Yugaandaan obboleessa MM Israa'el magaalaa Entebeetti ajjeefameef siidaa dhaabde

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Yugaandaan siidaa obboleessa ministeera muummee Israa'el osoo lubbuu namootaa baraaruu ofiin lubbuun darbee ifa goote.

Yonaataan Neetaaniyaahuu obboleessa hangafaa Beenjaamiin Neetaaniyaahuu yoo ta'u balaa buufata xiyyaaraa Entebeetti mudate jalaa namoota baraaruu keessatti lubbuunsaa darbe.

Namni kun hojii lubbuu baraaruu imaltoota xiyyaara waliin ugguramanii keessatti kan hirmaate waggaa 50 dura.

Hoogganaan humna waraanaa Yugaandaa Jeneraal Muhoozii Keyinerugaabaa siidaan kun cichoominaa fi namaaf yaaduu irratti kutannoo namni kun agarsiiseef kabaja mul'isuuf kan ijaaramedha jedhe.

Duulli lubbuu baraaruuf gaggeeffame sanaan namoonni ugguraman 100 caalan yoo baraaraman, lubbuu baraartota keessaa Neetaaniyaahuu qofatu du'e.

Balaan sun xiyyaara magaalaa Israa'el- Tel Aviiv irraa ka'e mudate.

Filisxeemonni lamaa fi lammiileen Jarmanii lama xiyyaara kana butuun buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Yugaandaa magaalaa Entebeetti argamu akka qubatu dirqamsiisan.

Jeneraalli humna waraanaa Yugaandaa Muhoozii Keyinerugaabaa duulli sun ''seenaa ammayyaa biyyattii keessatti boqonnaa akkaan murteessaadha,'' jechuun ibse.

Hariiroo yeroo ammaa biyyoota lameen gidduu jiru irrattis dubbate. ''Imala akkaan murteessaa keessa kan darbedha,'' jedhe.

Siidaan kun kan dhaabbate buufata xiyyaaraa durii Entebeetti argamu keessatti bakka imaltoonni itti keessummeeffaman fuulduratti yoo ta'u, Yoonaataan Neetaaniyaahuu meeshaa waraanaa qabatee fuulduratti wayita deemu agarsiisa.

Yeroo imaltoota ugguraman baraaruuf duulli taasifame sana imaltoota turan keessaa Zhaan Zhaak Mimooni, Paaskoo Kooheen fi Ayida Borochovich kan du'an yoo ta'u, Dooraa Bilook ammoo boodarra osoo hospitaalatti yaalarra jirtuu ajjeefamte.

''Yaadannoon isaanii dhaloota egeree nagaaf, haqaaf akkasumas birmadummaa dhala namaa kabachiisuuf akka kakaasu barbaanna,'' jedhe qondaalli waraanaa Yugaandaa.

Namoonni xiyyaara kana ugguruun daandii jijjiirsisanii fi kanneen karoorasaanii kana tumsuun Yugaandaatti itti dabalamanis ajjeefamaniiru.

Akkasumas loltoonni Yugaandaa 45 duula namoota ugguraman baraaruu kana keessatti ajjeefamaniiru.

Keyinerugaabaan loltoonni ajjeefamuu mirkaneesseera.

''Waan sirriidha jedhanii itti amanan milkeessuuf gootummaan lolaniiru. Dhugaadha, har'a mootummaan abbaa irree Iid Amiin uummata Yugaandaa kan bakka hin buune, mootummaa hamaa ta'uu beekneerra,'' jedhe.

Waxabajjii 27, 1976 xiyyaarri Teel Aviiv irraa gara Paaris imalaa ture Ateens dhabbate. Bakka kanarraa uggurtoonni miseensa Adda Bilisummaa Uummata Filisxeem ta'an xiyyaara kana seenan.

Uggurtoonni akka imaltootaatti xiyyaara kana seenan olaantummaa fudhachuun xiyyaaricha humnaan gara Liibiyaatti dabarsan, achirraa xiyyaarri boba'aa guuttate.

Xiyyaarri Airbus A300 jedhamu kun duuba gara Yugaandaa akka balali'u dirqamsiifame.

Wayita xiyyaarri kun qubatu Iid Amiin ni simate.

Uggurtoonni doolaara miiliyoona shanii fi hidhattoonni Israa'el, Faransaay , Jarmanii, Siwiizerlaand fi Keeniyaa keessatti ugguramanii turan akka gadhiifaman gaafatan.

Yoo akkas ta'e malee imaltoota xiyyaara waliin ugguran kunneen akka hin gadhiisne dhaadatan.

Namoonni ugguraman keessaa gariin Waxabajjii 30 fi Adoolessa 1 gadhiifaman.

Garuu warri Israa'elii fi Yihuudonni hin gadhiifaman turan.

Adoolessa 3 humni komaandoo addaa Israa'el irraa ka'uun karaa Keeniyaa goree Entebee gale.

Oppireeshinii daqiiqaa 90 hin caalle gaggeesse.

Oppireeshiniin lubbuu baraaruu yeroo sanaa warri Israa'el biratti gammachuu guddaa yoo uumu Iid Amiin biratti garuu qaanii guddaa ta'ee darbe.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu waggaa 10 dura Entebe, bakka seenaa kanaa, daawwatee ture.

''Shororkeessitoota injifachuuf waa lama obboleessa koorraa baradheera: qulqullummaa fi kutannoo,'' jedhe.