Sagaleen murteessaa fi VAR tapha Arsenaalii fi West Haam ifoomsame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Sarara rukkuttaa peenaaliitii keessatti wal dhidhiibuu baay'een yoo jiraate akkamiin akka furuun danda'amu barri dorgommii kun akka xumurameen falli kan barbaadamu taha jedhe Hogganaan Murteessitootaa Kubbaa Miilaa Howaard Weeb.

Howaard Weeb galchiin West Haam daqiiqaa dhumaatti lakkaa'ame haqamuun murtee sirrii jedhee akka amanu Howward Weeb himeera.

Kaalum Wiilsan galchii wal qixxeesituu daqiiqaa 95ffaa irratti lakkoofsisee ture. VAR garuu murteessaan sarara gidduu erga galchicha kennee akka ilaalamu ajaje.

Taphataan West Haam Pabloo jedhamu Deevid Raayaa irratti balleessaa hojjeteera jechuun akka haqamu murtaa'e.

Murteen kun fiixee lamaaniin dhiibbaa guddaa qaba. Arsenaaliin waancaa injifachiisuu danda'a. West Haamiin ammoo Liigicha keessaa buusuu mala.

West Haam ibsa gaafateera. Sagaleen ogeessota VAR fi murteessaa akka ibsamuuf gaafataniru. Arteettaan ammoo murtee sirrii bara kana fudhatame jedhe.

Arteettaan ogeessi VAR Daaren Ingilaand kutannoo guddaa agarsiisuun galchicha haqe jedhe.

Howaard Weeb ammoo balleessaan Deevid Raayaa irratti hojjetamuun waanuma gaaffii qabu miti jedhe.

Akka seeraatti karra eegaan yoo dhiibame, harki isaa qabame ykn dhiibamuun akka hojii isaa hin bahanne yoo taphataan garee faallaa dhiibbaa irratti godhe balleessaa taha jedhe.

Gaaffiin addatti jiru balleessaa biroo baay'een hojjetamaniiru kan jedhu irrattidha.

Tiroosaad taphataa Paabloo jedhamu irratti Deklaan Raayis ammoo Maviroopaamos irratti balleessaa hojjetaniiru.

Asirratti murteessaa fi ogeessonni VAR maal waliin jedhan? Sagaleen baheera.

Wal'aansoo, wal qabanii harkisuu fi wal dhiibuun bara kana Piriimer Liigii keessatti waanuma baratame taheera.

Dorgommiin bara kanaa yeroo xumuramu waan kana akkamiin ilaaluu akka qabnu irratti ni hojjenna jedhe Howaard Weeb.

Barana tuttuqqaa karra eegaa irratti raawwatu waliin walqabatee isa kana dura barame irraa addadha. Kanaaf ammoo murteesitootaaf xiqqoo rakkisaa taheera jedhe.

Qaamni murteesitoota hogganu kun taphattootaa fi deeggartoota dabalatee qaamolee isaan ilaallatu waliin tapha akkamii ilaaluu akka barbaadan ni gaafanna jedhe.

Murteessaa: Kiriis Kavanaa

Murteessaa Gargaaraa 1: Daan Kuuk

VAR: Daaren Ingilaand

Gargaaraa VAR: Akil Hoowson

Yeroo gareen dirree keessaa marii VAR dhagahaa ture akkas jedhan:

VAR: karra eegaa irratti balleessaan hojjetamuu hin hafu.

VAR: Ilaalleerra.

AVAR: Gooliin kennameera.

Murteessaa Gargaaraa 1: Karra eegaa irratti balleessaan waan hojjetame miti

Murteessaa: Murteen dirree keessaa akka goolii tahedha.

VAR: Goolii kenname mirkaneessuuf ilaaluu.

VAR: Mee haa taphachiisnu, mee amma haa ilaallu

VAR: Karra eegaan achi jira....

VAR: Amma kubbi dhahameera. Raayaa irratti balleessaan hojjetamuu hin hafne, haala kanaan yoo ilaalle.

Gargaaraa VAR: Mirkaneessuuf garuu kubba harkaan hin qabanne.

