Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni ittisa misaa'elaa Tiraamp 'Golden Dome' doolaara tiriliyoona 1.2 baaasu haleellaa hunda hin qolatu jedhame
Sirni ittisa misaa'elaa Pirezidantii US Doonaald Tiraamp ''Golden Dome'' jedhamu ijaaramuuf, bobbaafamuuf (tajaajilaaf ooluuf) fi waggoota kurna lama keessatti guutummaatti xumuramuuf doolaara tiriliyoona 1.2 akka gaafatu ibsame.
Jaarmiyaan gabaasa kana baase Congressional Budget Office (CBO) yoo ta'u, caasaa mootummaa federaalaa keessatti jaarmiyaa walaba ta'uun dhimma baajataa xiinxaluun gabaasuudha.
Jalqaba wayita pirojektiin kun labsamu ijaarsi sirna ittisa misaa'elaa kun doolaara biiliyoona 175 fudhata jedhamee ture.
Donaald Tiraamp 'Golden Dome' osoo aangoon pirezidantummaasaa hin xumuramin dura 'gutummaatti' hojiirra akka oolu beeksiisee ture.
Teeknooloojii waraanaa egeree- kan lafoo, galaanarraa fi hawaa keessaa, akkasumas misaa'eloota haleellaa hamaa raawwatan falshalsuu fi qolachuuf kan abdatame teeknooloojiin waraanaa akkaan ammayyaawaa ta'e kun hanga eegame bu'a qabeessa ta'uu dhiisuu mala jedhame.
Gabaasi CBO Raashiyaa fi Chaayinaan yoo humna guutuun haleellaa raawwatan sirni ittisa misaa'elaa ''Golden Dome'' miidhamuu danda'a yaaddoo jedhu dhiheesse.
Meeshaa kana walitti hidhuuf (walitti qabsiisuuf) qofa doolaara tiriiliyoona 1 kan gaafata.
''Golden Dome'' meeshaalee haleellaa misaa'elaa fashalsan, hawaa keessa buufachuun hordoffii gaggeessan, misaa'ela kashafsiisanii fi kallattii agarsiisan ykn haleellaan misaa'elaa jiraachuu eeran of keessaa qaba.
Tiraamp akkuma Amajjii Waayit Haawusitti deebi'een sirna ittisa misaa'elaa sodaa haleellaa qilleensaa ''sadarkaa itti aanuu'' kanarratti karoora qabu ibse.
Jalqaba bajata doolaara biiliyona 25 ramaduuf waadaa gale, baasiinsaa waliigalaa gara doolaara biiliyoona 175 akka ta'u tilmaame.
Seeneetarri miseensa Dimokiraat Jeef Merkileey tilmaama baasii ijaarsa pirojektii kanaa gabaasa keessatti akka dhihaatu wayita gaafatu ''meeshaan Tiraamp 'Golden Dome' jedhame kun maallaqa lammiilee Ameerikaa irraa argame guddisanii kontiraaktaroota humna ittisaaf bifa kennaan gumaachuurraa kan hafe hiika biraa hin qabu,'' jedhe.
BBCn dhimma kanarratti Waayit Haawus fi Peentaagon dubbiseera.
Ameerikaan sirna ittisaa hunda galeessa akkaan gudda ta'e kan lafa bal'aa haguugu akkanaa ijaaruu isheerratti shakkiiwwan turaniiru.
Aanga'oonni biyyattiin (Ameerikaan) sirni ittisaa isheen amma qabdu kan biyyoota isheen morkachuu danda'an jedhamanii fi yeroo gara yerootti fooyya'aa jiran waliin walqixa akka hin taane akeekkachiisaniiru.
Baasiin teeknooloojii ittisa misaa'elaa 'Golden Dom' yoo tilmaamamu guddaa ta'us ''sirni ittisaa kun garuu haleellaa biyyoota humnaan US gitan ykn itti dhihaatan irraa raawwatamu hunda qolachuu kan danda'uudha,'' jedhe gabaasi CBO.
Sirni ittisaa jalqaba "Iron Dome for America" jedhamuun moggaafame kun akka eegaluuf ajaji pirezidantii irraa kennamuun, biyyattiin haleellaa meeshaalee waraanaa ammayyaawoo fi kanaan booda dhufaa jiraniif saaxilamtuu ta'uu fi sodaa qabaachuushee mul'isa.
Tiraamp marsaa lammataaf pirezidantii ta'ee hojii eegaluun torbee jalqabaa keessatti dameen ittisaa dhimma kanarratti akka karoora dhiheessu ajaje.
Tiraamp sirni ittisa misaa'elaa teknolojii 'dhaloota itti aanuu' lafarratti, galaanaa fi hawaarratti akkasumas haleellaa misaa'eloota ittisuudhaaf kiyyeeffamuun jidduugala hawaaraatti hundeeffamuun haleellaa fashaleessuu fi eeruu kennu dabalata jedhe.
Sirni ittisaa kun misaa'eloota addunyaa kallattii biraa (Chaayinaa fi Raashiyaa) irraa dhukaafaman ykn samii fagoorraa dhufan qolachuufillee ga'umsa olaanaa qaba jedhee ture Tiraamp waggaa darbe.
Karoorri Tiraamp irra caalaan kan maddu 'Iron Dome' Israa'el kan bara 2011 irraa kaasuun hojiirra oolfameefi haleellaawwan misaa'ela fageenya gabaabaa butuudhaaf maloota ittisa raadaarii fayyadamuurraayi.
''Golden Dome'' ammoo kan sirna ittisa Israa'el caaluufi haleellaa bal'aa ittisuudhaaf hojjatamu ta'a.