Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp karoora Iraan haleeluu haqe, ''hatattamaan waliigalteerra ga'uu'' akka fedhu ibse
Pirzidantiin US Doonaald Tiraamp ''hatattamaan waliigalteerra akka ga'amuuf'' jecha karoora Iraan haleeluuf qabate haquu ibse.
''Iraan hatattamaan waliiglateerra geessi abdii jedhuun karoora haleellaa haqeera,'' jedha barreeffami Tiraamp miidiyaa hawaasummaasaa Tuth Social irratti maxxanse.
Waliigalteen inni abdatu kunis ''Ulaan Hormuuz akka banamuu fi Iraan yaaddoo meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin taane,'' kan mirkaneessu ta'uu ibse.
Tiraamp tarkaanfii kana Israa'el waliin ta'uun murteessuu ibse.
Ibsi Tiraamp kun wayita Waashingitan haleellaa haaraa Iraan irratti banuuf karoorsuu miidiyaaleen US bal'inaan gabaasaa jiranitti dhagahame.
Akka gabaasa miidiyaalee UStti silaa Ameerikaan sambattan kana Iraan irratti haleellaa cimaa gaggeessuuf karoorsitee turte.
Iraan duratti Ameerikaan dubbii hammeessaa jiraachuu ibsitee turte. Baha Giddugaleessaa keessaa biyyoonni Ameerikaa waliin qindoomina uuman ''waraana hamaan liqimfamu,'' jechuunis akeekkachiistee turte.
Tiraamp maxxansa isaa keessatti Ameerikaan ''erga Waraana Addunyaa lammaffaa as tarkaanfii jabaa fi balaafamaa ta'e Iraan irratti fudhachuuf humna guutuun qophoofteetti,'' jedhee ture.
Garuu ''gaaffii Iraan fi biyyoonni Baha Giddugaleessaa kaan dhiheessanirratti hundaa'uun karoora haleellaa kana haquu'' ibse.
Tiraamp biyyoonni kunneen saffisaan waliigalteerra akka ga'amuuf ulaa banuuf jecha haleellaan US akka dhaabbatu gaafachuu barreesse.
Ammas adeemsi waliigalteerra ga'amuuf deemamaa jiru waan abdii namaaf kennu ta'uu kan ibse Tiraamp, ''haaldureewwan waliigalteef kaa'aman irratti walta'iinsi uumamuu,'' eere.
''Kunis Ulaa Hormuuz hatattamaan guutummaa guutuutti banuu fi Iraan yaaddoo meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin taane,'' ta'uu ibse.
Iraan hanga ammaa yaada Tiraamp kanarratti waan jette hin qabdu.
Ibsa Tiraamp kana dura mootummaan US lammiileen Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran of eeggannoo cimaa fi qophii olaanaan akka turan, akkasumas ''yoo waraanni hammaate'' gadhiisuuf akka qophaa'an akeekkachiisa dabarsee ture.
''Lammiileen Ameerikaa yeroo ammaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran marti qophaa'ina olaanaa qabaachuu qabu. Yoo waraanni hammaate hatattamaan keessaa bahuuf qophii qabaachuu qabu.,'' jedha ergaan akeekkachiisaa biyyattii.
Maddeen adda addaa miidiyaa US michuu BBC ta'e CBS jedhamutti akka himanitti US fi Israa'el qindoomuun misoomaawwan bu'uuraa, keessattuu wiirtuuwwan anniisaa Iraan mancaasuuf karoorfatanii turan.
Karoorri kunis wayita kaabineen Tiraamp Jimaata walgeesse ba'e jedha gabaasi CBS.
Walga'ii sanarratti Tiraamp ''Haleellaa hamaa Iraan irratti raawwanna. Hanga isaan nu ga'e jedhanitti,'' yeroo jedhu dhagahameera.
Miidiyaan US kan biraan Axios jedhamu Sambata kaleessaa Ilmi Mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan yoo US haleellaa raawwatte ''yaaddoo guddaa akka qabu,'' Tiraampitti bilbiluun himuu gabaase.
Aanga'oonni lameen bilbilaan walitti haasa'uu Rooyitarsis gabaaseera.