Qabeenyi Iraan uggurame eessa jira? Akkamiin deebifachuu dandeessi?

Suuraa hogganaa Iraan duraanii doonii waliin kaa'ameeru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Qabeenyi Iraan Ameerikaan uggurte gadhiifamuun dhimma falmisiisaafi wal-xaxaa Iraaniifi warra Lixaa gidduutti uumame dha.

Lola biyyoota lamaanii dhaabuuf walligaltee wal hubannoo biyyooti lameen dhihoo mallatteessan keessatti kuni dhimma ijoo dha.

Teehraan maallaqashee sababa qoqqobbiifi dhorkaatiin biyya alaatti qabamee jiru argachuuf barbaadaa turte.

Qabeenyi kuni baayyeensaa Ameerikaa jiraachuu baatus akka gadhiifamu murteessuu keessatti garuu Waashingitan shoora bal'aa taphatti.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti diinagdee Iraan waggootaaf qoqqobbii, qollifama diinagdee, qaala'insaafi gatiin maallaqaa kufuutiin rakkataa baateefi waraana Ameerikaafi Israa'el miidhamteef lubbuu itti hora.

Haatahu malee waliigaltee kamiyyuu gara daddabarsa maallaqaa qabatamaatti geeddaruun waan wal-xaxaa, gufuu seeraa, faayinaansiifi siyaasaa qabaata.

Maallaqni kana, Iraan akkamiin salphaatti argachuu dandeessi?

Qabeenyi ugguramee jiru kun maali?

Alaabaa Iraaniifi iddootti boba'aan qulleefamu

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Qabeenyi Iraan waliigalaa hangam ugguramee akka jiru lakkoofsi ifatti beekamu hin jiru garuu doolaara biiliyoona 27 hanga 100 akka tahu tilmaamama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maallaqni ykn qabeenyi kuni akkaawuntii tokko keessa jira miti. Galii boba'aa, al ergii humna elektiriikii, geeddaraa maallaqaa baankii biyya alaatti qabame jiruufi qabeenya wal-dhibdeen seeraan qabamee jiru- waggoota kurnaan dura.

Iraan biyyoota alaatti yeroo boba'aa gurgurtu maallaqni akkaawuntii biyya bittuu keessa kaa'ama. Haatahu malee qoqqobbiin irra kaa'ame qarshii kana Iraan akka hin arganne godheeraani.

Qabeenyi Iraan jalqaba uggurame bara 1979 erga Teehraan embaasii Ameerikaa to'atteen booda dha. Qabeenyi gariin waliigaltee ergasii yeroo yerootti taasifameen booda gadhiifamus waliigalteen waraanaa mootummaan Warraaqsa Islaamaa aangootti dhufuun dura mallattaa'e otoo hin furamiin jira.

Uggurri marsaa lammataa kan jalqabe bara 2011-12 gidduutti kan jalqabe yoo tahu qoqqobbii niwkilaaraafi Iraaniin sirna baankii addunyaa keessaa baasuu dha. Kuni inumaa Ameerikaan waliigaltee bara 2015 keessaa bara 2018 bahuu hordofee jabaate.

Hanguma dhorkaan jabaachaa adeeme hammi galii biyya alaatti qabame jiru dabalaa adeeme- kunis kan ifatti uggurameefi fayyadamuu irratti dhorkaan kaa'amuurraan kan ka'e dha.

Fireediriik Ishinaayiidar Gumii Baha Gidduugalaa keessatti ogeessa diinagdee dhimma idil-addunyaa irratti gorsa kennu dha. Uggurri gosa garaagaraa jiraachuu ibsuun kunis maallaqa ifatti dhorkame, maallaqa faayidaarra ooluu hin dandeenyeefi maallaqa wal-dhibdeen seeraan qabame jiru dha.

Maallaqni kuni eessatti qabamee jira?

Qabeenyi Iraan baayyeen Ameerikaan alatti qabamee jira.

Harki guddaan qabeenya kanaa Chaayinaa biyya Iraan boba'aa bittuun qabamee kan jiru yoo tahu kunis doolaara biiliyoona 20 hanga 50 taha. Kaan ammoo Iraaq keessatti qabamee kan jiru yoo tahu kaffaltii alergii gaasiifi elektiriikii doolaara biiliyoona 10 hanga 15 tahu dha.

Kooriyaan Kibbaa doolaara biiliyoona 6 kan galii boba'aa irraa argameefi bara 2023 Qataaritti darbe qabattee akka ture Koongireesiin US beeksiseera.

