Fayyaa Lafee keenyaa eegachuuf maal soorachuu qabna?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Yabbinni lafee keenyaa hamma tilmaamtaniin olitti yeroo yeroon hir'achaa deema. Garuu nyaata lafee keenyaaf nugargaaru soorachuun waan kana dura dhaabachuuf murteessaadha.

Aannan dhuguun lafee cimaa akka qabaannuuf nugargaara. Kuni gorsa hedduun keenya dhagahaa guddanne.

Yeroo ijoollee turre aannan nuuf kenname dhugnee akka xumurru kan jajjabeeffamnuuf lafee cimaa ta'e akka qabaannuuf nigargaara jedhanii waan nutti himaniifi.

Waaa'een ijoollummaatti lafee cimaa qabaachuuf aannan dhuguu kuni yaadannoon isaa hedduu keenya bira jiraatus, erga guddannee boodahoo yoo soorata jabina lafeetiif nubarbaachisan itti fufnee hin fayyadamne cimina lafee barbaachisu dhabuu dandeenya.

Lafee fi maashaa jabaa qabaachuuf umrii kamittuu taanaan wantoota gochuu qabnutu jira. soorata qabiyyee gaarii qabu soorachuu fi sochii qaamaa gochuun lafee cimaa akka qabaannuuf murteessaadha. Dhimmi ijoon aannan dhuguu qofa miti jechuudha.

Lafee fi maashaan nuti umrii ga'eessummaa fi maanguddummaa keessatti qabaannu bu'uurrisaa maashaa fi lafee yeroo ijoollummaa fi dargaggummaa keessatti ijaarre irratti hundaa'a.

Adaduma umriin achi siqaa deemuun rukkinnii fi ciminni maashaa fi lafee keenyaa haphachaa deema.

Ragaaleen akka mul'isanitti, addunyaarraa namootni miliyoona 500 ta'an rakkoon laafina buusaa fi maashaa isaan mudata.

Wiirtuu qorannoo maashaa fi lafee Rooyaal kan UK jiru irraa Juliyaan Tomson, maashaa fi buusaan laafee haphachaa deemuun dhibee callisaan nama ajjeesu akka ta'e himu.

Rakkoolee Kanaan dhufan keessaa lafeen naannoo gudeedaa bakka gadhiisuu addunyaarraa waggaatti namoota umriin isaanii waggaa 55 ol ta'an miliyoona 10 irratti mul'ata.

Haalli kuni ammoo rakkoolee fayyaa akka dhibee onneef karaa bana. Namoota umriin isaanii 60 ol ta'ee fi rakkoo akkanaatiif saaxilaman keessaa harka 30 kan ta'an waggaa keessatti ni du'u.

Amma gaaffii murteessaan rakkoo haphina maashaa fi buusaatiin dhufu kanarraa ofbaraaruuf maal soorachuu qabna? Kan jedhudha.

Aannan, Ayibii fi Itittuu

Kaalshiyeemii, Vitaamin D fi Pirootiiniin warra fayyaa buusaa fi lafeetiif murteessoo ta'ani. Soratoonni akka Vitaamin K, Maagniziyeemii, Ziinkii, fi Foosfarasii ammoo warra laafee buusaa fayyaa ta'e qabaannee akka itti fufnuuf tumsani.

Sooratni aannanii fi bu'aa aannanii qaban warra qabiyyee Kaalsiyeemiin badhaadhani. Aannan burcuqoo tokkorraa Kaalsiyeemii miiliigiraama 260 arganna.

Qorannoon dhiheenya namoota 7,195 hirmaachisuun waggoota lamaaf hojjetame akka mul'isetti, warren aannan fi Pirootiinii baayinaan sooratan keessaa harka 11 carraa lafee fi buusaan miidhamuu fi harka 46 lafeen luqqeetuu miidhamuu gadi 'aanaa ta'e qabu.

Qorannoo kanarraa wanti hubatame biraan kaalsiyeemii qofa osoo hin taane Pirootiinii waliin walfaana fayyadamuun bu'a qabeessa taasisa.

Erga qabiyyeen aannanii fi bu'aa aannanii hangana murteessaa ta'uun baramee ammoo hangam fayyadamuu qabna kan jedhu biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba.

UK kessatti ga'eessonni guyyaatti kaalsiyeemii 700mg akka fayyadaman gorfama. Yoo carraa bu'uu maashaa fi lafee isin mudachaa jiraate ammoo guyyaatti hanga 1000mg gorfama. Dubartoota rakkoo walfakkaataa qaban yoo ta'e ammoo hanga 1200mg fayyadamuu danda'u.

