Abjuu Ameerikaa waggoota 250 booda qormaata keessa jiru

Suura siidaa walabummaa Ameerikaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waggoota 16 dura Somaaliyaarraa baqattummaan gara Keeniyaatti kan imale Abdii Noor Iftiin, Keeniyaatti ollaa hiyyummaan guutame keessa jiraachaa ture.

Haata'u malee, bara 2013 carraa kallattii jireenyasaa jijjiire argate. Waqtii sanatti Abdiin namoota miliyoona saddeet ta'an carraa lootarii DV yookiin 'Diversity Visa' jedhamuuf iyyatanii kunneen carraan baheef 50,000 keessaa tokko ture.

Carraan kun kan mootummaan US lammiileen biyyoota garagaraa gara biyyattii deemanii akka jiraatan dandeesisudha.

Abdiidhaaf immoo gara Ameerikaa deemanii jiraachuun abjuusaa waggoota dheeraa ture. Hiriyoonnisaa yeroo ijoollummaas 'Abdii Ameerikaa' jechuun isa waamu turan.

"Jireenyakoo guutuu Ameerikaaf jaalala cimaan qaba ture. Ameerikaan biyya bareedduu, kan namoonni heddun abjuusaanii keessatti dhugoomsan, biyya carraawwan qabdudha" jechuun bara 2014 keessa BBC'f himee ture.


Abdiin diivii lotoriitiin ture kan gara Ameerikaa dhufe
Ibsa waa'ee suuraa, Abdiin diivii lotoriitiin ture kan gara Ameerikaa dhufe

Bara sana (2014) Abdiin gara Ameerikaa deemee magaalaa xiqqoo Meeyin jedhamtu keessa qubate, hojiis hojjechuu eegalee, lammii Ameerikaas ta'e.

Haata'u malee, amma abjuun ga'eessa waggaa 41 kanaa iddoo kaleessaa ture hinjiru. Abdiin bara kana keessa hojiisaa dhabuun dabalataan inshuraansii fayyaasaas dhabeera.

Amma wayita Ameerikaan hundeeffama waggaa 250'ffaashee kabajachuuf jalabultiirra jirtutti, Abdiin akkuma lammiilee Ameerikaa heddu waa'ee fulduree biyyasaa yaadda'aa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Abjuun Ameerikaa ammallee kan jiru natti fakkaata, garuu haala gaariirra hinjiru" jedha.

Dargaggeessa waggaa 24 fi taatoo fiilmii kan ta'e Luuk Mullen, indaastirii fiilmii biyyattii Hooliwud keessatti carraawwan hojii fiilmii dhabamuusaaniitiin iddoo jireenyasaa gara Kaanaadaatti jijjiiruuf karoorfachuusaa himeera.

Qorannoowwan kabaja hundeeffama US waggaa 250'ffaa dura taasifaman, lammiileen Ameerikaa heddu yaadni 'Abjuu Ameerikaa' jedhu kan namni kamuu biyyattii keessatti tattaaffatee yoo hojjete jijjiiramuufi of fooyyessuu danda'a jedhu haph'achaa dhufuu himaniiru.

Qorannoo Assoshiyetid Piress-NORC dhiyeenya kana taasiseen namoonni yaadni 'Abjuu Ameerikaa' ammallee jira jedhanii yaadan harka sadi keessaa tokko qofa.

Qorannoon Giddugala Qorannoo Pew jedhamuun dhiyeenya kana taasifames guyyoonii gaariin biyyasaanii darbuusaa kunneen qorannicharratti hirmaatan himaniiru.

Kana malees guyyaan dhalootaa biyyattii waggaa 250'ffaa waqtii garaagarummaan siyaasaa biyyattii keessaa akkaan bal'atee jiru keessatti kabajamaa jira.

'Abjuu konkolaataa qabaachuurratti hin hirkanne'

Yaadni 'Abjuu Ameerikaa' jedhu Waraana Waraaqsaa booda eegalee hanga jaarraa 21'ffaatti namoota miliyoona heddu kutaalee addunyaa garagaraarraa gara Ameerikaatti hawwateera.

Hojjettoonni warshaalee, qonnaan bultoonni fi kunneen warqee baasan amantaa eenyummaa haaraa uummachuu qabatanii gara biyyattiitti godaananiiru.

Haa ta'u malee Abjuun Ameerikaa dhimma kutaalee hawaasaa hunda hammate akka hinturre hayyoonni seenaa himu.

Haaluma kanaan yaadichi hawaasa dhalattoota durii Ameerikaa (Native Americans), garbootafi dubartoota kan hin hammatamne akka ture himu.

Gama biraatiin bara 1931 kitaaba 'The Epic of America' jedhu kan barreessan hayyuun seenaa Jeems Tiruslow Adams, Abjuun Ameerikaa "abjuu konkolaataa qabaachuufi kaffaltii gaarii argachuu qofa miti.

