Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Iraan humnoota Ameerikaa irratti yaalii haleellaa gaggeessite jechuun waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu ibse.

Guduunfaa

Humni waraanaa US haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Eegdonni Warraaqsaa Iraan buufata waraanaa US Kuweet keessatti haleeluu beeksisan

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan (IRGC) buufata waraanaa US Kuweet keessaa Ali al-Salem haleeluun kuusaa diroonii lama, kuusaa boba'aa xiyyaarotaa waraanaa fi helikoptarootaa barbadeessuu beeksisan.

    Kuweetii fi aangawoonni US dhimma kanarratti yaada hin kennine.

    Eegdonni Warraaqsaa Iraan haleellaa kana "duula Nasr 2" jechuun moggaasan. Haleellaa kanas haaloo qubsuma humnoota US naannichatti jiruuf kan raawwatan yoo ta'u, garuu meeshaa fayyadaman, hamma miidhaa gahee fi namni lubbuun dabre jiraachuu fi dhabamuu odeeffannoo hin kennine.

    IRGC jalqabarra buufata humna qilleensaa Ali al-Salem kan kaaba lixa Kuweet jiruu fi humnootni US dhimma bahan haleeluu fi bu'uuraalee isaa mancaasuu fi humnoota isaaniirraan miidhaa geessisuu beeksisanii turan.

    Himata kanarrattis US fi Kuweet yeroositti yaada hin kenine.

    Mooraan Ali al-Salem kaaba lixa Kuweetitti yoo argamu humnoota buufata US ta'ee tajaajila.

  2. Poolisiin nama yakka daddabarsa namaa fi yakkoota hammeenyaan shakke to'achuu hime

    Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa namicha seeraan ala namoota daddabarsuun dargaggoota baay'ee irratti gocha suukanneessaa fi hammaataa raawwachaa ture jedhuun to'achuu beeksise.

    Namni "hamaan" Adinaw Baashaw Wudaamoo, jedhamu kun seeraan ala namoota daddabarsuun dargaggoota biyyattii baay'ee irratti gocha suukanneessaa raawwachaa kan ture yoo ta'u, Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa, Intarpoolii fi Poolisii Malaawii waliin ta'uun biyya Malaawii keessatti tro'achuun seeraan akka gaafatamuuf gara biyya Itophiyaatti galchuu beeksiseera Poolisiin federaalaa Itoophiyaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa baasen.

    "Adinaw Baashaw Wudaamoo gareewwan isaa waliin ta'uun, naannoo Itiyoophiyaa Giddugaleessaa, keessumattuu zooniiwwan Hadiyyaa fi Kambaataa keessaa dargaggoota baay'ee 'jireenya keessan fooyyeffattu' jechuun kakaa fi abdii sobaan gowwoomsee, seeraan ala gara Afrikaa Kibbaatti daddabarsaa akka ture poolisiin ragaa namaa fi barreeffamaan mirkaneesseera."

    Galmeen qorannoo poolisii akka agarsiisutti, shakkamaan kun imaltoota birriii kuma 600 hanga kuma 800 kan gaafatu yoo ta'u, kaffaltii dursaa biyya keessatti birrii kuma 100 fi isaa ol irraa fudhachaa tureera.

    Poolisiin akka ibsetti, godaantota karaa Moyaaleen gara Keeniyaatti erga ceesisee booda, bosona Gaamboo keessa dhoksee tursiisuun, sa'aatii 24 keessatti ruuzii xiqqoo fi daabboo goggogaa qofa kennaaf.

    Kanaanis dheebuu fi beela hammaataadhaan akka dararaman gochuu bira darbee, motoraa fi miilaan lafa gammoojjii Seeloo akka ce'an dirqamsiisaa tureera.

    Poolisiin ragaa namaa fi barreeffamaan akka bira ga'etti, godaantota lakkoofsaan baay'ee ta'an seeraan ala magaalaa Naayiroobii erga geessee boodas, kutaa tokko keessatti itticufee, maatii isaaniiti bilbilisiisee maallaqa ergisiisaa gidirsaa ture.

