Hirmaattonni marii biyyaalessaa kumni afur akkamiin ajandaawwan irratti marii'atu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaan Marii Biyyoolessaa marsaa xumuraa jalqabde

Komishiniin Marii Biyyaalessaa waggoota afur oliif bakka bu'oota filachuu, ajandaa walitti qabuuf qindeessuu fi hojiiwwan biroo hojjataa ture har'a Roobii,15, 2026 marii isa xumuraa eegala.

Yaa'ii, giddugala konfiraansii Magaalaa Finfinnee keessatti gaggeeffamu kana bakka bu'ootni naannolee, aanaalee, federaalaa, fi lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan kuma afur ol ta'an ni hirmaatu.

Komishiniin hawaasa Itoophiyaa biyya keessaa fi alaa irraa bakka bu'oota kuma afur ol walitti fiduun marii biyyoolessaa marsaa xumuraa jalqabe.

Marii guyyoota 30 hanga 35 turu jedhamee eegamu kana keessatti hirmaattonni ajandaawwan ijoo saddeet irratti mari'achuun yaada waliigalaa mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf akka dhiyeessan dura taa'aan Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Mesfin Araayyaa BBCtti himan.

Hirmaattonni kun ji'a tokkoof bakka tokko kan turan yoo ta'u, ajandaawwan gurguddoo saddeet komishinichi walakkeessa baatii Waxabajjii keessa adda baase irratti ni mari'atu.

Ajandaawwan komishinichi adda baases heera mootummaa fooyyessuu, caasaa mootummaa, akkasumas haala seeraa Magaalaa Finfinnee dabalatee dhimmoota siyaasaa Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf falmisiisaa turan ni argamu.

Jala bultii konfiraansichaa irratti BBC waliin kan dubbatan Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Mesfin, hirmaattota biyya keessaatiin alatti, "ambaasaaddaroonni Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Abbaa Taayitaa Misooma biyyoota baha Afrikaa (IGAD) fi bakka bu'oonni ergamoota biyyoota alaa" sirna kana irratti ni argamu jedhan.

Akka Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfin Araayaan ibsanitti, hirmaattonni marichaa kuma afur ta'an galma tokko keessatti walitti qabamuun ji'a tokkoof mari'achuu irra, gareewwan saddeetitti qoodamu. Tokkoon tokkon garee kanaas namoota 500 qabaata, ajandaan tokko garee tokkoof carraadhaan ramadama.

Gareewwan kunneen keessaa hirmaattonni gareewwan xixiqqootti qoodamuun ajandaa isaanii irratti marii'atu.

Piroofeesar Mesfin gareewwan xixiqqaan ajandaa irratti mari'atan irratti yaada "waliigaltee ykn walii galuu dhabuu" qabatanii gara garee guddaa miseensota 500 qabutti akka deebi'an ibsaniiru.

Akka Komishinara Olaanaan kun jedhanitti gareewwan saddeet ajandaa irratti ejjennoo dhuunfaa isaanii ilaalchisee gareewwan biroo waliin mari'achuuf mala diriiree jira. Kunis gareewwan saddeet keessaa tokkoon tokkoon isaanii bakka bu'uun namoota 25'n raawwatama.

Bu'aan marii isaanii gara garee guddaatti deebi'ee dhiyaata; achiis bakka bu'oonni garee hunda irraa filataman yaadawwan walitti fiduun yaada waliigalaa qopheessu.

Akka Komishinarri Olaanaa kun jedhanitti, sana booda hirmaattonni hundi walitti qabamuun yaada dhihaate "waliin fudhachuun raggaasisuuf ykn diduudhaaf" ta'a.

Adeemsa kana hunda keessatti hirmaattoota gargaaruuf "gorsitoonni", "ogeeyyiin", fi galmeessitoonni ni jiraatu.

Adeemsa gosa kana keessatti "dhimmoota guutummaatti waliigaltee irra ga'an" ykn "dhimmoonni bakka waliigaltee dhabuu irra ga'an" gara mootummaatti ykn qaamolee "hojii" dhimmi ilaallatu birootti ergamuun akka ilaalamu ni taasifama.

Komishinichi hojii isaa yaada qofa dhiyeessuun akka hin xumurre ibseera. Yaadawwan dhiyaatan qaamoleen mootummaa sirnaan fudhatanii hojii irra oolchuu isaanii hordofuun itti gaafatamummaa isaa keessaa tokko ta'uu Pirofeesar Masfin dubbataniiru.

"Qaamoleen dhimmi ilaallatu yaadawwan fudhatan maal hojjetan akka ifatti uummataaf ibsan ni hordofna. Yoo hojii irra oolchuu baatanis sababaa isaanii uummataaf ibsuu qabu," jechuun ibsaniiru.

Komishinichi gabaasa hojii isaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akkasumas uummata Itoophiyaaaf kallattiin akka dhiyeessu beeksiseera.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa yeroo marii booda hojii raawwii yaadawwan hordofuuf aangoo seeraan akka qabu ibseera.

Akka labsii hundeeffama isaa bara 2014 ALI'tti, mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu yaadawwan hojii irra oolchuuf karoora ifaa akka qopheessan deeggaruu fi raawwii isaanii hordofuuf sirna diriirsuun hojii komishinichaa keessaa tokko ta'ee kaa'ameera.

Haa ta'u malee, yeroo hojii komishinichaa dheereffamee kenname bara dhufu Onkololeessa 2019 A.L.Itti ni xumurama. Kana booda hojii hordoffii itti fufu ilaalchisee gaaffii ka'eef deebii kennuun Pirofeesar Masfin, komishinichi yeroo seeraan kenname keessatti hojii isaa xumuree gabaasa ni dhiyeessa jedhan.

"Hojii keenya xumuree hojii hafee fi yaadawwan marii waliin qaama aangoo qabuuf ni dabarsina. Murtiin itti aanu mootummaa fi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataati," jechuun ibsaniiru.

Komishiniin Marii Biyyoolessaa waggoota afur dura hundaa'ee dhimmoota Itoophiyaa keessatti falmisiisoo ta'an guutummaa biyyattii fi hawaasa Itoophiyaa biyya alaa irraa walitti qabuun ajandaa marii qopheessaa ture.

Waltajjiin marii xumuraa amma gaggeeffamaa jiru yaadawwan kana irratti mari'achuun kallattii waliigalaa kaa'uuf akka kaayyeffate komishinichi beeksiseera.