US ulaa lafa jalaa Iraan yuraaniyeemii itti gabbistu to'achuu akka dandeesu Tiraamp dubbate
Pirezidaant Doonaald Tiraamp U.S bakka Iraan sagantaa gabbisa yuraaniyeemii itti gaggeessituufi ulaa lafa jalaa gaarren jalatti argamu to'achuu akka dandeessu ibse.
Tiraamp kan kana dubbate sagantaa raadiyoo Hugh Hewitt Show jedhamurratti Wiixata dhiyaachuun yoo ta'u, haleellaan Iraanirratti gaggeeffamu akka itti fufus dubbate.
"Gaara Pickaxe [ulaa lafa jalaa wal-xaxaa gaarren jalatti argamuufi Iraan gabbisa Yuraaniyeemiif itti fayyadamtu] ni to'anna. Iraanonni akka qophaa'an itti himu," jedhe Tiraamp.
"Gaara Pickaxe ilaalaa jirra. Ammatti waanti haaran achitti gaggeeffamaa jiru hin jiru. Sagantaa gabbisa nikularasaanii irratti baay'edhuma hojjataa hin jiran. Gaafa isaan waa hojjachuu dhageenye hunda ni haleella.
"Waa'ee kanaa dubbachuu hin barbaadan. Garuu yeroo dhiyootti qabachuu dandeenya," jechuun dubbate Tiraamp.
Gaarri Pickaxe naannoo wiirtuu gabbisa nikularaa Nataanzitti dhiyoo kan jiru yoo ta'u, haleellaa US ji'ootan dura gaggeessiteen heddu miidhamee ture.
Bakki kun ulaa lafa jalaa baay'ee gadi fagoofi boombii US ulaa lafa jalaa ittiin mancaastun illee kan hin mancaane akka ta'e himu xinxaaltonni.