    Firoottan isaanii irraa maallaqa erguu kan hin dandeenye godaantota immoo reebuu fi "asumatti duutu" jechuun doorsisaa, akkasumas elektiriikiin hiraarsuun gocha hammeenyaa irratti raawwateera.

    Dargaggoonni hedduun Afrikaa Kibbaa utuu hin ga'in biyyoota garagaraa keessatti to'annoo poolisii jala ooluun, seeraan ala deeman jedhamuun hidhaa hanga waggaa sadiin erga adabamanii booda, hidhaa isaanii xumuranii hanga birrii kuma 170 kaffaluun gara Itoophiyaatti akka deebi'an galmeen qorannoo poolisii ni agarsiisa.

    Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Intarpool waliin ta'uun bara 2015-irraa kaasee hordoffii cimaa taasiseen, Poolisiin Malaawwii to'annoo jala oolchee Adoolessa 22 bara 2018 (A.L.H) Itoophiyaaf dabarsee kennuu isaa beeksiseera.

  3. GDP'n Saa'udi Arabiyaa 4.8%'n sochiin boba'aa immoo 24.7% gadi bu'e

    Madaallii fayyaalessummaa diinagdee ishee kan ta'e GDP'n Saa'udi Arabiyaa kurmaana lammeessoo bara bajataa 2026tti 4.8%'n sochiin boba'aa immoo 24.7% gadi bu'uusaa miidiyaan mootummaa biyyattii AL-Arabiyaa TV gabaase.

    Mootummaan Saa'udi haleellaa US milishoota Iraaniin deeggaraman kan Iraaq keessaa irratti Roobii raawwatame irratti hirmaachuu beeksiseera.

    Kanaanis biyya Galoogalaanaa jalqabaa ji'oota shan waraanni kun deemaa jiru keessatti haleellaa raawwachuu amante dha.

    Haleellaa kanaan namoota 20 fi gorsitoonni waraanaa Iraaan gariin ajjeefamaniiru akka milishoonni Iraaq Iraaniin deeggaraman himanitti.

  4. Chaayinaan gabaasa deeggarsa misaa'elaa Iraani argachuufi jedhu haalte

    Iraan torbanoota dhufan keessa misaa'eloota 400 ta'an Chaayinaarraa argachuuf akka jirtu maddeen dhimma kana keessa beekan natti himaniiru jechuun Rooyitarsi kan gabaase.

    Chaayinaan garuu biyyattiin Iraaniif meeshaalee ittisa qilleensaas ta'ee Misaa'ela gurguruu ykn erguuf waliigaltee goote hin qabdu jedhu mormite.

    Ministeerri Ittisaa Chaayinaa gabaasichi "guutummaatti dhugaa irraa kan fagaate" jechuun ibse.

    Dubbi-himaan ministeerichaa, Jiyaang Biin, Kamisa har'aa dhimma kana ilaalchisee ibsa kenneen odeeffannoon dhugaa hin taanedha jedhan.

    Rooyitersi ammoo Roobii darbe maddoota odeeffannoo qaban sadii wabeeffachuun, Iraan torbanoota muraasa keessatti Misaa'eloota erguuf qophii taasisaa jirti jedhe.

    Akka Rooyitersi gabaasetti, waliigaltichi sirna misaa'eloota dhukaasuuf ishee gargaaru kana Chaayinaarra argachuuf doolaara miiliyoona 60-70 akka baastu eere.

    Mesaa'elootni kunneen Chaayinaa irraa ka'uun, karaa Paakistaan gara Iraanitti geeffamuuf karoorfame.

    Garuu, Paakistaan gama isheetiin meeshaaleen kun karaa biyyattii akka hin dabarsine fi dhimma kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibsite.

    Maddoonni Rooyitersi waliigalteen mallatteeffamuu danda'us, yeroo ergaa, baay'ina meeshaalee fi haalli ittiin raawwatamu gara fuulduraatti jijjiiramuu akka danda'u himaniiru.

    Misaayeloonni Chaayinaatti hojjetaman QW-12 fi FN-16 jedhaman kanneen Iraan argachuuf jettu keessa akka ta'es gabaafame.