Haatahu malee Waashingitan maallaqa kana Iraan yeroo dhihootti akka hin arganne himiin Dohaa akka turu himti.

Maallaqni kaana mmoo Hindii, Jaappaaniifi Lagizanbargi fa'i keessatti qabamee jira.

Faallaa kanaan maallaqni to'annoo Ameerikaa jala jiru baayyee xiqqoo-doolaara biiliyoona lama akka tahu Kongireesiin US ibsee- qarshii dhaddachi murteesse, beenyaa fa'a yoo tahu gadhiisuuf akkaan rakkisaa dha.

Shorri Ameerikaa maali?

Pireezidangtii Ameerikaa Donaaldi Tiraamp

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Maallaqni Iraan baayyeensaa Ameerikaan ala haa jiraatuyyuu malee dhiibbaan Waashingitan qoqqobbi sadarkaa lammaffaa waan jedhamurraa dhufa.

Kuni Iraan qofa osoo hin taane baankii biyyoota alaa, dhaabotaafi mootummaa isaan waliin daldalu irratti dhiibbaa gochuu danda'a.

Dhaabbanni Iraan maallaqashee akka sochoostu gargaare sirna faayinaansii Ameerikaa keessaa baafamuun dabalataan adabbiin irra gahuu danda'a.

Sababa kanaan biyyooti qarshii Iraan qabatanii jiran gadhiisuudhaaf boodatti harkifatu ykn eeyyama Ameerikaa eegu.

Waliigaltee kanarraa Iraan maal argatte?

Aara magaalaa Teeharaan keessaa ol bahee mul'atu

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Waliigalteen kuni Iraaniif haaragalfii diinagdee kennaafi:

  • Alergii boba'aafi oomisha peetroliyeemii geejjiba irratti akka hirmaattu eeyyamaaf
  • Maallaqa dhorkame gariin akka argattu gochuu, baankiin biyyaalessaa Iraan maallaqa ofii akka to'attuuf eeyyamaaf

Waliigalteen kuni tattaaffii Iraan deebisanii ijaaru ni dabalata- doolaara biiliyoona 300, akkatti dhimmi kuni qabatamaan hojiirra oolu waliigaltee dhumaarratti kaa'ama.

Ameerikaan qarshii kamiyyuu kallattiin Iraaniif akka hin kaffalle himteetti. Inumaa inveestimentii aannisaa, geejjibaafi kaan irratti hirmaachuu fa'a akka filannootti kaa'aniiru.

Maallaqni kuni Iraan qaqqabaa?

Qabatamaan qarshiin kuni qabamee turuu danda'a jedha Esfaandaayar Baatmaangeeliij hundeessaan dhaabbata marii Bourse & Bazaar Foundation jedhamuuti.

Dhimmi kuni ''danqaan akkaan walxaxaa'' isa mudachuu mala jechuun BBCtti hime. Iraan maallaqashee biyyoota kaan irratti baasuu dandeessi garuu sadarakaa idil-addunyaan daddabarsuu hin dandeessu.

Ishinaayidar immoo waliigalteen kuni hangam tura kan jedhus rakkoo biraa dha jedha.

Qoqqobbiin Ameerikaa dhimma Koongireesiidhaan seeraan barreefame yoo tahu pireezidantiin akkasumaan kaasuu waan hin dandeenyeef eyyama yeroo qofa kennuu danda'a.

Kunimmoo haaragalfiin qoqqobbii hangam tura kan jedhurratti shakkii uumuu danda'a.

Bara 2015 yeroo Iraan qabeenyashee muraasa akka argattuuf eeyyamame waan wal-fakkaataatu mudate.

Haala kanaan baankoti baayyee of eeggannoon kan turan yoo tahu bara 2018 Ameerikaan waliigalticha keessaa baate.

Torbee darbe Iraan Ameerikaan doolaara biiliyoona 12 akka gadhiistu himtus Waashingitan garuu hin mirkaneessine.

Kana malees Ameerikaan qabeenya Iraan keessaa gariin biyyoota Galoogalaanaa waraanaan miidhaman beenyaa kennuuf akka fayyadamtu shakkiin jira.

Iraan garuu dhimma kana ni balaaleffatti.

Bara 2024tti diinagdeen Iraan doolaara biiliyoona 475'n akka tilamaamamu Baankiin Addunyaa himeera.

Qondaaloti Iraan waraana kanaan doolaara biiliyoona 300 akka dhabuun diinagdeen biyyattii %10nin gad bu'eera.

Maallaqni Iraan kuni gariinillee otoo gadhiifameefi haaragalfii diinagdee yeroo kennuufi danda'a.