Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humna US, AI gara SI, namoonni galma keessaa ba'uufi kaan - Qabxiilee ijoo haasaa Tiraamp
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Kora 81ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Kibxata, Fulbaana 22 eegale irratti milkaa'ina bulchiinsa isaa faarse, aangawoota addunyaa walitti qabaman garii doorsise.
Haasaa yeroo dheeraaf taasiseen dhimmoota hedduu tuqe Tiraamp. Kanneen keessaa dhimmi waraana Iraan, Teeknooloojii Hubannoo Nam-tolchee (AI), Kuubaa, Odoola Giriinlaand fi humna waraanaa Ameerikaa isaan ijoodha.
Wayita Tiraamp haasaa taasisu namoonni galma gadhiisanii ba'an turaniiru.
Waliigalatti taateewwan haasaa pirezidantichaarratti mudatan keessaa ijoo shan akkanaan qixeessineerra.
1. Tiraamp Humna ykn Olaantummaa Ameerikaa faarse
Pirezidaant Tiraamp ammas Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif (UN) hagas mara kabaja hin agarsiifne.
Ajandaa sirna duriitti cichuu fi jijjiiramarratti rincicu addunyaarratti fe'eera jechuun UN komate, garuu addunyaa guutuutti walabummaan socho'ee hojii hojjechuuf carraa argate ammoo akka milkaa'inaatti ibseera.
Haasaa isaa keessatti milkaa'inasaa daran faarse, nagaa buusuu isaa leellise, akkasuma ammoo dhimmoota garagaraa kaasuun doorsisa labseera.
Iraaniin akka homaa hin hafnetti balleessuuf akkasumas mootummaa Kuubaa kuffisuu akka danda'u dhaadate.
Kanarraa kan hubatamu Ameerikaan ammallee marii nagaa caalaa humna fayyadamuuf qophii ta'uudha. Kana ammoo Tiraamp dantaa biyyaalessaa eegsisuu maqaa jedhuun raawwachuu danda'a.
Tiraamp ammas akkuma kanaan duraa ''olaantummaa humna waraanaa Ameerikaa'' faarse. Biyyisaa humna waraanaa addunyaarraa gita hin qabne qabaachuu ibse.
''US ammaan achi rakkoon biyyoota lixaa keessatti hundee jabeeffachuun akka lammiilee Ameerikaatti yaaddoo ta'u hin eeyyamtu,'' jedhe.
2. Wayita Tiraamp Kuubaan ''biyya kufte'' jedhu jilli biyyattii galma gadhiisanii ba'an
Tiraamp haasaa isaa keessatti biyyoota ollaa US dhihoo ta'an keessaa tokko kan taate Kuubaa tuqeera.
Biyya kufte jechuun ibse. Bulchiinsi isaa ''Kuubaa keessatti jijjiiramni bu'uuraa akka dhufu,'' hojjetaa jiraachuu kaase.
''Mootummichi ni kufa,'' jedhe.
Wayita Tiraamp dhimmoota kunneen kaasuun haasaa isaa itti fufu jilli Kuubaa galma gadhiisanii ba'an.
Yeroo dhihoo as Tiraamp mootummaa Kuubaa irra deddeebi'ee qeeqaa jira.
Haasaa isaa kana keessatti ammoo ''biyyattiin dhiibbaa hamaa jala jiraachuu'' fi ''haala kanaan dura ta'ee hin beekneen kufaa jiraachuu,'' dubbate.
US jijjiiramni Kuubaa keessatti taasisuuf deemtu maal akka ta'e ykn maal fakkaachuuf akka deemu ifa miti.
Ministirri dhimma alaa Kuubaa Biruunoo Roodiriigeez yaada Tiraamp kennetti baayyee mufachuu ibsuun, pirezidantichi ''odeessa sobaa fi dogoggorsiisaa facaasa,'' jechuun himate.
''Mootummaan US Kuubaan biyya birmaduu fi walabaa akka taatee fi ta'uufis mirga akka qabdu hubachuuf ga'umsa hin qabu,'' jechuun X irratti barreesse.
3. Doorsisa 'Iraan lafarraa balleessuu'
Tiraamp Kora UN kanarratti kallattiidhaan Iraanitti dhaadate- akka hin deebinettin dhabama isin godha jedhe.
Rippaabiliki Islaamaa Iraan filannoo lama gidduu jiraachuu ibse: ''US waliin waliigaluun biyyattii ijaaruu ykn lafarraa haxaawamuuf qophaawuu,'' jechuun itti dhaadate.
