Huutiin gamoo bulchiinsa boba'aa haleeluu hordofee abiddi qabachuun ibsame

Ministeerri Inarjii Sa'ud Arabiyaa gamoon bulchiinsa 'Aramco' Kibxata haleellaan irratti raawwatamuu hordofee abiddi hanga tokko itti qabatee akka ture beeksiseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraampii fi Nataanyaahuun haleellaa haaraa guddaa Iraan irratti raawwachuuf mari’atan

    -

    Prezdaant Tiraamp fi Ministirri Muummee Netaaniyaahuun Haleellaa Guddaa Iraan Irratti Raawwachuu Irratti Mari'atan.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraampiifi MM Israa’el Beeniyaamin Nataanyaahuu, filannoo biyyoota isaanii keessatti gaggeeffamu dura Iraan irratti duula waraanaa haaraa guddaa jalqabuuf bilbilaan mari’achuu isaanii miidiyaan Ameerika 'Axios' gabaase.

    Dhabbatichi maddoota Ameerikaa lamaa, madda Israa’el tokkoo fi namoota marii sana beekan biroo wabeeffachuun akka gabaasetti, mariin kun torban darbe gaggeeffame.

    Nataanyaahuun odeeffannoo tajaajila nageenyaa Israa’el irraa argame kaasuun, Iraan sagantaa niwukilaraa ishee deebistee ijaaruu irratti hojjechaa jirti jechuun yaaddoo isaanii Tiraampitti himaniiru.

    Maddi Ameerikaa tokko akka Axios’tti himetti, Nataanyaahuun haleellaa haaraa jalqabuuf karoorfataa jiru.

    Tiraampis Nataanyaahuun qophii akka taasisan itti himuu isaanii gabaasichi ibseera.

    Haa ta’u malee, Tiraamp haleellaan yoom akka raawwatamu yookaan raawwatamuu fi dhiisuu isaa irratti murtii dhumaa hin kennine.

    Waajjirri Mana Maree Pirezidaantii Ameerikaa garuu, mariin lola Iraan irratti deebisanii jalqabuuf taasifame jedhame soba jechuun himannaa kana haalera.

    Waajjirichi Tiraamp filannoo giddu-galeessaa Ameerikaa Sadaasa 3, 2026 gaggeeffamu dura Iraan irratti haleellaa haaraa akka hin raawwanne dubbachuu isaanii yaadachiise.

    Gabaasichi akka jedhutti, Tiraamp jalqaba haleellaa haaraa irratti fedhii agarsiisanii turan; boodarra garuu murtoo isaanii irratti shakkii qabaachuu jalqaban.

    Gorsitoota Tiraamp keessaa hedduun dhiibbaa dinagdee fi qoqqobbii Iraan irratti jiru itti fufsiisuu akka barbaadan gabaasichi ibsera. Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Heegsethii fi hooggantoonni Ajaja Giddugaleessaa Ameerikaa garuu haleellaa haaraa jalqabuuf deeggarsa cimaa agarsiisuu isaaniitu ibsame.

    Haa ta’u malee, mariin haleellaa haaraa irratti taasifame jedhame yeroo Ameerikaa fi Iraan gidduutti carraan marii nagaa itti fufsiisuu jirutti dhufe.

    Jaarsummaan yaalaa kan jirtu Qaataar deebii Iraan yaada haaraa Ameerikaan dhiheessite irratti kennitu eeggachaa jirti.

  2. Kaaba Itoophiyaatti gargarsa dhiyeessuun fooyyaa'aa jira - OCHA

    Konkolaataa meeshaa gargaarsaa fe'ate

    Waajirri Qindeessaa Dhimmoota Gargaarsaa (OCHA) Kaaba Itoophiyaa tibba kana lolli itti gaggeeffamaa jiru keessatti bakkeewwan walitti bu’iinsa kanaan miidhametti gargaarsi namoomaa adadumaan fooyya’aa deemuu ibse.

    Oppereeshiniin gargaarsa dhiyeessuu naannoo Amaaraatti godina Kaaba Walloo fi Waag Himiraa, akkasumas naannolee Affaar bakka tokko tokko qaqqabaa jira.

    Kun osoo kanana jiruu, naannoo Tigraay keessatti saamichi itti fufeera. Michoonni gargaarsa namoomaa Wixata hospitaala Adwaa keessatti argamu tokko saamamuun gabaafameera. Bu’uuraaleen misoomaa fi dhaabbileen biroorrattis saamichi raawwatamuun gabaafameera.

