Dargaggoon dallaalonni Sawudii si geessina jechuun Birrii 500,000 irraa fudhatan lubbuu isaa balleesse

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dargaggoo dallaalonni Birrii 500,000 irraa fudhachuun viizaa sobaa ykn foorjidiin karaa Boolee baasuun Sawudii Arabiyaatti ergan erga achi gahee poolisiin qabamuun gara biyyatti deebifame.

Maallaqa isaas dhabee hojiis dhabee abdii kutachuun lubbuu isaatti murteesse.

Waan isa mudate iyyaafanneerra.

Sawudii Arabiyaa deemtee hojii hojjettee birrii guddaa argachuun Itoophiyaatti mana bitachuun maatiikees gargaaruu dandeessa jechuun dallaalonni irra deddeebiin isa amansiisan.

Eeyyama hojii fi viizaa isaaf xumuruuf ammoo Birrii 500,000 akka kaffalu gaafatan.

Garuu maatiin isaa maallaqa hamma kanaa waan harkaa hin qabneef horii qaban gurguranii kennanniif.

Amantaan isaanii garuu ilmi keenya Sawudii deemee kaffaltii gaarii argatee nuufis jireenya keenya fooyyessa jedhaniiti.

Maqaan isaa Margaa Rabbinaa jedhama. Bara darbe barnoota Akkaawontingiidhaan digirii isaa xumure.

Hojii barbaacha osoo oliif gadi deemuuti harka dallaalotaa kan bu'e. Dallaalonni ammoo nama hojii barbaacha deemu kanaaf abdii sobaa kennan.

Miseensa maatii isaa keessaa tokko kan tahe Beekan Baqqalaa akka inni hin shakkineef ''nuyi seera qabeessadha. Mootummaa irraa eeyyama qabna jechuun foormii deemsaa Ministeera Hojii irraa fidanii isa guuchisan,'' jedhe.

''Dhimma kana shakkinee namas gaafannee waan kun gowwoomsaadha dhiisi jennee kadhannee ture, garuu nu hin dhageenye,'' jedhe.

Margaan adeemsa kana jalqabee dallaalonni sunis waraqaan kee siif dhumeera, viizaan kees siif dhumeera ni deemta isa jedhan jedhe miseensi maatiisaa kun.

Boolee koottu waan isa jedhaniif viizaa isaa fudhatee yeroo deemu warri buufa xiyyaaraa Boolee keessa hojjetan kun viizaa sobaati. Kan dhugaa miti kechuun isa deebisan jedhe.

Yeroo kana maaliif kana na gootu? Qabeenya maatiikoo gurgursiisee xumureera. Maali jedheen jiraadha jedhee yoo isaan gaafatu ammas guyyaa biraatti beellammanii waraqaa wayii fidanii kennaniif jedhe Beekan.

Sana booda viizaa sana qabatee buufata xiyyaaraa yoo deemu isa dabarsan. Kanumaan Sawudii gale. Kun ji'a Caamsaa darbe keessadha.

Margaan achi gahees hojii eegale. Ji'a lama akkuma hojjeteen guyyaa tokko lafa hojiitii osoo gara magaalaatti deebi'anii poolisiin biyyichaa sakatta'insa gaggeesse jedhe.

Paaspoortii fi viizaa isaanii yoo ilaalan kan Margaa addatti kun viizaa 'sobaati' jechuun harka isaa fi miilla isaas hidhanii miidhaa irraan gahan jedhe.

Sana booda iyya lammiilee Itoophiyaa isa waliin turaniin mana hidhaa galchan. Uffata hojii ittiin bahe qofa uffatee ture.

Waan biraa harka isaarra hin turre. Mana hidhaa keessatti hedduu miidhamuu Beekan BBCtti hime. Guyyaatti al takkaa nyaata argataa isayyuu bakka miila isaa fi harka isaarra sibiilaan hidhame isa miidhee haga lafee isaa bira gahuu gahutti isa miidheera jedhe.

Torban lama booda buufata xiyyaaraa geessuun gara Itoophiyaatti isa ergan jedhe. Homaa harkaa hin qabu ture. Bilbila harkaallee hin qabu.

