Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp adabbii kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baaloogun irratti darbe akkamiin kaasise?
Murtoon FIFA'n tibbana dabarse dorgommii kana irratti taatee hin eegamiin mudatedha.
Waancaa Addunyaa irratti taphataan tokko kaardii diimaan baanaan tapha itti aanu dhabuun isaa dirqama ture.
Iyyata homaas hin barbaachisu, waan ilaalamus hin jiraatu.
Garuu murtoo FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baloguniif kenname akka haqamu murteesse garuu namoota hedduuf gaaffii taheera.
Baaloguun tapha Ameerikaan Boosiniyaa Herzegoviniyaa waliin taasisuun 2-0 mo'atan irratti kaardii diimaan bahe.
Dorgommii kana irratti galchii sadii lakkoofsisuun Ameerikaaf taphataa galchii baay'ee lakkoofsisuun dursaa jirudha.
Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti kaardii diimaa 189 kenname keessaa taphattoota lama qofatu osoo hin adabamiin hafe.
Inni jalqabaa bara 1962 yoo tahu taphataa Biraazil Gaariinchaa jedhamu tapha Chiilii waliin taasisan irratti kaardii diimaan bahe.
Gaariinchaan tapha walakkaa xumuraa irratti kaardii diimaan bahee Biraazil waancaaf waan darbiteef osoo hin adabamiin hafee xumura waancaa Biraazil Cheekoosloovaakiyaa waliin taphatte irratti taphate.
Yeroo sana garuu seerri taphataan kaardii diimaa argate tapha itti aanu akka dhabu ajaju hin turre. Taphoota fuuldura jiran keessaa tokko irratti adabama malee.
Tahus, gidduu galtummaan siyaasaa murticha keessa jira jedhamuun komiin ka'aa ture.
Koreen FIFA yeroo sanaa ragaa dhiyeessuun akka adabbichi irraa ka'u godhan.
FIFA fi Waayit Haawus hariiroo gaarii qabu. Murtoon amma darbe ammoo biyyi qopheesitoota keessaa tokko taate Ameerikaan akkamiin murtoo kana addatti argatte kan ejdhu gaaffii kaaseera.
Kamisa Donaald Tiraamp michuu isaanii pirezidaantii FIFA kan tahan Jiyaanii Infaantinoof bilbiluun akka kaardii diimaan taphatichaa haqamu gaafatan jedhe gabaasni CBS.
Dorgommii Waancaa Addunyaa kana irratti taphattoonni 11 kaardii diimaa argatan hundi adabamanii akkamiin taphataan Ameerikaa kun garuu osoo hin adabamiin darba?
FIFA'n sababa homaa hin ibsine
Seerri naamusa FIFA akka jedhutti Baaloguun balleessaa jabaa hojjeteef ''yoo xiqqaate taphoota lama adabamuu qaba.''
Akka seera Waancaa Addunyaatti biyyoonni taphataan kaardii diimaan jalaa bahe ol iyyachuu hin danda'an.
Fifa'n ammoo adabbii Baalogun kana haquu isaaf sababa homaa hin ibsine. garuu seera FIFA keeessaa keewata 27 qofa caqase.
Keewanni 27 garuu FIFA'n ''adabbiin darbe guutummaan ykn gariin akka hojiirra hin oolle'' akka dhorkuu danda'u eeyyamaaf.
Keewanni kun FIFA'n qaama kamiyyuu osoo hin mariisisiin tarkaanfii barbaade akka fudhachuu danda'u aangoo kennaafii.
Haa tahu malee keewwanni kun kana dura dorgommii Waancaa Addunyaa irratti tarkaanfii akkasii fudhatee hin beeku.
BBC Sport maaliif murtoon akkasii fudhatame jedhee gaafatus deebii gahaa hin arganne.
Kana dura adabbiin kaardii diimaa Roonaaldoo akka ka'ee ture qofa himan. Kun ammoo dorgommiin kun jalqabuu isaan duradha.
