Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ob. Zagayyee Asfaaw: Hayyuu Qonnaan bulaa ciisanyummaa baasee abbaa lafaa taasise
Hedduun abbaa qonnaan bulaa jedhuun. Qabsoo lafa harka fiwudaalistootaatii [abbaa lafaa] baasuun qonnaan bulaaf deebisiisuu keessatti nama maqaan isaa barayyuu yaadatamudha.
Qabsoon barattoota Itoophiyaa, darbees qonnaan bulaan godhe kan "Lafti qonnaan bulaaf 'Land To The Tiller)" jedhamu ija akka godhatuuf wixinee seeraa riifoormii lafaa qopheessani.
Sirnoota garaa garaa keessatti gahee hoggansaa olaanaa garaagaraarras turani.
Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu keessattis harka lafa jalaatiin qooda jabaa gumaachuun beekamu.
Dhaabbilee miti-mootummaa hawaasa qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa tajaajilan HUNDEE fi Buusaa Gonofaa jedhaman hundeessuun fi hogganaa nama turani.
Heera mootummaa 1995 qophaaye qopheessuu keessattis nama hirmaannaa jabaa qaban ture. Waggoota 11 hidhaa akka tures seenaan isaa ni hima.
Hanga guyyaa isaanii boqotanitti komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa turan.
Namni imaammata riifoormii lafaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraaa banan Ob. Zagayyee Asfaaw addunyaa kanarraa du'aan boqotaniiru.
Obbo Zagayyee Asfaaw maaliin yaadatamu?
'Inni ilma abbaa lafaa ture'
Qabsoon barattoota Itoophiyaa bara 1960mootaa seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti qabsoo boqonnaa haaraa bane ta'uun yaadatama.
Qabsoon barattootaa sun gaaffiiwwan ijoon kaasaa ture keessaa "Lafti qonnaan bulaaf (land to the tiller)" kan jedhu ijoo dha.
Yeroo qabsoon kun dhoowutti lafti Itoophiyaa, keessumaa lafti uummatoota kibba Itoophiyaa, harka abbaa lafaa (fiwuudaalistootaa) ture- qonnaan bulaan ciisanyaa ta'uun lafa isaarratti oomisha isaa sisoo (1/4ffaa) safaree abbaa lafaaf gabbara ture.
Qabsoon barattoonni Itoophiyaa eegalan sun sirna mootii Haylasillaasee buqqisuun lafa harka fiwudaalistootaatii baasee kan qonnaan bulaa godhe.
Sirnas jijjiiruun bara 1974 mootii Haylasillaaseen fonqolfamee sirni Darguu aangoo aangotti fide.
Waggaa tokko bara 1975 Labsiin Riifoormii Lafaa qonnaan bulaa boqochiisee fi siyaasaa biyyattiif boqonaa haaraa bane ni labsame.
Ogeessi seeraa Obbo Zagayyee Asfaaw nama wixinee riifoormii lafaa lafti qonnaan bulaaf jedhu kana qopheessanii fi labsii ta'ee akka bahu adda durummaan hojjetani ta'uun yaadatamu.
Waahilaa isaanii fi dhaabbilee miti -mootummaa akka Hundee fi Buusaa Gonofaa jedhaman keessa waliin hojjetan, qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Alamaayyoo Diroo gumaacha Obbo Zagayyeen nama haqaa naatoo uummataa qabu ture jedhu.
"Nama haqaati, nama cunqursaa jibbu dha. Labsii lafaa kanarratti kan isa kakaase inni ilma ciisanyaa waan ta'eefi miti, innuu ilma abbaa lafaati. Garuu ijoollummaa kaasee uummata ciisanyaa ta'e kana, uummata cunqurfame kana akka gaariitti beeka" jedhu.
Obbo Zagayyee Asfaawu ogeessa seeraa turan. Yunivarsiitii Finfinnee [Yunivarsiitii Haylasillaasee yeroo saniirraa] ogummaa seeraan digrii jalqabaan fudhatan. Booda irra immoo biyya Ameerikaatti carraa barnootaa argataniin University of Wisconsin–Madison irraa digrii lammaffaa barnoota seeraatiin eebbifaman.
"Yeroon qabsoon deemaa jiruu fi yeroo inni barnoota isaa biyya alaatii fixee dhufu akka carraa ta'ee walirra bu'e. Kanaafuu, sochii sana qindeessee labsii ciisanyaaf lafa deebisee fiwudaalizmii dhabamsiisu labsuu keessatti adda durummaan nama gaggeesse ta'ee beekama."
Obbo Zagayyeen lafa baadiyyaa qofa osoo hin taane lafti magaalaas karaa haqaan akka bulu nama gumaache jedhu. Yeroositti magaalaatti namni tokko mana tokkoo ol qabaachuu akka hin qabnes nama carraaqqii godhe ta'uu yaadatu obbo Alamaayyoon.