    QW-12 fi FN-16 misaa'ela lafaa irraa gara qilleensaatti furguggifaman yoo ta'an, xiyyaarota, helikoptaroota fi dirooniiwwan rukutuuf kan qophaa'anidha.

  5. Mormituu gameessi Yugaandaa dhaddacharra osoo jiruu of wallaale

    Mormituu gameessi Yugaandaa Kizza Besigye dhaddacharra osoo jiruu of wallaaluun gara mana yaalaa magaalaa Kampaalaa keessa jiruutti geeffamuun kutaa waldhaansa hatattamaa (ICU) seenuu haati warraa himte.

    Namni ganna 70 Kizza Besigye Sadaasa 2024 kaasee mana hidhaa jira. Dursaa abukaatota isaas ji'a darbe hidhamee, yakka biyya ganuutiin himatamee deebii kennuu dide jedhameera.

    Abukaatowwan mootummaan dhiyeessuufiin akka falmatu dirqisiifamus didaa kan ture namni siyaasaa kun, wayita dhaddacharratti kufu eegdonni mana hidhaa saffisaan fuudhanii hospitaala geessan.

    "Of wallaalee ture, dubbachuu hin danda'u, dhukkubbii isaafillee homaa deebii kennuu hin danda'u" jetti haati warraa isaa kan UN'tti hoggantuu Itttisa HIV fi Eedsii aadde Wiinii Biyaaniyimaa yaada fuula X isheerratti kenniteen.

    Besigye, si'a afuriif pirezdantummaaf Museeveenii faana dorgome. Bara 2024 Keeniyaa keessa butamee Yugaandaatti mana hidhaa gale. Ergasii gargaaraa isaa Obeid Lutale waliin yakka biyya ganuutiin himatamanii jiru. Isaan garuu waakkatanii jiru.

    Abbaan alangaa Besigye fi nama isaa waliin hidhame mootummaa Pirezdantii Museeveenii fonqolchuudhaan isaan himate.

    Biyya ganuun seera Yugaandatti murtoo du'aa nama adabsiisa. Yoo yakka kana dalaguun isaaniii mirkanaaye murtoo du'aatu isaan eegggata.

    Dhaddacha Roobii irratti Besige kufuun dura iyyee "dhaabi" jechaa ture. Waayee abukaatoowwan isa bakka buufamanii haasawa ture.

  6. Masriin haleellaan diroonii buufata doonii taankaroota boba'aa lama jalaa miidhuu beeksifte

    Haleellaan diroonii buufata doonii Misrii kan naannawa Galaana Mediteraaniyaaniitti raawwatame dooniwwaan boba'aa lama jalaa haleelamuu Masriin beeksifte.

    Qondaalli Masrii tokko Kamisa yaada kenneen qorannoon jalqabaa abiddi dooniiwwaan buufata Dameeyitaa jiranitti qabate haleellaa diroooniitiin ta'uu agarsiisa jedhe.

    Ibiddichis yeroo gabaabaa keessatti to'atamuun ibsameera.

    Hanga ammaatti gareen kamiyyuu itti gaafatamummaa hin fudhanne.

    Heellaan diroonii kun haleellaa fi waldhabdeen naannawa bo'oo Si'uuz kan, Masriin to'atamuttitti babal'achuu akka danda'u sodaa uumee jira.

    Gareen tokkollee itti gaafatamummaa hin fudhachuu baatanis , aangawoonni Masrii qorannoo itti fufu Qondaalli Masrii Himeera.

    ''Dantaa fi nageenya biyyaalessaa Masrii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa ni fudhatus'' jedhe.

    Bo'oon Si'uuz daandii doonii idil-addunyaa murteessaa ta'ee, Galaana Meditiraaniyaanii fi Galaana Diimaa wal qunnamsiisudha.

    Kanaaf, nageenya buufata Daamiyettaa fi buufataalee anniisaa naannichaa irratti yaaddoon uumamuun daldala fi geejjiba bobaa'aa addunyaa irratti dhiibbaa qaba.