Uffata hin qabu. Homaa osoo hin qabatiin biyyaa isa baasan jedhe.

Guyyaa tokko achuma Buufata Xiyyaaraa Boolee keessa akka bule kan hime Beekan bilbila namarraa fudhatee fira isaa tokkoof ergaa gabaabaa barreesse jedhe.

Firoonni Margaa gara buufata xiyyaaraa Boolee deemuun barbaadanii isa argatan.

Bakka isaan jiraatan naannoo Kondominiyeemii Koyyee Faccee guyyaa muraasa turuun maatii dubbisa jedhee gara bakka dhaloota isaa Horroo Guduruu Wallaggaa deeme jedhe.

Bakki dhaloota isaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluq ganda Laaloo Igguu jedhamudha.

Margaanis gara mana abbaa isaatti osoo deemuu idoo Haroo Aagaa jedhamutti ''summii dhuguun lubbuu isaa balleesse. Mana abbaasaa hin geenye. Itti dhiyaate malee. Jiraattonni naannichaa waraqaa eenyummaa waan hin qabanneef eenyummaa isaa dafanii hin barre ture,'' jedhe Beekan.

Garuu lubbuun waan keessaa hin baaneef gara mana yaalaa magaala Saqalaa geessanii ture. Isaanis miidhaan isaa guddaa waan taheef hatattamaan anbulaansiin Hospitaala Shaanbuutti isa ergan.

Garuu guyyuma sana lubbuun isaa dabarte. Hojii argatee nuu dabarsa jedhanii eegaa kan turan Abbaan Margaa ilma isaaniittis qabeenya isaaniittis hin hafne, gadda hamaa keessatti kufuu Beekan BBCtti hime.

Margaan hojii barbaadee hojjechuun ofiifis maatii isaafis jireenya fooyya'aa kennuuf manaa bahe waan hunda dhabee abdii kutachuun lubbuu isaatti murteesse.

Beekan carraa hojii biyya keessaa dhiphachuu fi dhiibbaa dallaalotaan namoonni baay'een akka miidhaman kaase.

Dallaalonni kunneen Finfinnee haga godinaaleetti ijaarsa qabaachuu hime. ''Birrii Itoophiyaatti jijjiiranii namatti himu.

Hakiimniyyuu biyya kanatti haga kana hin argatu jechuun namatti himu. Haala akkasiin gowwoomsu. Birrii dallaalaaf kennaniin biyyuma keessatti waan gaarii hojjechuun akka danda'amu hime.

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan karaa seeraan alaa Jibuutii fi Yaman keessas kutuun sawudii galu. As gidduutti kan gammoojjii keessatti lubbuu isaanii dhaban jiru.

Yeroo daangaa Yaman keessa kutuun Sawudii galan lammiileen Yamanii gowwoomsuun maallaqa gaarii argattu jechuun baala sammuu hadoochu akka baataniifii deeman gochuun hedduun isaanii karaatti qabamuun mana hidhaa jiru.

Murtoon du'aa kan irratti darbe lammiilee Itoophiyaa, Sudaanii fi Paakistaanillee mana hidhaa jiru.

Baruma kana lammiilee Itoophiyaa gara 20 tahan Sawudiin murtii du'aan adabdeetti.

Mootummaan Itoophiyaa gidduugaluun akka dhiifamaan gadhiifamaniif karaa dippilomaasii hojjechaa jiraachuu himeera.

Dhaabbileen mirgota namoomaaf falman ammoo lammiileen Itoophiyaa murtuu du'aan adabaman tajaajila seeraa gahaa hin arganne, nama afaan isaaniif hiikuu fi abukaatoo isaaniif dhaabbatu hin arganne jechuun murtoo isaan irratti darbaa jiru balaaleffate.

Mootummaan Sawudii mirga lubbuun jiraachuu lammiilee kabajuu akka qabuu fi yakkoota balaa hamaa hin dhaqabsiifne akkasiif murtee du'aa dabarsuun akka sirrii hin taane ibsaniiru.