Gaggeessummaa, Qabsoo ABO, Hidhaa
Riifoormiin lafaa gaggeeffamee sirna Darguu jalatti waggoota lama walitti aananiif ministira bulchiinsa fi riifoormii lafaa turaniiru Obbo Zagayyeen.
Obbo Zagayyee Asfaaw nama qonnaan bultoota fi horsiise bultoota biyyattii aara galfachiise turus aantummaan inni haqa uummataaf qabanii fi fedhii jijjiirama dhugaaf qaban kan hin gammachiifne sirni Darguu ni hidhe.
Bara 1980 kaasee waggoota 11 walitti aananiif mana hidhaa turan. Dargiin kufuu hordofee mootummaan cehumsaa yeroo hundaawutti mana hidhaatii kan bahan.
Qabsoo ABO hundeessuu keessattis namni utubaa turan kun, ministiroota Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa cehumsaa keessatti dhiyeeffate afur keessaa nama tokko turan.
Miseensota kaabinee ministeeroota afur ABO bakka bu'an keessaa isaan tokko Ministira Qonnaa ta'uun waggaa tokkoof tajaajiluu isaanii seenaan isaanii ni mul'isa. Wayita ABO mootummaa keessaa bahu isaanis biyya alaatti bahuu himu Obbo Alamaayyoon.
Obbo Zagayyeen heerri Itoophiyaa amma hojiirra jiru qopheessuu keessatti gumaacha taasisuun yaadatamu.
Boodana dhaabbilee miti-mootummaa Hundee fi Buusaa Gonofaa jedhamu hundeessuun jireenya hawaasa qonnaa bulaa fi horsiise-bulaa jijjiiruuf waahillan isaa waliin hojjechaa ture.
Hundeen dhaabbata hiyyummaa hir'isuu, dubarroota barsiisuu, fayyaa hawaasaa fi kunuunsa naannoo fa'irratti hojjetudha. Buusaa Gonofaan dhaabbata liqii fi qusannaa qonnaan bulaa jajjabeessu dha. Jaarmiyaan lamaanuu yeroo ammaa Oromiyaa keessatti tajaajila kennaa jiru.
Waggoota afran darbanii hanga lubbuun isaanii darbutti komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa ta'uun tajaajilaa turan.
Yaadota
Du'aan boqochuu Obbo Zagayyee Asfaawu irratti aangawoota mootummaa dabalatee waahillanii fi namootni garaagaraa gumaacha isaanii kaasun gadda itti dhagahame ibsataniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad, "Obbo Zagayyee Asfaaw lafti qonnaan bultoonni Itoophiyaa garmalee saamaman akka deebi'uufiifi haalli lafti ittiin bulfamu akka jijjiiramu nama shoora addaduree bahanidha" jedhan.
Yeroowwan addaddaatti ministirummaan biyyasaanii tajaajiluu isaanii fi Kana malees umuriisaanii boodanaatti Komiishinii Marii Biyyaalessaa rakkoowwan biyya keenyaa bulan mariidhaan hiikuuf hundaa'e keessatti Komiishinarummaadhaan tajaajilaa kan turaniifi, abbaa jabaa bara jireenyasaanii guutuu namoota harka qal'eeyyii deeggaruudhaan biyyasaanii tajaajilaa turuu ibsan.
Pireadantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, "Qonnaan bultoonni biyya keenyaa mirgi abbaa qabiyyummaa lafaa isaanii mulqame akka deebi'u qabsaa'uu qofa osoo hintaane, labsiifi haala raawwii isaas nama adda durummaan hoggananidha" jedhan.
Gameessi Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Ibsaa Guutamaa yaada miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodaniin hiriyaa ijoollummaa dhabe jedhan.
"Hiriyaa ijoollummaa, waabarii jalqabaa Kokabe Tsibah waliin dhaqnu turre.
Hidha Maa'ikalaawii waggoota kudhaniif waliin turre. Hunda caalaayyuu jaallewan turree. Anaaf dhaba guddaa dhaa. Bakka jiraannu jiraannes jalala hiriyummaa fi haalli jala dabarre hin irraanfatamu."
Ani bade jennee walgaggeessuuf garuu hin dandeenye kan jedhan Ibsaa Guutama, ijoollee fi maatiif jajjabina hawwan.
Komishinii Marii Biyyaalessaa, Ministeera Qonnaa dabalatee dhaabbilee fi namoonni bebbeekamoon hedduun gadda isaanitti dhagahame ibsaniru.
Obbo Zagayyee Asfaawu Shawaa Lixaa aanaa Walmaraatti dhalatan.Nama bultii qabanii fi abbaa ijoollee yoo ta'an dhalatanii umrii isaanii 84tti boqotan.