Abjuun Ameerikaa abjuu sirna hawaasummaa dhiirri fi dubartiin hundi dandeettii uumamaasaanii guddisuun iddoo dandeettiisaanii isa olaanaa itti gahanidha" jedhu.

Adeemsa keessa garuu dhaadannoon kun jijjiiramaa dhufeera. Yeroo ammaa Abjuun Ameerikaa hojii uumtummaa, sochii gulantaa hawaasummaa gadi aaanaarraa gara olaantutti taasifamu, hundaa ol immoo carraa diinagdee wajjin walqabata.


Godaantota odola Eliis keessa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaa kitaaba 'The Politics of the American Dream: Democratic Inclusion in Contemporary American Political Culture' kan ta'an Siiril Ghosh immoo, Abjuun Ameerikaa "dhimma maallaqaaf meeshaalee qabaachuu qofa miti. Abjuun Ameerikaa dhimma nageenyaa akkasumas dhimma iddoo kaleessa turanirraa fooyya'anii argamuuti" jedhu.

Abdiin Somaaliyaa keessatti rasaasa hidhattoota garee Al-shabaabiin akka hin rukkutamneef dahoowwan keessatti dhokatee jiraachaa ture.

"Bilisummaan dhimma ijoo dursa kennuufidha. Guyyaa itti aanu jiraachuun, guyyaa itti aanu harganuu danda'uun waan guddaa ani barbaadaa turedha" jechuun sababa gara US deemuu itti barbaadeef hima.

Abjuu Ameerikaa adda cite

Abjuun Ameerikaa dhimma lammiilee biyyoota garagaraa garas imaluu barbaadan hawwatu ture. Haa ta'u malee yeroo muraasaa as lakkoofsi namoota jireenya fooyyee barbaacha gara Ameerikaa imalanii xiqqaachaa dhufeera.

Pirezidaant Doonaald Tiraamp godaansa gara US'tti taasifamu dhaabsisuu dhimma ijoo pirezidaantummaasaanii godhatanii, yoo filaman godaantota seeraan ala biyyattii keessa jiran gara irraa dhufanitti deebisuuf waadaa galanii turan.

Waggaa tokko dura yeroo lammaffaaf pirezidaantii ta'uun erga filamanii boodas godaantotaa gama daangaa biyyattii gara kibbaatiin karaa seeraan alaatiin seenanirratti to'annoo cimsuun cinatti maloota seera qabeessa lammiileen biyyoota garagaraa gara US itti deemanis ugguraniiru.

Sagantaalee Tiraamp ugguran yookiin dhaabsisan keessaa tokkommoo kan Abdiin gara US ittiin deeme lootariin DV ni argama.

Amma Ameerikaan biyya namoota muraasa simattu qofa osoo hintaanee kan bifa kanaan dura mul'atee hinbeekneen namoonni heddu irraa godaanan ta'uu hin ooltu.

Bara darbe keessa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf lakkoofsi lammiilee Ameerikaa gara Ayerlaand deemanii qubatan lakkoofsa lammiilee Ayerlaand gara Ameerikaa deemanii qubatan caalera.

Kana malees lakkoofsi lammiilee Ameerikaa lammummaa UK'f iyyatan bifa kanaan dura hinbeekamneen dabaleera.

Garuu lammiileen Ameerikaa maaliif gara biyyoota biroo deemaa jiru? Namoonni gariin siyaasa biyyattii akka sababaatti yemmuu eeran kaan immoo qaala'uu tajaajila fayyaafi jireenyaa himatu.

Luuk Mullenif garuu murteen kun carraa hojii walin walqabata. Taatoon yeroo ammaa irra jireessaan hojii fiilmii barreessuufi pirodaakshinii hojjetu kun Ameerikaa kibba Kaaliforniyaa caalaa Kaanaadaa Vaankuvar keessa carraan hojii fiilmii fooyyeen akka jiru hima.

Dhiyeenya kana lammummaa Kaanaadaa akka argate kan himu Luuk, gara Kaanaadaa deemee jiraachuuf yaada akka qabu garuummoo achi kan jiraatu yeroof qofa akka ta'e himeera.

Hawwii fi haala qabatamaa lafa jiru

Qorattoonni dhimma hawaasaafi hayyuuleen siyaasaa, yeroo ammaatti hiikaan Abjuu Ameerikaa milkaa'ina diinagdee wajjin kan walqabatu ta'uu himu. Kunis yaada ijoolleenkoo jireenya kankoorra fooyya'aa ta'e ni qabaatu jedhu akka ta'e himu.

