Gosoota dhugaatii alkoolii 10 fayyaaf tolan

Harka namoota lamaa wayinii walkiphsiisiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Wayinii, biiraa fi farsoon gosa alkoolii etaanol jedhamu qabu. Hanga guyyaatti eegamuu ol dhuguun gosoota dhibee 50 caalan kanneen akka dhibee onnee, istrookii (dhiigni mataa keessatti dhangala'uu) fa'iif saaxilamuu namaa ol kaasa.

Irra deddeebiin dhugaatii alkoolii dhuguun immoo dhiphina dabala, furdina qaamaa gar-maleefis nama saaxila.

Alkooliiwwan tokko tokko kaanirraa wayyaa qabu. Sababni isaas sukkaara dhiigaa irratti dhiibbaa hin qabaatan, dhugaatii booda bututuu qaamaa namatti hin fidan. Mukaawuuf nama hin saaxilan.

Dhuguma, dhugaatiin alkooliiwwan tokko tokkoo xiqquma xiqqoo kan fudhatamu yoo ta'e [dubartiidhaaf guyyaattti takka dhuguun, dhiirotni lama yoo hin dabarre] faayidaa fayyaas qabu.

Dhugaatiiwwan alkoolii fayyaalummaaf fayyadan kam kami?

Haa ilaallu:

1. Wayinii diimaa

wayinii

Madda suuraa, Getty Images

Dhugaatii beekamaa kanaa qola mukaa fi ija wayinii irraa cuunfaa waliin waan naqamuuf faayidaa qaba.

Dhugaatiin kun dhama biqiltuu resveeratirool, kuwerseetinii fi antosaayaninis jedhaman kanneen madinummaa (dandeettii dhibee damdamachuu) qaamaa olkaasaniin kan guutamedha.

Qabiyyeen isaanii gosa wayinii, haala qilleensaa fi mala oomishaa irratti hundaa'uun garaagarummaa qabaachuu danda'a.

Qorannoowwan akka agarsiisanitti, qabiyyeen uumamaa kunneen fayyaa onneetiif, insuliinii to'achuu fi akkasumas baakteeriyaa garaacha keenya keessa jiraniif akka madda dhiyeessii anniisaatti tajaajiluun faayidaa xiqqaa garuu gaarii qabaachuu danda'u.

Baakteeriyaawwan kunneen qabiyyee dhama biqiltuu kanaa gara keemikaalota si'aayina qabanitti jijjiiruun, sirni madinummaa qaama keenyaa fi onneen keenya sirriitti akka hojjetan gargaaru.

Sukkaarri baay'eensaa gara alkoolitti waan jijjiiramuuf, wayiniin diimaan sukkaara xiqqaa qaba.

Haata'u malee, wayiniiwwan baay'een, diimaas ta'e adiin, salfarii akka eegduutti (preservative) akka fayyadaman yaadachuun barbaachisadha.

Yoo alarjiikii salfeetii qabaatte, wayiniin siif filannoo gaarii ta'uu dhiisuu danda'a.

2. Wayinii mi'eessituuwwanii fi cuunfaa

Wayinii mi'eessituuwwanii fi cuunfaa

Madda suuraa, Getty Images

Gosti waynii kanaa addatti, daadhii wayinii ho'aa, mi'aawaa fi ija mukaa (firiiwwanii) qabu kun faayidaalee wayinii diimaa muduraalee vitaamiini C-n badhaadhanii fi mi'eessituuwwan dhibee ittisan (antioxidant-packed) kanneen akka qarafaa, qurunfudaa fi jinjibilaa dabalatu waliin hojjetama.

Kan filatamuuf: giluteeni-kan hin qabne, antii-oksidentiin kan badhaahde, fayyaa sirna daakamuu nyaataaf gaarii ijaa ta'eef, vitaamiinota fi albuudota waan qabuuf, kaafeenii-kan hin qabne waan ta'eef.

3. Wayinii adii

Wayiniin adiin qola muka wayinii malee waan naqamuuf, cuunfaa biqiltuu kan fayyaaf gaarii ta'an kan wayinii diimaa gadi qaba.

Wayiniin adiin alkoolii xiqqaa qaba. Wayiniin adii gogaan (dry white wine) ammoo kan dhandhamni isaa giddu-galeessa ykn mi'aawaa ta'e caalaa sukkaara baay'ee xiqqaa qaba.