  3. Huutiin gamoo bulchiinsa boba'aa haleeluu hordofee abiddi qabachuun ibsame

    Loltoota Huutii

    Huutiin gamoo kampanii boba'aa Sa'ud Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuu hordofee abiddi itti qabachuun ibsameera.

    Ministeerri Inarjii Sa'ud Arabiyaa gamoon bulchiinsa 'Aramco' Kibxata haleellaan irratti raawwatamuu hordofee abiddi hanga tokko itti qabatee akka ture beeksiseera.

    Kampaniin 'Aramco' jedhamu kun dhaabbileen boba'aa gurguddoo addunyaarra jiran keessaa tokko yoo ta'u kutaa biyyatti bahaati argama.

    Ministeerichi namarra miidhaan kamiyyu akka hin geenye ibseera.

    Haleellaan kun kan raawwatame hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaraman fi humni waloo Sa'udii Kibxata halkan wayita walitti dhukaasaa jiranittidha.

    Walitti bu'iinsi kun gaaga'ama Baha Giddu-galeessaa babal'ataa dhufe gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jira.

    Haleellaan kun raawwatamuu dura waraanni Sa'udii gara baha biyyattii irra guddaa boba'aa omishuu fi magaalaa guddoo Riyaaditti misaa'eloonni dhukaaamuu kan ibsan akeekkachiisawwan jiraattotaaf ergamaniiru.

    Ittisni Sivilii Sa'udii akka beeksisetti, caccabaan misaa'eloota Huutii lama qilleensarra osoo jiranii qolataman naannoo manneen jiraanyaa Riyaad keessa jiraniirratti kufuun namoonni afur yoo madaa'an, manneen 15 irra ammoo miidhaan gaheera.

    Humni waloo Sa'ud Arabiyaan durfamuu fi Yaman keessa socho'u, magaalaa guddoo Yaman to'annoo finciltoota Huutii jalatti argamutti Kibxata haleellaa qilleensaa haaraa raawwachuu, miidyaan Huuiin to'atu 'AL-Masiraah' akkasumas jiraattonni naannichaa ibsaniiru.

    Haleellaan kun kan raawwatame dubbi-himaan waraana waloo jiraattonni nageenya isaaniif jecha naannicha gadhiisanii akka bahaniif waamicha erga dhiyeesseen boodadha.

    Humni waloo kun kuusaa boba'aa Subaah jedhamu kutaa magaalatti gama lixaan jiru haleelee sa'aatiiwwan muraasa booda Sanaa keessatti dhohinsawwan akka dhaga'an namoonni ijaan argan ibsaniiru.

  4. Pirezidaantiin duraanii DR Koongoo Jooseef Kaabiilaa gaggeessaa hidhattoota mootummaa kuffisuuf lolanii ta'e

    Jooseef Kaabiilaa

    Gaggeessaa duraanii Dimokiraatik Rippaabilika Koongoo Jooseef Kaabiilaa dursaa tumsa hidhattoota mootummaa biyyattii kuffisuuf lolaa jiranii ta'uun muudame.

    Hidhattoonni maqaa The Fronts for the Formation of the Nation jedhuun gurmaa'an mootummaa Dimokiraatika Rippaabilika Koongoo humnaan aangorraa buusuf akka socho'an ibsanii ture.

    Hidhattoonni kun mootummaa biyyattii "mootummaa abbaa irree" jechuun ibsu.

    Pirezidaantiin duraanii DR Koongoo Jooseef Kaabiilaa aangorraa bu'uun erga biyyaa bahanii booda bakka isaan hin jirretti himanni irratti banamee murteen du'aa itti muramee ture.

    Jooseef Kaabiilaa amma gaggeessaa hidhattootaa ta'uun filamee jira.

    Gaggeessaan duraanii DR Koongoo kun hidhattoota M23 jedhamaniifi Baha Koongoo keessatti humna jabaa ijaarratan waliin hidhata qabaachaa turuun ni yaadatama. Haa ta'u garuu, Jooseef Kaabiilaa haalaa ture.

    Hidhattoota M23 dabalatee hidhattoonni mootummaa biyyattii humnaan kuffisuuf socho'an tokkummaa tolfachuu kan beeksisan, mana jireenyaa Jooseef Kaabiilaa Baha DR Koongoo, magaalaa Goomaa keessatti argamutti wal-gahuuni.

  5. Huutiin yoo Ameerikaan waraana Yaman keessa seente "deebii dhukkubsu" akka kennu dhaadate

    Loltoota Huutii

    Ameerikaan waraana Yaman keessa harka kan galfatu yoo ta'e "deebii dhukkubsu" akka kennu Huutiin dhaadate.

