Turkii, Paakistaan, Masirii fi Sa'udiin haleellaa Huutii balaaleffatan

Madda suuraa, Reuters
Turkii, Paakistaan, Masirii fi Sa'ud Arabiyaan haleellaan Huutiin buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Riyaad irratti raawwate ''madaala kamiinuu fudhatama hin qabu'' jechuun balaaleffatan.
Hidhattoonni Huutii haleellaa buufata xiyyaarichaa irratti raawwataniin namoota 13 ajjeesuu fi 300 kan caalan madeessuu erga ibsanii guyyaa tokko booda aangawoonni Sa'uudii haleellaa gara biraan namni tokko du'uu fi hedduun madaa'uu ibsan.
Gareen Galoo Galaanaa keessatti qindoomina qaban fi R4 jechuun waamaman tarkaanfii barbaachisuun Sa'uudii bira akka dhaabbatan waadaa seenaniiru.
Biyyattiin tarkaanfii haleellaa ofirraa qolachuu taasistu hunda keessatti akka bira dhaabbatan ibsan.
Akkasumas yaaddoon nageenyaa fi haleellaan naannawasaanii keessatti akka hin mudanne ittisuurratti akka wal bira dhaabbatan ibsaniiru.
Gareen kun ibsa waloo baasaniin ''garechi haleellaawwan raawwataa jiraniin rakkoo uumamu akkasumas haleellaa haaloo ba'uu sababa kanaan mudachuun nageenyaa fi tasgabbii naannawa kanaa fi idiladdunyaa miidhuu danda'uuf garee Huutii itti gaafatamaa godheera,'' jedhe.
Kanaafuu Huutiin haleellaa raawwataa jiru irraa hatattamaa of qusachuu qaba jedhe.
Biyyi miseensa NATO Turkii fi biyyi meeshaa waraanaa nukilaraa hidhatte Paakistaan Hagayya darbe Sa'uudii Arabiyaa waliin tumsa waraanaa uummataniiru.
Akkaataa tumsa kanaan haleellaan miseensa tokkorratti raawwatame akka haleellaa miseensa hundarratti raawwatameetti ilaalama.
Kanarratti hundaa'uun tarkaanfiinis fudhatama.
Biyyoonni kunneen torban darbe keessa wayita haleellaan Huutii hammaate humna waloo Sa'uudii keessaa qaban bobbaasuun tarkaanfii akka fudhatan ibsanii turan.