US keessatti ammoo akkaataa umrii fi saala giddugaleessa godhateen ga'eessotaaf guyyaatti Kaalsiyeemii 1,200mg soorachuutu gorfama.

Shumburaa Adii

Soorata qabiyyee Kaalsiyeemii irraa argachuu dandeenyu hedduutu jira. ragaaleen dhiheenya bahaa jiran shumbura adiin carraa miidhamuu lafee hir'isuu qaba.

Dubartoonni soorata isaanii keessatti hammeentaa shumburaa adii baayi'naan fayyadaman yeroo umrii da'umsa dhaabaniin boodaatti buusaa fi lafee rukkina qabu akka qabaataniif gargaara.

Firii Chiyaa

Firiin Chiyaa madda albuudota akka Kalsiyeemii, Maagniziyeemii fi Foofarasiiti. Hamma xiqqoo soorachuun qabiyyee albuudota kunneenii guddaa ta'e irraa arganna. Firiin chiyaa Fal'aanni tokko Kaalsiyeemii 95mg qaba.

Kana malees faatii Omeegaa 3 dhaan kan badhaadhe. Kuni ammoo dallansuu qaamaa hir'isuuf gargaara. Qaamni yeroo dallanutti saffisa buusaa ittiin ijaaru caalaatti buusaa caccabsuu danda'a.

Qorannoon hantuuta irratti taasifames kanuma mirkaneesse. Hantuutonni soorata Firii Shiyaa qaban sooratan buusaa lafee fooyya'aa qabaatan. Haalli kuni dhala namaa irrattis bu'aa walfakkaatu fidaa kan jedhu garuu ammalleen qorannoo dabataa barbaada.

Firiiwwan goggogaa akka Adaammii fi Piriim

Yeroo waa'ee cimina lafee fi buusaawwanii yaaddan sooratoonni firii goggogaan nyaatamu sammuutti isin dhufuu dhiisuu mala.

Sooratoonni akka adaammii fi Piriim garuu kaalsiyeemiin kan badhaadhani. Iji Adaammii gogaan lama kaalsiyeemii 100mg qaba.

Qurxummii

Hammi sardiinii xiqqoon tokko kaalsiyeemii guyyaatti isin barbaachisu keessaa harka 30 qaba. Kana qofas miti, pirootiiniidhaanis kan badhaadhe.kuni ammoo fayyaa lafee eeguuf mirteessaa isa godha.

Ciminni buusaa fi maashaalee walitti kan hidhameedha. Yoo cimina maashaa keenyaa eegganne balaa fuuladuratti lafee keenyarratti dhufu hir'isuu dandeenya.

Hanqinni sooratawwan kunneenii ammoo laafina maashaa fiduun lafeen haphatee dafnee akka kufnu godha.

Qorichoota dabalataa fudhataman

Qorichoota dabalataa cimina lafeetiif gargaaru fudhachuu irratti ammallee qorattoota gidduu falmiin jira.

Qorannoon akka akeekutti, qoricha vitamin D fudhachuun erga guddatanin booda caccabuu lafee hin hambisu. Qorannooleen ammaan duraa garuu carraa akkasii akka hir'isuu danda'u akeeka.

Inumaa qorichoota jabina lafee fi maashaatiif gargaaru jedhaman kana hamma barbaachisuun olitti fudhachuun carraa caccabuu lafee dabalu mala. Kana jechuun 'baay'isuun gaarii miti' jechuudha jedhu Hospitaala Gaayis London irraa Daawson.

UK fi US ga'eessonni qoricha dabalataa Vitaamin D akka fudhatan gorsu. Ogeessonni garuu ga'eessota haala rakkisaa keeessa jiranii fi kanneen ifa aduu gahaa hin arganne qofti akka fayyadaman gorsu.

Akka addunyaatti uummannii harka 15 ta'u hanqina Vitaamin D qaba. Gama kaaniin qorichi dabalataa Kaalsiyeemii ammoo kanneen soorata isaanii keessaa argachuu hin dandeenye qofti akka fayyadamantu gorfama.

"soorata aannanii fu bu'aawwan aannanii, pirootiinii, kuduraa fi muduraa, qurxummii fi foon qaban yoo sooratne vitaaminootaa fi albuudota qaama keenyaaf barbaachisan hunda arganna. Warra kana argachuu kan hin dandeenyetu qorichoota dabalataa fudhachuu qaba" jedhu Sagen Zak Verges.

Ogeessonni akka jedhanitti, fayyaa buusaa, maashaa fi lafee keenyaa eeggachuuf nyaata fayya qabeessaa fi madaalawaa ta'e soorachuun haalan murteessaadha.