Namoonni tokko tokko battala wayinii diimaa dhugan mataan isaan bowwaafata. Garuu yoo wayinii adii (voodkaa) dhugan akkas hin ta'an. Kun maaliif akka ta'e guutummaatti baramun baatus, keemikaalli hiistaamaayin waan gadhiifamuuf jedhamee yaadama. jedhamuu waliin wal qabata jedhamee yaadama.

4. Wayinii Ispiritzer

w

Madda suuraa, Getty Images

Wayinii bishaan gaazii (akka bishaan amboo fi baabbilee)tiin waliin makachuun hojjetama. Kun hamma alkoolii, sukkaaraa fi kaalorii isaa ni hir'isa.

Sukkaaraa fi kaalorii waan dabaluuf loomii itti dabaluun gaarii miti.

Kan filatamiif: giluutenirraa bilisa, hamma sukkaaraa gad aanaa, kaalorii gad aanaa, kaarbohaaydireetii gad aanaa, kaaffeeniirraa bilisa.

5. Shaampaanyii

shaampaanyii

Madda suuraa, Getty Images

Wayinii adiidhaan qabiyyee wal fakkaataa qaba. Hammi sukkaaraa isaa garuu gad aanaa dha. Shaampaanyii gogaan wayinii bishaan gaasii gogaadhaan tokko, kaalorii gad aanaa qaba.

Biqiloota fayyaa onneetiiif fayyadan iirraa hojjetama. Hammi dhangaalee isaa garuu kan wayinii adii keessatti argannurraa gad aanaa dha.

Hubadhu! hoomachi dhugaatii alkoolii keessaa akka baay'ee dhugdu si godha, kanaafuu suuta dhugi, lama ykn sadi hin darbin.

Kan filatamuuf: giluutenirraa bilisa, hamma sukkaaraa gad aanaa, kaalorii gad aanaa, kaarbohaaydireetii gad aanaa, kaaffeeniirraa bilisa.

6. Fiizii Baak (Buck's fizz) ykn Kookteelii

Kun makaa shaampaanyii fi cuunfaa burtukaanaa ti. Qabiyyee alkoolii gad aanaa qaba. Garuu qabiyyee sukkaaraa fi kaalorii hin dagatin.

Yoo dandeesse, gogaa isaa ykn akka malee gogaa filadhu. Hamma sukkaaraa isaa olkaasuuf jechuu dha. Burtukaana haaraa ooyruurraa dhufeen hojjedhu. Inni Vaayitaamin-C olaanaa waan qabuuf

Kan filatamuuf: giluutenirraa bilisa, hamma sukkaaraa gad aanaa, kaalorii gad aanaa, kaarbohaaydireetii gad aanaa, kaaffeeniirraa bilisa.

7. Farsoo Aappilii (Apple cider)

Cuunfaa aappilii irraa kan hojjetamu inni kun, dhama biqiltuu farra-summii qaamaa (antioxidant) ta'aniin kan badhaadhe yoo ta'u, qabiyyee alkoolii wayinii gadi qaba.

Cuunfaan kunneen dhandhamaa fi bifa dhugaatichaa keessatti gahee guddaa gumaachuun alatti, saaxilamummaa dhibee onneen hir'isuuf gargaaru.

Filannoo gaarii kan ta'eef: giluuteeniin irraa bilisa, farra-summii qaamaatiin (antioxidant) kan badhaadhe, fayyaa sirna nyaata daakuuf gaarii fi kaafeenii waan hin qabneef.

8. Biiraa Alkoolii Gad aanaa

w

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Faayidaalee biiraa hammi alkooliisaa giddu-galeessa ta'e dhuguun argannu biiraawwan alkoolii xiqqaa qaban ykn alkoolii hin qabne dhuguudhaanis argachuun ni danda'ama.

Kunis bulbuloota biqiloota uumamaa irraa argamu fa'irraa kan argaman yoo ta'u, akkuma qorannoo mirkaneesse sochii jabeenya qaamaa booda kanneen fiigdota maraatoon fiigan irratti biiraan qamadii ( kan alkoolii 0.5% qabu) akka fayyadu mirkanaaye.

Faayidaaleen kunneen dhiitawuu ispoortii booda uumamu hir'isuu fi dhiibbaa ayisootoonik kan qaamni bishaan gahaa akka argatu gargaaru dabalatu.

Geeshoon biiraan ittiin naqamu madda istrooginii beekamaa dha. Kan hammi isaa giddu-galeessa ta'e dhuguun dubartoota umuriin isaanii dhala horachuu bira darbeef (postmenopausal women) faayidaa qabaachuu danda'a.