VAR: Mee roga biraan ilaallee waan karra eegaarratti tahe ilaalla.

VAR: Karra eegaa Arsenaal irratti

VAR: Tole.

VAR: Kana. Suuuta jedhii taphachiisi.

VAR: Anaaf balleessaan jira. Irree isaa irratti balleessaan hojjetameera.

VAR: Harka isaa gadi qabaniiru. Kun isa rakkiseera.

VAR: Harki bitaa kuunnooti, isa qabeera. harka isaarrra qaxxaamurseera.

Mataa isaarra darbeera. Harka bitaa Raayaa qabeera.

VAR: Kubba akka sirriitti hin qabanneef isa danqeera.

VAR: Karaa biraan ammoo balleessaa hin fakkaatu

RO :Kallattii haaraa biraa argadheera.

VAR: Mee achiin ammoo ilaali...

Gargaaraa VAR: Raayaa irratti balleessaan hojjetameera.....

VAR: Murticha tursiise. Balleessaa karra eegaa irratti hojjetamuu malu ilaaluu

Erga ammas irra deebiin ilaalanii booda murtoo darbarsuurra murteessaa tokkoffaan akka dhaqee ilaalu godhan.

Ogeessonni VAR Tiroosaad balleessaa hojjechuu himaniiru. Garuu peenaaliitii kennuuf gahaa miti jedhan.

Deklaan Raayis akkasuma balleessaa akka hojjete himan. Rukuttaa peenaaliitii kennisiisuu akka danda'us haasahan.

Garuu balleessaan jalqaba Raayaa irratti hojjetameera jedhan. Kanaaf murtoon isaanii Raayaa irratti xiyyeeffate.

Murteessaa Kiriis Kavanaas gara iskiriiniitti waaman.

VAR: Kiriis Kavanaa , ballaaeessaan karra eegaa irratti hojjetamuu fi dhiisuu osoo ati ilaaltee murteesite wayya. Garuu balleessaan biroo yeroo wal fakkaataatti hojjetamanis jiru.

Murteessaa: TOLE.

VAR: Karra eegaa irratti balleessaan hojjetamuu akka hin hafne sitti agarsiifna

RO: Asiin ilaaltaa?

REF: TOLE.

VAR: Harki bitaa Paabloo Raayaa irra qaxxaamureera. Kun yeroo inni kubba qabuuf deemedha.

REF: EEYYEE.

VAR: Amma sittan agarsiisa.

Murteessaa: Akka isa qaban sirriitti argaan jira

VAR: Eyyee, akkasumas kallattii biraan ammoo balleessaa taphattoonni kaanis hojjechuu hin oolle sittan agarsiisa.

Murteessaa: TOLE.

GARGAARAA VAR: Deklaan Raayisii fi Tiroosaad agartee?

MURTEESSAA: Maal akka natti agarsiisaa jirtu naaf hin galle, yaada naaf kenni.

VAR: Tiroosaad Paabloo irratti. Kallattii kanarra wayyu mee sitti agarsiisa.

MURTEESSAA: Baay'ee kan balleessaa jedhamu miti. Kana ilaaleera gahaadha.

VAR: Eyyee. Tole

Murteessaa: Homaayyuu hin goone.

Gargaaraa VAR: Yoo gochaa Deklaan Raayis duubaan Maaviroopaamos irratti hojjete ilaaluu barbaadde.

VAR: Garuu balleessaan jalqaba karra eegaa irratti raawwate.

Murteessaa: Isaan dura.... kanaafuu... erga waan hunda ilaallee taphataan West Haam lakkoofsi ...

VAR: 19.

Murteessaa: 19. Balleessaa hojjeteera.

Murteessaa: Lakkoofsa isaa naaf mirkaneessi.

VAR: 19.

VAR: Mirkaneesseera.

Murteessaa: Maayikiraafoonii naaf bani.

Murteessaa: Erga viidiyoo ilaallee taphataan West Haam lakkoofsa 19 karra eegaa irratti balleessaa hojjeteera.

Murtoon dhumaa rukuttaa peenaaliitii kallattii Arsenaaliif jechuun xumuran.

Murtoo kufaatii fi shaampiyonummaa murteesite.