Filannoo Itoophiyaa: EZEMA'n teessoo Caffee Oromiyaa tokko yoo argatu, ABO'n homaa hin arganne

Madda suuraa, OBN English
Paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa teessoo mana-maree bakka bu'oota ummataa harka caalu mo'achuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Haaluma kanaan Paartiin Badhaadhinaa teessoo paarlaamaa 547 keessaa 438 mo'ateera. Akka heera biyyattiitti paartiin tokko mootummaa hundeessuuf yoo xiqqaate teessoo paarlaamaa 274 argachuu qaba. Filannoo baranaatiif lammiileen miliyoona 50 ta'antu sagalee kennuuf akka galmaayan Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksisee ture.
Filannoo waliigalaa biyyaalessaa marsaa torbaffaa kun naannoo Tigraayi kan teessuma paarlaamaa 38 qabu keessatti sababa rakkoo nageenyaaf filannoon yeroo lammaffaaf hin gaggeefamne.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa sirna Dilbata Waxabajji 21, 2026 Finfinnee keessatti gaggeesseen bu'aawwan filannoo mirkanaa'aniifi raggaasifaman ifa godheera.
Filannoo waliigalaa torbaffaatiin paartileen mormitootaa teesssoo mana-maree bakka bu'oota ummataa 41 kaadhimamtoonni dhuunfaan dorgoman ammoo teessoo 8 mo'achuun isaanii ibsameera.
Boordichi bu'aa filannoo manneen maree naannolees ifa godheera. Manneen maree naannoleettis paartiin biyya bulchu olaantummaan argateera.
Caffee Oromiyaatiif paartilee teessoo argatan
Baay'ina teessoo Caffee Oromiyaa bu'aan filannoo ibsame 528 keessaa paartiin biyya bulchu Badhaadhinni teessuma 523 argateera.
Paartiin EZEMA barcuma tokko argateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni dhuunfaan dorgoman Faaxumaa Kamaal Huseen, Filahuddiin Xalahaa Ahmad, Atoomsaa Kumsaa Roobaa, Nigaatuu Waaqgaarii Disaasaa teessoo Caffee Oromiyaa tokko tokko argatanii jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) paartilee Caffee Oromiyaatiif kaadhimamtoota dhiyeessan keessaa tokko yoo ta'u, duula filannoo baranaarrattis hirmaannaa taasisaa tureera. Bu'aa filannoo hanga yoonaa ibsameen garuu teessoo Caffee tokkollee hin arganne.
Mana-maree bakka bu'oota ummataa sadarkaa federaalaattis ABOn paartilee teessoo argatan jechuun ammatti Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibse keessa hin jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo waggoota 30 ol booda siyaasa Itoophiyaatti deebi'uun filannoo biyyaalessaa bara kanaarratti kan hirmaate.
Paartichi naannolee afuriifi bulchiinsawwan magaalaa lama keessatti akka dorgomuuf ibsuusaa gaazexaan Bariisaa dhaabicha waabeffachuun gabaasee ture.
Naannolee kanneen bakka bu'uun teessoo mana maree bakka bu'oota uummataafi mana maree naannoleef ABOn kaadhimamtoota 163 dhiyeesse.
Gama kaaniin, KFO'n boordii filannootiin akka hin haqamneef jecha kaadhimamtoota jaha qofa dhiyeessuun akka hirmaatu ibsee ture.
Oromiyaatti lammiileen miiliyoona 24 sagalee kan kennuuf kan galmaa'anii turan yoo ta'u, kanneen keessaa 97% kan ta'an sagalee kennuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.
Naannoon Oromiyaatti naannoleen filannoo 179 kan jiran yoo ta'u, guutummaa naannoo filannoo kana keessa teessoon guutuun caffee 537 ta'a .
Haa ta'uu malee, bu'aan filannoo teessoo caffee naannoo filanoo sadii (3) hin lakkaawamne. Kana jechuun bu'aan filannoo Caffee amma ifoome kan naannolee filannoo 176 yoo ta'u innis kan teessoo Caffee 528 ti jechuu dha.

Madda suuraa, AMN - Afaan Oromoo/Youtube/5 Apr 2026
Iddoowwan bu'aawwan filannoo isaanii hin ibsamin
Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa ibsa isaa Waxabajjii 21 keessatti iddoowwan filannoon itti gaggeeffamee bu'aan filannoo ammaa kana keessatti hin hammatamin ibseera. Sababoota sadis eeree jira:
1. Kanneen sagaleen irra deebiin akka lakkaawamu murtaaye
Rakkoo jabaa lakkaawuurratti fi sagalee guutuu irratti mudateen kanneen sagaleen keessatti kenname keessaa naannoleen filannoon 11 ta'an irra deebiin akka sagaleen isaanii lakkaawamu boordichi murteessu hime.
Naannolee filannoo Birbir, Garasgee, Daamot Wayidee jedhaman naannoo Kibba Itoophiyaatti sagaleen M/M/B/B/U irra deebiin akka lakkaawamu murtaaye.
Naannoo filannoo Hagereselaam fi Cakoo [Naannoo Sidaamaa] sagaleen M/M/B/B irra deebin akka lakkaawamu murtaaye.
Oromiyaatti naannoo filannoo Walmaraa fi Aliibootti sagaleen M/M/B/B/U irra deebii kan lakkaawamu yoo ta'u, naannoo filannoo Kibramangistitti immoo sagaleen Caffee fi M/M/B/B/U irra deebiin lakkaawama.
Naannoo Somaaleettis akkanuma M/M/B/B/U'f sagaleen kenname naannoo filannoo Afoo jedhamutti irra deebiin lakkaawama. Somaaleedhumatti bu'aan filannoo Mana Maree naannoo fi M/M/B/B/U kan naannoo filannoo Ashin irra deebiin lakkaawama,
Naannoo filannoo Amiibaaraa [Affaar] keessatti sagaleen Mana Maree naannoo irra deebiin ni lakkaawama jedhameera.
2. Dorgomtoonni komii itti dhiyeeffatan
Iddoon bu'aan hin ibsamin kan biraa naannoo filannoo komiin irratti dhiyaatedha. Innis naannoo filannoo Halaabaa 1 jedhamu yoo ta'u sagaleen Mana Maree naannoo irra deebiin lakkaawama.
3. Irra deebiin kan filannoon itti filatamu
Naannolee filannoo 11 ta'anirratti sarbamni ijoon seera filannoo raawwatamuu boordichi waan amaneef filannoon irra deebiin akka filatamu murteessuu ibseera.
Isaanis Naannolee filannoo:
Sooroo-1 [Giddugaleessa Itoophiyaa] - M/M/B/U
Xambaaroo - [Giddugaleessa Itoophiyaa] - M/M/B/U
Hargallee -[Somaaalee] - Mana Maree naannootiif
Daaroor - [Somaalee ]- Mana Maree naannootiif
Hadigaalaa - [Somaalee]- Mana Maree naannootiif
Awwaaree -[Somaalee] - Mana Maree naannootiif
Daaratolee -[Somaalee]- Mana Maree naannootiif
Baatuu-Zuway - [Oromiyaaa] - Caffee fi M/M/M/B/U
Beegii - [Oromiyaaa]- Caffee fi M/M/B/B/U
Arooressa -[Sidaamaa- M/M/B/B/U
Canchaa - Uummatoota Kibba - Mana Maree naannootiif
Filannoo waligalaa Itoophiyaa 7ffaa irratti paartileen walumatti 47 manneen maree naannolee fi bakka bu'oota uummtaaf hirmaatanii jiru.