Barreessituu kitaaba 'Debating the American Dream: How Explanations for Inequality Polarize Politics' kan ta'an Elizaabet Suhay, "Abjuun Ameerikaa yaada 'yoo cimtee hojjette jireenya gaarii jiraachuu dandeessa' jedhu ofkeessaa qaba.

Jireenyi kunis jireenya namoota galii giddugaleessaa qabaniin ibsamuu danda'a" jedhu. Kunis manafi inshuraansii fayyaa qabaachuu, ijoollee guddisuu danda'uu, konkolaataa qabaachuu fi barnoota kollejii barachuu ofkeessatti akka qabatu himu.

Haa ta'u malee Abjuun Ameerikaa naannoo waggoota 50 as yookiin bara 1970mootaa as gadi bu'aa deemuu barreessaa kitaabaa kan ta'an Maark Raank himu. Kunis gilobaalaayizeeshiniifi guddachuu dhabuu kaffaltii hojjettootaan kan walqabatu ta'uu kaasu.

Hanguma walqixxummaan hawaas-diinagdee dhabamaafi gadi bu'aa deemu abjuun kunis gadi bu'aa deemuusaa ogeeyyiin himu.

Dabalataan gaaga'amni siyaasaa bara 2008fi rakkooleen diinagdee isaan walqabatanii dhufan dandeettii abbaa manaa ta'uufi hojii amansiisaa qabaachuu lammiilee miidhuus himan.

Abjuu Ameerikaa tursiisuu

 Doonaald Tiraamp halluu cuquliisa dura dhaabatee

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Qorannoon 'The Times' ji'oota dura taasise yaadni Abjuun Ameerikaa badaa jira jedhu namoota heddu bira jiraatuus kunneen qorannicharratti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 61, yaadichatti akka amanan himaniiru.

Namoota Abjuun Ameerikaa ammallee jira jedhanii amanan keessaa ga'eessa umrii waggaa 44 kan ta'e Braandan Paat ni argama.

"Qaama Abjuu Ameerikaa ta'uu kootti kabajatu natti dhagahama. Asitti dhalachuufi qorannoo Ameerikaa (sirna dimokiraasii) keessatti hirmaachuunkoo bu'aa eebba Waaqaati" jedha.

Dabaluunis "Anaaf jechi 'Abjuu Ameerikaa' jedhu Ameerikaa keessa carraawwan lakka'amanii hindhumnetu jiru, hoomaa osoo hinqabaatiin eegaltee iddoo guddaa gahuu dandeessa jechuudha" jedha.

Braandan maatiisaa keessaa nama yeroo jalqabaaf kollejjiirraa ebbifamedha. Dabalataan hidda dhalootaasaa keessaa nama jalqabaa barnoota sadarkaa lammaffaa xummuredha.

"Amma umriinkoo waggaa 44 ta'eera. Abjuu Ameerikaa jiraachaan jiras" jedha.


Namoota gur'aacha maasii jirbii keessa hojjetan

Madda suuraa, Getty Images

Gama biraatiin pirezidaantiifi hoji gaggeessaa olaanaa Inistitiyuutii 'The Archbridge' kan ta'an Gonzaaloo Shiwaarz, wantoota gaggaarii Ameerikaa keessa jiraachuun qaburratti xiyyeeffachuu qabna jedhu.

Qorannoo Inistitiyuutiin 'The Archbridge' namoota sadarkaa umrii garagaraa hirmaachisuun taasiseen kunneen qorannicharratti hirmaatan keessaa irra jireessi 'Abjuun Ameerikaa ammallee jira' jechuun akka amanan agarsiisera.

"Wantoota badaa ta'anfi namoota Abjuun Amerikaa badeera jedhanii yaadan qofarratti yoo xiyyeeffanne, yaadni Abjuun Ameerikaa badeera jedhu qabatamaan akka ta'uuf karaa saaqudha" jedhu Gonzaaloo Shiwaarz.

Dabaluunis "ofirra dhaabbannee waa'ee fuldura keenyaa yaaduun Abjuun Ameerikaa cimee waggoota 250 itti aananiif dhalootaaf abdii akka ta'uuf hojjechuu qabna" jedhaniiru.

Gama biraatiin obboleessi Abdii sababa qoqqobbii viizaatiin gara US'tti godaanuu dadhabe Hasan, dhiyeenya kana lammii Kaanaadaa ta'eera. "Obboleessikoo sirna tajaajila fayyaa fooyyee akka qaban natti himeera" jedha Abdiin.

Haa ta'u malee rakkoolee garagaraa dabarsus, adeemsa duraan keessa darbe osoo irra deebiin kan darbu ta'eellee ammallee Ameerikaa akka filatu Abdiin hima. "Sababnisaas Ameerikaan jaalalakoo jalqabaa waan taatefi" jechuunis himeera.