  7. Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwatteen namoota saddeet ajjeeste

    Raashiyaan haleellaa diroonii fi misaayelaa Yukireen irratti raawwatteen ijoollee dhiiraa lamaa fi durba tokko dabalatee namoota saddeet ajjeesuu aanga'oonni Yukireen ibsan.

    Pirezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii Raashiyaan halkan tokkotti misaayeloota 70 fi dirooniiwwan 280 Yukireenitti dhukaasuu ibse.

    Haleellaa suukanneessaan dhiheenya magalaa dhaloota Zeleniskii Kryvyi Rih jedhamutti raawwatame.

    Haleellaa kanaan manneen jireenyaa, giddugalaawwan gabaa fi misoomaawwan bu'uura barbadaa'uu hime Zeleniskiin.

    Haleellaan kun erga Zeleniskiin Pirezidantii US Doonaald Tiraamp waliin walargee booda raawwatame.

    Zeleniskiin akka US misaayela ittisa haleellaa qilleensaa Patriot jedhamu oomishuu eeyyamtuuf dhiibbaa uumuuf gara Waashingitan DC imaluun Tiraamp waliin walarge.

  8. FIFAn garee kubbaa miillaa biyyaalessaa Arjentiinaa irratti himannaa eegale

    Jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu FIFAn amala gareen kubbaa miillaa biyyaalessaa Arjentiinaa tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 2026 irratti agarsiisan mormuun himannaa eegaleera.

    Himannaan rakkoo naamusaa garee Arjentiinaa irratti FIFAn eegale kan garechi taphoota kaan irratti agarsiises ni hammata.

    FIFAn torbee darbe abbaa alangaa rakkoo naamuusaa fi amalaa tapha xumuraa magaalaa Niwu Yoork, Istaadiyeemii Niwu Jeerziitti mudate qoratu bakka buuseera.

    Tapha Adoolessa 19 taphatame sana erga Ispeen goolii 1 fi 0 dhaan injifattee booda taphattoonni fi miseensonni garee Arjentiinaa dirree fi dirreen ala turan lola kaasanii turan.

    FIFAn keewwata 14ffaa dhimma naamuusaa ilaallatu bu'uura godhachuun Nahuwel Moliinaa, Liyaandiroo Paredes fi gargaaraa leenjisaa Roobertoo Ayaalaa hanqina naamuusaan himachuu akka danda'u abbaan alangaa kun gorsa kenneeraaf.

    Taphataan Arjantiinaa biraan Tiyaagoo Almaadaa fi taphataan sarara gidduu Ispeen Gaaviinis keewwata kana jalatti himatamaniiru.

    Akka seera naamuusaa FIFAtti taphataan yoo naamuusa ispoortiirraa eegamu hin agarsiisne tapha tokko adabama, yoo namarratti qoccollaa raawwate ammoo tapha sadi adabama.

    Waliigalatti Waldaan Kubbaa Miillaa Arjentiinaa taphoota hedduurratti rakkoo uumuun himatameera.

    Keewwata 13 jalatti kan tumame naamusa ispoortii agarsiisuu dhabuun, keewwata 14 jalatti kan tumame akka gareetti naamusa irraa eegamu cabsuun, keewwata 15 jalatti kan tumame qoollifannaa fi jibba sanyii agarsiisuun akkasumas keewwata 17 jalatti kan tumame ajajaa fi nageenya iddoo taphaa eeguu kabajuu dhabuun himatameera.

    Dhaadannoowwan fi gochoota gareen taphattootaa fi deeggartoonni agarsiisaa turan, ergaa naamusa cabsu kan deeggartoonni dabarsaa turan, deeggartoonni meeshaalee adda addaa gara dirreetti darbachuun- himannaawwan dhihaataniidha.

    Taphattoonni Arjentiinaa wayita garee Ingilaand injifachuun xumuraaf darban barjaa qabatanii turan irratti dhaadannoo abbummaa odoola Fooklaand jedhamuu falmatu agarsiisaa turan.

    Barreeffami isaan mul'isaa turan ''Las Malvinas son Argentinas'' jedha.

    Odoolaawwan Fooklaand kan Arjentiinaati jechuudha.