Waliigalteen waraana dhaabuu, filannoo walakkaa bara aangoo pirezidantummaa Muddee keessa gaggeeffamu booda akka irra ga'amu akeeke Tiraamp.
Haasaan isaa adeemsuma kanaan duraa calaqqisiise. Humnaan doorsisaa mariif ammoo ulaan banaa ta'uu ibse.
Garuu dubbiisaa ammaa kanaan sirnicha barbadeessuu fi biyya Iraan jedhamtu mataashee lafarraa haxaawuu walitti makeera.
Ogeeyyiin seeraa idiladdunyaa doorsisa aanga'oota US akka haaraatti hammaateen yaadda'uu ibsaa turan.
Tiraamp dhihoo kana buufataalee anniisaa Iraan hunda guutummaatti ''nan barbadeessa'' jechuun dhaadannoo cimseera.
Haasaa isaa Kibxataa keessattis ''tarkaanfii fudhannaan carraan irraa hafuu fi abdiin gara fuulduraa hin jiraatu,'' jechuun doorsisa hamaa dhiheesse.
Pirezidantiin biyya tokkoo dhaabbata addunyaa hunda bakka bu'e keessa dhaabbatee doorsisa akkanaa kennuun raajiidha.
Galma UN qabate ''dhaloota egeree waraana irraa baraaruu,'' kan jedhu waliin wal falleessa ykn galmicha gatii dhabsiisa.
Dubbiinsaa garuu guutummaatti marii fi dippiloomaasiin kufe jechuu hin mul'isne.
Akkaataa itti mariin gaggeeffamu irratti haala isaaf mijatu aanjessuuf yaadee waan dubbate fakkaata.
Mari'achuun waliigalteerra ga'uun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta'uu mirkaneessuuf.
4. Tiraamp waliigaltee Oddoola Giriinlaand akka injifannootti ibsate
Tiraamp dhimma waliigaltee Odoola Giriinlaand akka milkaa'ina ijootti kaasuun, biyyisaa buufataalee waraanaa lama bakka kanatti akka ijaartu ibse.
''Ameerikaa fi Awurooppaa balaarraa ittisuuf ga'umsa guutuu qabna,'' jedhe.
Waliigalteen kun humna dhaabbata waloo NATO kan jabeessuudha jedhe.
US, Deenmaark fi Giriinlaand haasaa Tiraamp taasise booda yeroo gabaabaa keessatti waliigaltee mallatteessan.
Giriinlaand of dandeessee kan of bulchitu taatus, Deenmaark jalatti bulti. USfi Deenmaark waliigalticha osoo hin mallatteessin dura Tiraamp haasaa taasiseen, "bakka mijataa ta'etti buufata waraanaa guddaa ijaaruuf adeemsa isaa hatattamaan ni eegalla" jedhe.
Ministiirri Muummee Deenmaark Mette Firedirksan ammoo, "Waliigaltichi USdhaaf, Deenmaarkifi Giriinlaadiif bu'a qabeessadha" jechuun Awurooppaaf illee waan gaarii akka ta'e dubbatan.
Ministiirri Muummee Giriinlaand Jeens Firedirik Nelsan haasaa taasisaniin, waliigalticha gareen hunduu kan itti mo'atee ta'uu ibsan.
Giriinlaand US wajjin walii hin galtu yoo ta'e, humna waraanaan to'achuu akka danda'u akeekkachiisaa ture. Tiraamp Giriinlaand nageenya biyyaalessaa UStiif bakka murteessituu ta'uu eeruni kan to'achuuf itti gamaa ture.
Waliigalteen US, Giriinlaandifi Deenmaark waliif mallatteessan kun muddama waggaa oliif ture kan qabbaneessudha.
5. AI irraa gara SI
Tiraamp waan hunda akka milkaa'ina isaatti ibsuu barbaada. Kora kanarrattis yaada kana calaqqisiiseera- keessattuu teeknooloojii irratti.
Pirezidantichi argannoo teeknooloojiitti maqaa haaraa moggaasuun kansaa godhachuuf fedhii qabu haasaa isaa kana keessattis mul'iseera.
Teeknooloojii hubannoo nam-tolchee (AI) maqaa geeddaree dubbate- Super AI (SI) jedheen.
''Maqaan AI jedhu waan sobaa ykn fakkeessaa wayii fakkaata. Garuu waan sobaa miti, waan ajaayibaatiyyuu. Ammoo of eeggannoo gochuu qabna,'' jedhe.
''Baga nagaan gara addunyaa hubannoo namtolchee beekumsa olaanaa qabuu ykn akkaan qaroo ta'ee- Super Intelligence (SI) dhuftan.''