Gorsaan siyaasaa hogganaa olaanaa Iraan akka jedhanitti, Tehran hanga pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp aangoo irraa bu'anitti ulaa Hormuz cuftee akka turtu himan.
Mohammad Baqer Zolghadr, gorsaan hoogganaa haaraa Iraan, Mojtaba Kamenii, ibsa Kamisa darbe kennaniin “Ummanni diina isa haleele cabsuu fi warra of tuulan dugda kutuuf murteesseera,” jechuun dubbatan.
Akka inni jedhutti, ulaan Hormuz kan banamu erga Doonaald Tiraamp fi MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu aangoo irraa kaafamanii booda qofa.
Tarkaanfiin kunis tarkaanfii “marsaa jalqabaa haaloo ba’uu Iraanii” jechuun ibsan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tirump yeroo ammaa waa’ee waraana Iraan ilaalchisee ibsa gara garaa kennaa jiru. Amma waraanni kun gara xumuratti gahe jechuun tibbana ibsan.
Gama Iraanitiin immoo, waraanni itti fufuu qaba moo Ameerikaa waliin mariin gaggeeffamuu jira isa jedhu irratti garaagarummaa yaadaatu jira.
Qondaaltonni siyaasaa Iraan keessaa muraasni, Massud Pezeshkian fi Mohammad Bagher Galibaf dabalatee, Ameerikaan gara qabxiilee waliigaltee Islamabaditti akka deebitu gaafachaa jiru. Akka isaan jedhanitti, kun waraana dhaabuuf haalduree ta’uu qaba.
Gama biraatiin, qondaaltonni ejjennoo cimaa qaban, keessumaa hooggantoonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan, waraana itti fufuu fi ulaan Hormuz cufamee turuu deeggaraa jiru. Tarkaanfiin kun Ameerikaa fi Israa’el irratti dhiibbaa uumuuf ta'uu ibsu.
Haa ta’u malee, qaala’iinsi jireenyaa, kufaatiin dinagdee fi cufamuun ulaa galaanaa buufatawwan doonii Iraan irratti dhiibbaa geessisaa jiru. Gatiin maallaqa biyyatti Riyaalli Iraan, maallaqota addunyaa isa baay'ee rakasa ta'uun, jireenya uummataa irratti dhiibbaa dabalataa uumaa jira.