Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan qoqqobbii waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaafte
Ameerikaan qoqqobbii meeshaa waraanaa Itoophiyaarra keessee turte kaasuu beeksifte. Qoqqobbiin kun ka'uu kan beeksise Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektoreetii to'annoo fi daldala meeshaa waraanaa Ameerikaati.
Daayirektoreetiin kun ibsa Caamsaa 03, 2018 akka ibsetti imaammata uggurrii hordofu kaasuu fi hojiirra oolmaa heyyamawwan Itoophiyaa wajjin wal qabatan Danbii to'annoo daddabarsa meeshaa waraanaa idil-addunyaa (ITAR) qorachaa jiraachuu beeksise.
Kana hordofee dhiyoottuu kan bahu dambii fooyya'u, danbii to'annoo daddabarsa meeshaa waraanaa idil-addunyaa -ITAR 126.1 keessaa maqaan Itoophiyaa akka ''haqamu'' eere.
Danbiin kun, biyyoota qoqqobbii Ameerikaa jala jiran murtaa'an, meeshaalee waraanaa fi tajaajiloota walfakkaatan raayyaa ittisa biyyaatiif, poolisiif, caasaa nageenyaa fi kaaniif alaa akka hin galchinee fi gara alaa akka hin ergine dhorka.
Itoophiyaan waraana Tigraayin wal qabateeti Fulbaana 2021 kaasee kan qoqqobamte.
Itoophiyaan waggoota darban meeshaalee waraanaa baay'inaan kan bitaa turte Raashiyaa, Chaayinaa, Tarkii, UAE fi Iraan irraa ta'uu ragaaleen ni agarsiisu.
Qoqqobbii kun Itoophiyaarraa ka'uun isaa yeroo ifoome kun kaaba Itoophiyaa Tigraayitti muddamni hammaatee yeroo hammaate, Itoophiyaa fi Eertiraa akkasuma Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti muddamni yeroo hammaatetti.
Ameerikaan Itoophiyaarraa qoqqobbii keessee turte sababni kaafteef maal akka ta'e hin eerre.
Ta'ullee Ameerikaa daayirektoreetiin daldalaa fi to'annoo meeshaa waraanaa qoqqobbiin kun kaafamuu kan ibse ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootewoos gara Waashingtan imaluun gita isaanii Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin dhimmoota waloo fi haala gaanfa Afrikaa irratti mari'achuu isaanii hordofeeti.
Ministiroonni Dhimma Alaa lamaan marii isaaniitiin, walitti bu'iinsa Gaanfa Afrikaatti mudatan furuu fi muddama hir'isuu keessatti "gahee murteessaa Itoophiyaan taphattu" irratti xiyyeeffachuun mari'achuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.
Kana malees, tumsa nageenyaa biyyoota lamaanii, carraawwan daldalaa guddisuu, akkasumas dhimmoota "Galaana Diimaa fi Nageenya Naannoo Galaanaa" irratti bal'inaan mari'ataniiru.
Maarko Ruubiyoo qaamaan Dr Geediyoon waliin wal qunamanii mari'achuun dura, guyyuma sana ministira muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin dhimma tasgabbii naannichaa, tumsa farra shororkeessummaa, diinagdee fi nageenya Gaanfa Afrikaa irratti bilbilaan mari'ataniiru.
Aangawoonni Ameerikaa fi Itoophiyaa kunneen haala naannoo Galaana Diimaa dabalatee dhimmoota adda addaa irratti mari'achuu fi uggura meeshaa waraanaa Itoophiyaarraa kaasuu dursee, guyyoota dura uggura meeshaa waraanaa Eertiraa irra keessee turte kaasuuf karoorfachuu ishee gabaafamee ture.