''abjuun Ameerikaa deebi'eera'' jedhe. Haasaa Tiraamp namoota hedduu sagantichaaf bahaniif godhe booda galgala san richiitii dhukaasuun baratamaa ta'uus ka edaa garuu amma dura mul'atee hin beeku.

Adoolessi 4 akka guyyaa hundeeffama Ameerikaatti sababni yaadatamuuf bara san koloniiwwan 13 Biriteen irraa adda bahuuf sanada walabummaa yeroo itti mallatteessan waan ta'eefi.

Bulchiinsa Tiraamp jalatti uummatni Ameerikaa ejjennoo walirraa fagaatu qabatee wayita jirutti guyyaan kun yaadatamaa jira. Tiraamp dantaa ijoo sagantichaa fi biyyaa of gochuun qeeqameera. Saganticha dantaa siyaasaa ofiisaaf oolchuun duula kabajaa kan duruu Koongireesiin ijaare Ameriikaa 250 jedhu cinaatti Firiidam 250 kan jedhu ijaaruun qeeqaaf isa saaxileera.

''Ka'umsi walabummaa bara baraan haa jiraatu'' jedhe Tiraamp ...yeroo marayyu fiixee gubbaa jiraanna, biyyi keenya akka kuftu hin goonu, yeroo hunda warra gaari(best) taana'' jechuun dubbate.

Haasaasaa goolabuun duras kuni jalqaba dhaloota warqee Ameerikaati, galmisaas rabbiin katabame'' jedhe.

Halkan hanga sa'aa torbaatti richiitiin dhukaafaamaa ture. Jeettiiwwan haaraan Air Force One agariisas mul'isaniiru. Ammoo sagantichi sababa bakakkaan barfatee eegale. Sababa kanaattu namni Naashinaal Mool akka gadhiisee bahu ajajamee ture.

Filaadeelfiyaan bakka dhalootaa US jedhamtee beekamti. Sababnisaas sanadni hundeeffama Ameerikaaf bu'uura ta'e bara 1776 koloniiwwan 13n kan mallatteeffame bakka kanatti. Miseensonni Koongireesiis taatee san yaadachuuf torban darbe kana aachitti walgahanii ture.

Tapha Faransaayiifi Paaraaguwaay Filaadelfiyaa magaalaa Brotherly Love gaggeeffame irratti agarsiisni xiyyaaraa ture.

Qopheessitootni Ameerikaa 250 jedhamuu qaruuraa kookaakollaa, heeraa irratti mallattaa'eefi hojiilee aartii isteetota 50 irraa walitti qabame waggaa 200 booda akka banamu gochuun awwaalaniiru. Dhalootni yeros dhufu akka banee ilaaluuf.

Varjiiniyaa Maawunti Vernooni bakka teessoo Pirezidantii US jalqabaa Joorji Waashingitanitti ammoo namoota 150 biyyoota 50 irraa dhufaniif lammummaan kennameera. Kunis qaama sagantaa yaadannoo beekamaadha.

Magaalaa Niiwyoorkitti ammoo dorgommiin hot dog nyaachuu bara 1972 eegale gaggeeffameera.

Yaadannoon hundeeffama US waggaa 250ffaa kun wayita kutaalee biyyattii hedduu fi Awurooppaa guutuun ho'a hamaan rakkaachaa jirtutti kabajame.

Niiw Jeersii dabalatee bakka garaagaraatti uummatni hanga miliyoona tokko gahu sababa ho'a kanaan tajaajila elektirii dhabee jira.

Joo Baayidan dabalatee Pirezidantootni duraanii US guyyaa yaadannoo hundeeffama US kanarratti ergaa dhaamaniiru.