  9. Tiraamp fi Neetaaniyaahuun walarguun Iraan irratti karoora baafatan

    Qondaalli olaanaan mootummaa Israa'el Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuuu walga'ii isaanii irratti tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu karoorfachuu ibse.

    Iraan akka niwukilara hin gabbisne gochuuf tarkaanfiiwwan akka dippiloomaasii, dhiibbaa diinagdee uumuu fi humna dabalatan akka fudhachuu danda'an waliigalaniiru jedhe qondaalli eenyummaasaa dhoksuun odeeffannoo kenne kun.

    Qondaalli Israa'el kun akka jedhetti Neetaaniyaahuun erga Waayit Haawusitti Tiraamp waliin mari'atee booda wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu ammatti Iraan haleeluun filannoo biyyisaa qabdu ta'uu Tiraapitti hin himne.

    ''Dhumarratti hunduu murteesaati,'' Tiraampiin jechuu qondaalli Israa'el himeera.

    Pirezidantiin US filannoowwan sadi qabaachuu fi hunduu bal'inaan irratti mari'atamuu kan kaase qondaalli Israa'el kun, filannoowwan kunneen mariif dhihaatan ''waliigaltee mariin taasifamu, uggura galaanaa fi dhiibbaa diinagdee itti fufuu akkasumas haleellaa cimaa raawwachuudha,'' jedhe.

    Tiraamp walga'iisaanii kana dura yeroo garagaraatti Neetaaniyaahuutti mufatee, ittis dheekkamaa ture.

    Keessattuu dhiheenya kana karoorri tikaa fi iccitii guddaa aanga'oonni Israa'el gaara Pickaxe jedhamurratti qaban saaxilamuurratti guddoo mufatee ture.

    Iddoon lafa jalaa kun bakka gabbisa niwukilaraan wal hidhatu yoo ta'u Tiraamp boombiidhaan barbadeessuuf itti dhaadataas tureera.

    Garuu aanga'oonni lameen muddama gidduusaanii ture dagachuun, odeeffannoo tikaa akka waliif qoodan dubbachuu ibse qondaalli Israa'el waan qondaalonni lameen mari'ate hime kun.

  10. Waraanni Ameerikaa haleellaa cimaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    Iraan misaa'ela bilaastikaan humnoota US Baha Giddugalaa jiran irratti haleellaa gaggeessuu hordofee waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise.

    US haleellaa kan gaggeessite Roobii halkan yoo ta'u, haleellaa Iraan raawwattee turte haaloo bahuuf akka ta'e ibsite.

    Iraan Kibxata darbe buufata waraanaa US Yordaanositti argamuufi dooniwwan Ulaa Hormuuz irratti haleellaa gaggeessuunshee ni yaadatama.

    Ajaji Giddugaleessaa US (CENTCOM) ibsa baaseen, haleellaa Iraan Kibxata darbe raawwatte haaloo bahuuf jecha, buufataalee waraanaa Humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) heddurratti haleellaa "cimaa" gaggeesse jedhe.

    Biyyoonni lamaan walitti dhukaasuu kan eegalan, mariitti deebi'uu ibsanii guyyoota muraasaaf walitti dhukaasuun erga dhaabbatee boodadha.

    USfi Saawudiinis waliin ta'uun hidhattoota Iraanin deeggaramaniifi Iraaq keessa socho'an irratti haleellaa gaggeessanii turan.

    Haa ta'u garuu, Saawudii Arabiyaan dubbiin akka tasgabbaa'u barbaaddi jechuun Axios gabaase.

    Haleellaa Roobii halkan Iraanirratti gaggeeffame ilaalchisee Ajaji Giddugalaa US ibsa baase keessatti, haleellichi sa'aatii tokkoof kan ture yoo ta'u, yaalii haleellaa Iraan taasiftee "deebii cimaa" taasifame ta'uu beeksise.

  11. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Waraanni US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise. Iraan humnoota waraanaa koo haleeluu yaalte jechuunis US himatte.

    Netaaniyaahuufi Tiraampis Waayit Haawusitti wal-arganii mariyataniiru. Waa'ee Iraan waan mariyataniifi odeessawwan garaa garaa isinii dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!