Ji'a Sadaasaa darbe keessa tapha gulaallii waancaa Addunyaa irratti Poorchugaal yeroo 2-0 Ayerlaandiin mo'atte Roonaaldoon balleessaa Daaraa Oshoyee irratti raawwateef tapha sadii adabamee ture.
Tapha tokko kan Poorchugaal Armeeniyaa waliin taasifte adabamee kan hafan lama garuu ni haqameefi.
Sababa kan Roonaaldoo haqeef yoo ibsu FIFA'n taphoota 225 taphate keessatti kaardii dimaa argee waan hin beekneef kana yaada keessa galchuun akka haqeef hime.
Tapha gulaallii irratti taphattoonni adabbiin kaardii diimaa isaanii irraa ka'e kaanis jiru.
Waancaa Addunyaa kana irratti garuu waan akkanaa tahee hin beeku.
Murtoon kun gaaffii hedduu kaaseera. Eenyutu gidduugaluun murtoon kun akka fudhatamu godhe? Sababa ibsan maali?
Ulaagaaleen ilaalaman maal fa'i? kan jedhu qabxiilee gurguddoo deebii hin argannedha.
Murteessaanis tahe ogeessoni VAR akka haqamuuf gabaasni dhiyeessanis hin jiru.
Osoo Ingilaand keessatti tahe Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz gabaasa hundaa barreeffamaan dhiyeessa.
Baalogun kan adabamu waggaa tokko dhufan keessatti yoo balleessaa biraa kaardii diimaa isaaf kennisiisu hojjete qofaadha.
Xiinxaltoonni kubba miilaa baacoo bareedduu dorgommii kana irratti argine yoo jedhan kaan ammoo seerri akka cabetti ibsan.
Ameerikaan Beeljiyeem waliin taphatti. Leenjisaan Beeljiyeem Ruudii Gaarshiyaa 'April the Fool' tahuu hin hafu jechuun komii qabu ibsate.
Nuyi garee keenyaaf osoo hin taane haqa kubba miilaaf falmaa jirra jedhe.
Taphataan Sawud Arabiyaa Madiboo jedhamu akka tasaa taphataa Kanaadaa Ismaayel Koonee waliin walitti bu'uun kaardii diimaa argate.
Kooneen miilli isaa cabuun Madiboon taphoota shan abadame. Inumaayyuu Madiboon Koonee irratti balleessaa miila cabsu hin hojjenne.
Murtoon kun akkamiin kan Baloguun irraa adda bahee ilaalama jechuun gaaffiin ka'eera.
Tiraamp akkamiin murtoo kana gidduu gale?
Rakkoo guddaan Waancaa Addunyaa irratti jiru tokko komiikee Fifatti iyyachuun dhorkaa tahuudha.
Baaloguun tapha Boosoniyaa irraa daqiqiaa 27 dhabe. Tapha itti aanu Beeljiyeem waliin qaban dhabuun ammoo adabbii dachaadha jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabasaa turan.
Miidiyaalee fi abbootii aangoo Ameerikaa irraa dhiibbaa guddaan dhufeera.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ameerikaan kaardii diimaa kennameen waan miidhamteef adeemsi ol iyyannoo ture'' jedhe.
CBS akka jedhetti Tiraamp kallattumaan Jiyaanii Infaantinoof bilbilee dhimmicha mariisise.
Infaantinoon Koreen Naamusaa FIFA irra deebiin ni ilaala akka jedhe CBS gabaase.
Daarikterri Koree Waancaa Addunyaa Waayit haawus, Andiriiw Juuliyaanii Infaantiinoof bilbilee waliin mari'achuu himame.
Andiriiw garuu dhimma kana irratti CBS gaafatee deebii hin kennine. Dilbata galgala ammoo Tiraamp Fifa galateeffatte.
Maxxansa isaa irratti ''murtoo dabaa darbe waan haqxaniif galatoomaa'' jedhee maxxanse.
Koreen Naamusaa FIFA Infaantiinoon Badhaasa Nagaa FIFA Tiraampiif waan kenneef loogii siyaasaa irraa bilisa tahuu isaaf akka qoratamu gaafatee ture.
Infaantinoo fi Tiraampis hariiroo gaarii qabu.