Iraan ammallee daandii kabajaa, guddinaa fi ulfinaa irra dhufte hordofti- Pirezidantii
Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan uummanni Iraan ''daandii ulfinaa, guddinaa fi kabajaa kaleessa irra turte har'as, fuuldurattis hordofti,'' jedhan.
Wayita sirni gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Alii Kaameenii gaggeeffamaa jirutti yaadasaanii X irratti kan barreessan pirezidatichi, ''Hoogganaa Olaanaa Ayaatollaa Alii Kaameenii qabeenyi guddaan Iraan uummataa fi tokkummaa ta'uu hunda keenya barsiisaniiru,'' jedhan.
Sirni gaggeessaa Alii Kaameenii Jimaata darbe eegale torbaniif tura.
Guyyaan awwaalchaa inni dhumaa Kamisa dhufu yoo ta'u Tehraan dabalatee magaalota biyyattii keessatti sirnoonni gaggeessaa adda addaa ni taasifamu.
Sirna gaggeessaa har'a Tehraan keessatti taasifamaa jiruun reenfi Alii Kaameenii uummata biyyattii kumaa kitilaan gaddaaf ba'etti agarsiifameera.
Sirni gaggeessaa hoogganaa duraanii Iraan Wiixata, Adoolessa 6, 2026 magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessatti erga raawwatamee booda Kibxata borii gara Qom geeffama.
Roobii ammoo gara biyya ollaa Iraan taate Iraaq geeffamuun iddoo amantii (iddoo qulqulluu fi kabaa) keessatti sirni kadhannaa raawwatama.
Isa booda Kamisa iddoo dhaloota Alii Kaameenii kan taate Mashhad keessatti awwaalchi raawwatama.
Sirna gaggeessaa kanarratti namoonni hanga miiliyoona 20 ta'an ni argamu jedhanii akka eegan aanga'oonni biyyattii himaniiru.