Tiraamp bo'icha sirna awwaalchaa Kameeniirratti yaada falmisiisaa kenne

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Prezidaant Traamp Ameerikaa fi Iraan hanga sirni awwaalcha Ayaatolaah Kamenii xumuramutti marii irraa boqonnaa fudhachuu hime.

Biyyoonni lamaan hanga sirni awwaalcha hogganaa olaanaa Iraan duraanii Ayaatolaa Alii Kamenii xumuramutti boqonnaa fudhachuuf waan murteessaniif mariin Waashingitan Tehran waliin taasiftu akka dhaabbate miidiyaa US Axios jedhamutti himeera.

Tiraamp gaaffiifi deebii bilbilaan madda oduu Ameerikaa kana waliin taasiseen lammiileen Iraan tokko tokko sirna awwaalcha Kamenii irratti yeroo boo'an arguun akka isa ajaa'ibe dubbateera. Namoonni hogganaa olaanaa duraanii kana jibbu jedhee akka yaadu kan hime Tiraamp, ''tarii imimmaan sobaa ta'uu danda'a'' jedhe.

Ayaatoolaa Kamenii haleellaa Ameerikaa fi Israa'eel ji'a Guraandhalaa keessa Iraan irratti raawwataniin ajjeefaman. Amma gadda ibsuuufi sirna awwalchaa ifaa gaggeessuuf torban tokkoof kan turu ibsannaan gaddaa Tehran keessatti eegalameera.

Namoonni uffata gaddaa gurraacha uffatan Masjiida Guddaa Tehran alatti walitti qabamaniiru.

Reeffi Ayaatolaa Masjiida Guddaa keessa kaahamee kan jiru yoo ta'u, sirni awwaalcha isaa Kamisa magaalaa dhaloota isaa Mashaad keessatti ni raawwatama.

Qondaaltonni Tehran akka jedhanitti guyyoota itti aanan keessatti namoonni miiliyoona 15 hanga 20 ta'an Iraanii fi Iraaq keessatti sirna awwaalchaa irratti ni argamu jedhamee eegama.

Pirezidaantiin Ameerikaa Tiraamp waa'ee awwaalcha kanaa akkas jedhe: "Hundi isaanii achi jiru. [Hunda isaanii ajjeesuu dandeenya] dhukaasa tokkoon. Garuu akkas hin goonu, sababiin isaas namni waliin mari'annu waan hin jirreef."

Dubbii kanaan dura qondaaltonni Iraan ''waliigaltee akka godhan kadhachaa jiru'' jechuun irra deebi'anii kan dubbate Tiraamp, gama lachuu hanga sirni awwaalcha Kamenii xumuramutti marii irraa torban tokkoof boqonnaa fudhachuuf murteessuu isaanii dubbate. Itti dabaluudhaanis yeroo kana keessatti gama lachuu haleellaa walirratti akka hin banne waliigaluun gabaafameera.

Traamp torbee dhufu muummicha ministeera Israa'el Beenyjaamin Netaaniyaahuu waliin wal arguun isaanii akka hin oolle Axio'tti himeera. "Akka gaarii deemaa jirra. [Netaaniyaahuun] eenyu akka hogganaa ta'e beeka," jedha maddi kun.