Hamaas akkuma jedhe hidhannoo hiikkata taanan waraana Gaazaa guutummaan dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa ta'uu danda'a
Marii yeroo dheeraa booda, Hamaas yeroo jalqabaaf gutummaan hidhannoo hiikkachuuf waliigale.
Karooricha kan dhiyeesse, Boodii Nagaa kan Tiraamp hundeesse yoo ta'u Hamaas Gaazaa keessatti guutummaan hidhannoo akka hiikkatu kan jedhuudha.
Marii nagaa giddu seentummaa UStiin taasifamaa ture kanaan Hamaas hidhannoo hiikkachuun wal-qabatee rincicuusaan lafarra harkifataa turuun kan ibsame yoo ta'u, meeshaalee waraanaa hidhate hikkachuuf tole jedheera.
Kuni ammoo marii gulantaa 2ffaatti cehuuf haala mijataa kan uumudha jedhameera.
Akkaataa karoora waraana Gaazaa guutummaan dhaabuu bulchiinsi Tiraamp dhiyeessetiin, mariin kan taasifamu gulantaa sadiin yoo ta'u, hanga ammaa gulantaa jalqabaa qofaatu taasifame.
Hamaas hidhannoo akka hiikkatu kan beeksise gaggeessaa haaraa Kaliin al-Hayyaa erga filatee boodadha.
Qondaalonni Filisxeem mariiwwan taasifaman keessatti hirmaatan akka jedhanitti, gaggeessaan Hamaas haaraa filame seenaa Hamaas keessatti murtee baay'ee murteessaa fudhachuuf kan qophaa'e ta'uu kan akeekudha.