    Akka AFPn gabaasetti taanaan, Sa'ud Arabiyaan finciltoota Huutii loluudhaaf Ameerikaa irraa deeggarsa gaafatteetti.

    Miseensi Siyaasa Huutii Mahaammed Al-Baakihatii "haleellaa Yaman irratti raawwatamu keessa Ameerikaan kan gidduu seentu taanaan deebii kennuudhaaf duubatti hin deebinu. Ameerikaa fi buufatawwan ishee naannicha keessa jiran irratti xiyyeeffachuun deebii saffisaa fi dhukkubsu kennina," jedhe.

    Ministirri Inarjii Sa'ud Arabiyaa Ilma Mootii Abdul Aaziiz Biin Salmaan Huutii irratti tarkaanfii "cimaa" akka fudhatan dubbateera.

    Buufatawwan xiyyaaraa, akkasumas warshaaleen boba'aa fi gaazii Sa'udiirratti haleellaa raawwataniif Huutii deebii "cimaan" akka kennamuuf ibseera.

    Miseensi Biiroo Siyaasaa Huutii gama isaatiin, " hojjetoonni buufataaleen xiyyaaraa fi warshaalee boba'aa Sa'ud Arabiyaa walumaa galatti naannicharraa fagaachuu qabu, nuti dhaabbileen kanneen irratti xiyyeefanneerra," jedhe.

    Misaa'elii Huutiin Sambata Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid Riyaad jirurratti dhukaasaniin namoonni 13 waan ajjeefamaniif buufanni xiyyaarichaa cufameera.

    Dilbata ammoo buufata xiyyaaraa irratti haleellaa raawwateen namni lammii Paakistaan ta'e tokko du'uun ibsameera.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haleellaa Sa'ud Arabiyaan hidhattoota Huutii irratti raawwattu gargaaruudhaaf yaadaa akka jiru beeksiseera.

    Kanaan dura garuu Ilmi Mootii Sa'ud Arbiyaa Mahaammed Bin Salmaan deeggarsi akka taasifamuuf yeroo gaafatutti Tiraamp hayyamamaa hin taane ture.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  6. Haleellaan Huutii hammaannaan aanga'oonni Sa'uudii buufati xiyyaaraa Riyaad akka cufamee turu murteessan

    Tarminaala buufata xiyyaaraa Riyaaditti argamuu

    Aanga'oonni Sa'uudii Arabiyaa haleellaan Huutii hammaannaan buufati xiyyaaraa idiladdunyaa magaalaa Riyaad keessatti argamu torban kana guutuu cufamee akka turu murteessan.

    Buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Jiddaa jirutti aanee akkaan imaltoonni kan itti heddummaatan buufati xiyyaaraa Riyaaditti argamu-King Khalid jedhamu hanga nageenyi mirkanaa'utti tajaajila dhaabee ture.

    Ibsi abbaan taayitaa aviyeeshinii Sa'uudii baase ''hanga nageenyi fi qophaa'ummaan tajaajilaa buufata xiyyaarichaa mirkanaa'utti,'' tajaajila dhaabeera jedha.

    Guyyaa Wiixataa hidhattoonni Huutii buufata xiyyaaraa kana misaayelaan haleeluu yoo ibsu Sa'uudiin misaayeloota kunneen qolachuu ibsite.

    Huutiin ibsa baaseen buufata humna qilleensaa Sa'uudii Arabiyaa kan kibba lixa biyyattii Khamis Mushait keessatti argamu irratti xiyyeeffachuu eere.

    Kana booda buufati xiyyaaraa idiladdunyaa King Khalid hanga Onkoloolessaa 17 cufamee akka turu murtaa'uu aanga'oonni Sa'uudii ibsan.

    Buufati xiyyaaraa kun erga yeroo darbe haleellaa Huutiin namoonni 13 du'anii, 300 kan caalan madaa'anii as cufamee jira.

    Dilbata darbes haleellaa Huutiin deebi'ee buufata kanarratti raawwateen lubbuun nama tokkoo yoo darbu, hedduun miidhamaniiru.

  7. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Waraanni Huutii fi Sa'uudii gidduutti hammaannaan aanga'oonni Sa'uudii akka buufati xiyyaaraa cufamee turu murteessaniiru.

    Dhimma kanaa fi odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee tamsaasa kallattiin tamsaasaa turre asii argachuu dandeessu.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.