Filannoo gaarii kan ta'uuf: farra-summiitii kan badhaadhe, fayyaa sirna nyaata daakuu tiif gaarii, alkoolii xiqqaa, vitaaminootaa fi albuudota waan qabuu fi kaafeenii irraa bilisa waan ta'eef.

9. Voodkaa ykn Jiinii

Alkoolii baay'ee ol'aanaa fi bulbula biqiltuu fayyaaf gaarii ta'an kan wayinii, biiraa ykn farsoo aappilii gadii waan qabuuf, dhugaatiin gogaan isaa faayidaa fayyaa baay'ee xiqqaa qabaachuu danda'a.

Haata'u malee, alkoolii baay'ee qabaachuu isaa irraan kan ka'e, dhugaatiin gogaan kun nyaanni garaachaa keessaa dafee akka dhumne kan tursiisuu mala. Kanaaf ujummmoo dhiigaatiin suuta fudhatama.

Dhugaatii akka wiiskii kan dhamdhama qaban filadhu.

Keemikaaloonni kunneen dhandhama, bifaa, fi urgaa dhugaatichaa keessatti gahee qabu, garuu erga dhugdanii booda baay'ee qaama kee butuchuu danda'u.

Dhugaatiwwan jajjabaan kunniin yeroo baay'ee kaalorii fi sukkaara wayinii ykn biiraa gadi qabu, garuu yoo bulbuloota mi'aawaa itti dabalte lachanuu dabalaa jirta.

Kana irra dhugaatii kee cabbii qofaan fudhu.

Filannoo gaarii kan ta'uuf: giluuteeniin ala, sukkaara xiqqaa, kaalorii xiqqaa, kaarboohaayidireetii xiqqaa fi kaafeenii kan hin qabneef.

10. Koombuchaa

Oomishni kun ta'e jedhamee kan nama macheessuf qophaawu ta'uu baatus, sababa naqamuuf (fermentation) kombuchaan qabiyyee alkoolii xiqqoo qabaachuu danda'a.

Shaayii sukkaara qabuu fi biqiltuuwwan nama daddammaqsan irraa mala aadaatiin akka farsootti naqama.

Faayidaawwan isaarratti qorannoowwan raawwataman abdii kan namatti horan fakkaatu. Ta'us, hamma yoonaatti qorannoowwan hundi bineensota irratti qofa raawwataman.

Faayidaawwan isaas dhiibbaa dhiigaa fi kolesiteroorii fooyyessuu dabalachuu danda'u.

Sababa haala uumamaa isaa irraan kan ka'e, kombuchaan dhugaatiiwwan lallaafaa bakka bu'uuf filannoo gaaridha; akkasumas alkoolii jajjabaa akka voodkaa faana makamee dhugamuu danda'a.

Ta'us, qabiyyeen sukkaara isaa garaagari, oomishni gabaa irratti argamu qabiyyee sukkaara baay'ee ol-aanaa qaba.

Hundumaa caalaa kan mirkanaa'e: giluuteeniirraa bilisa, farra summiiti, qabiyyee alkoolii gadi aanaa, viitaaminoota fialbuudota qabaachuu mala, fayyaa sirna soorata daakuu fi kaafeeniirraa bilisa ta'uu isaati.

Dhugaatii kamiyyuu kan filattu yoo ta'e, bakka isaa hin dabarsin gammachuuf fudhadhu.

Hamma dhugamuu qabuu olitti dhuguun ykn garmalee baay'isanii dhuguun dhiibbaa fi balaa qabaachuu danda'a.

Dabalataan, yoo ulfa taate, seenaa alkoolii garmalee fayyadamuu ykn dhukkuba tiruu qabda yoo ta'e, ykn qorichoota murtaa'an fudhachaa jirta ta'e, guutumaan guutuutti alkoolii irraa fagaachuu qabda.

Dubartoonni umrii itti hormaataa irratti argaman kanneen marsaa laguu walakkaa ji'aarratti argamtan ykn dhiyeenya laguu arguuf jirtan, yeroo kanatti alkooliin dafee akka nama macheessu hubachuu qabu.

Qabiyyeen fayyaa kun odeeffannoo waliigalaaf qofa kan dhiyaatedha; gorsa yaala fayyaa mana yaalaa ykn ogeessa fayyaa kamiyyuu bakka bu'uu hin danda'u.