Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni hedduu saalqunnamtii irratti fiixee gammachurra akka hin geenye maaltu dhorka?
- Qabiyyeen gabaasa qorannoorratti hundaa'e kanaa miira keessan jeequu mala.
Dubartoota lama keessaa tokko miira fiixee gammachuurra kan gahan yeroo jaalallee isaanii waliin saalqunnamtiirra jiran osoo hin taane qofaa isaanii yeroo jiranitti jedhe qorannoon haaraa bahe.
Qorannoon kuni miira dubartoonni yeroo saalqunnamtii argatan irratti kan taasifameefi jornaalii qorannoo 'Archives of Sexual Behavior' jedhamuurratti bahedha.
Saayintistoonni deebii dubartoota 28,000 ol kan qoratan yoo ta'u rakkoon anaatoomii namaa osoo hin taane hariiroo isaan michuu yookaan jaalallee isaanii waliin qabanidha jedhe.
Michuu malee qiliixamuu
Akka qorannoo kanaatti, dubartoonni 47% saffisaan kan miira qiliixamuurra gahan akkasumas gammachuu guddaa argatan yeroo ofumaaf of gammachiisanidha.
Waa'ee sababa kanaa qorattootaan yeroo gaafataman dubartoonni kuni deebii garagaraa kennan.
Dubartoota ofumaa qiliixamuu (fiixee gammachuurra) dubbatan keessaa walakkaa ol sababni isaa jaalalleen isaanii dursee saalqunnamtiif isaan waan hin dadammaqsineef akka ta'e eeran.
Kunis, saal qunnamtii dura hammachuu, akkasumas wal xuxxuquu dabalata.
Jaalallee isaanii waliin yeroo ta'an saffisaan akka qiliixaman kanneen dubbatan keessaa 2/3ffaan akka himanittimmoo, jaalalleen isaanii saal qunnamtii dura waan gochuu qaban akka beekan himan.
Akka Kaaren Bileeritti, dubartiin tokko miira qiliixamuurra gahuun dhimma wal xuxxuquun qofaan miti.
Haa ta'u malee, akkaataa walii dubbisuufi miira namoota lamaan gidduu jirutu murteessa.
Dhimma gaaffii kaasu
Qorattoonni qorannoo kanaa akka ibsanitti, gaheen qinxirii [clitoris] qiliixamuuf gumaachu waggoota dheeraaf falmii kaasus saalqunnamtiin ammallee kan bal'inaan hojiirra ooludha.
Qorannoowwan hedduu akka jedhanitti, yeroo saalqunnamtii caalaa dubartoonni yeroo fiixee qaama saalaa isaanii sukkuuman qiliixamu.
Kaaren Bileer dabaluun qorannoowwan kana duraas ilaalcha akkanaa qabu jedhu.
Dhiironni qaama saalaa isaanii qaama saalaa dubartootaa keessa galchuun saalqunnamtii raawwachuun miira qiliixamu kennaaf.
Haa ta'u malee, dubartoota hedduuf miirri qiliixamuu kan dhufu erga fiixee qaama saalaa isaanii jaalalleen sukkuumeefi saalqunnamtiin raawwatedha.
Sababoota lama
Sababni lammataa yeroo ofiin of gammachiisan dubartoonni qiliixaman silaa michuun isaanii jiraate gahee isaanirra eegamu gochuu dhabuu isaaniiti.
Dubartoonni yeroo qofaa ta'an dhiphuu keessa hin seenan, dhimmi qiliixamu isaan hin yaaddessu, waa'ee qaama isaaniis hin yaadda'an, yeroo dadhabanis boqotu.
Sababni biraa yeroo dubartoonni jaalallee isaanii waliin jiran hin qiliixamne saalqunnamtii akkamii akka fedhan ifatti dubbachuun waan isaan rakkisuufi.
Icciitii
Ofiin of gammachiisuun miira qiliixamuutti atattamaan geessuus, dubartoonni hedduu jaalallee isaanii waliin qiliixaman jireenya saalqunnamtii isaaniin gammachuu qabu.
Qorattoonni qorannoo kanaa akka ibsanitti, karaa garagaraa lamaan qiliixamuun qooda garagaraa qaba.
Ofiin of gammachiisuun nama gochicha raawwatuuf xiyyeeffannoo isaanii gochicharra akka taasisaniifi haalicha akka to'atan akkasumas miira namni maal naan jedhaa keessa akka hin seenne isaan gargaara.
Gama kaaniin, michuu yookiin jaalallee waliin saal qunnamtii raawwachuun wal amantaafi miiraan walitti dhihaachuu mul'isa.
Dubartiin tokko qiliixamuun jireenya saalqunnamtii amansiisaa ta'eef wabii hin ta'u.
Dubartoonni jireenya saal qunnamtii isaaniin gammachuu hin qabnellee yeroo yeroon ni qiliixamu.
Gama kaaniin, dubartoonni muraasni jireenyi saalqunnamtii isaanii gaarii ta'u himan yeroo saalqunnamtii raawwatan hin qiliixaman.
Tarii, sababni kanaa dubartiidhuma sana bira jira laata.