Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lixa Afrikaatti pirojektiin diriirsaa ujummoo gaazii doolaara biiliyoona 25 mallattaa'e
Pirojektiin bu'uura misooma anniisaa guddichi hawwiidhaan eegamaa ture, ujummoon daddabarsa gaazii Naayijeeriyaa Morookoo Atilaantik gaggeessitoota lixa Afrikaatiin mallattaa'e.
Pirezedaantiin Seraaaliyoonii fi dura taa'aan garee ECOWAS Juliyes Maadaa Biyoo, "gaaaziin karaa keessan yoo dhufe hin raajaminaa" jedhan sagantaaa dilbata darbe magaala Firiitaawunitti mallattaa'e kanarratti.
Ujummoon gaazii kiiloomeetira 6,000 fulla'u kuni qarqara garba Atilaantik irra biyyoota 14 keessa kan darbu yoo ta'u, gaazii Naayijeeriyaa Morookootti dabarsuun ujummoo duraan diriiree jirutti makee gara Awurooppaatti akka cehu gargaara.
Ijaarsa ujummoo gaazii bara 2028 akka eegalu karoorfame kanaaf bajata doolaara biiliyoona 25 akka barbaadu ibsame.
Ijaarsi ujummoo gaazii kanaa adeemsa amma dura gaaziin hin calalamne Afrikaa irraa gara alaatti ergamee erga calalameen booda ammoo gara Afrikaatti deebi'ee gatii dacha sadii afur ta'uun gurguramaa jiru akka hambisu ogeessi biyya Naayijeeriyaa Charles Majoomii himu.
Akkaataa karoorfameen yoo hojjetame ujummoon gaazii diriiru kuni guddina dinagdee Afrikaa si'eessuun alatti sadarkaa Addunyaatti gahee Afrikaan anniisaa irratti qabdu dabala jedhamee abdatama.
"Gama nageenya naannoo Afrikaa fi humna sadarkaa addunyaa irratti marii keessatti qabdu guddisuun yoo barbaachise barbaachisummaashee biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti qabdu akkanaan dabaluun murteessaadha" jedhu Majoomiin.
Yunvarsiitii Biyya Naayijeeriyaa irraa Piroofeesar Ganiyaat Adejoke gamasaaniin nageenya anniisaatiin alatti koridariin Afrikaa kuni sadarkaa idil addunyaatti akka mul'atuuf carraa uuma jedhan.
Ijaarsi pirojektii kanaa biyyootni Afrikaa yoo qindoominaan hojjetan hangam gara duraatti tarkaanfachuu akka danda'an waan akeeku akka ta'es dubbatu.
Wanti hundi akkaataa karoorfameen yoo xumuramutti ujummoon Gaazii kuni waggaa keessatti Gaazii Kuubik Meetirii Biliyoona 30 dabarsuun maamiloota miliyoona 400 ta'u tajaajila jedhamee eegama.
Ujummoon gaazii kuni addunyaarraa ujummoo gaazii qarqara galaanaa irratti diriire isa guddaa ta'as jedhame.
Waliigalteen dilbata darbe mallattaa'e kuni waldubbii waggoota 10 ol fudhatee fi kan biyyoota 10 ol hirmaachise. Waliigalteen kuni seeraa fi bulchiinsa ujummoo kanaa dabalatee dhimmootni siyaasaa hedduunis erga qaacceffameen booda mallattaa'e.
Pirojektiin kuni hojjetamuuf bu'uurri yaadaa kan eegale bara 2016 yoo ta'u, amma gara gulantaa dhimmoota siyaasaa fi teeknikaatti seenameera.
Ijaarsi ujummoo gaazii kanaa gulantaa gulantaan kan ijaaramu malee takkaan kan ijaaramu miti. Ijaarsi jalqabaa pirojektichaas Naayijeeriyaa irraa akka hin eegalle barameera.
"Karoorri Faayinaansii ijaarsa ujummoo kanaa Morookoo-Mooritaaaniyaa- senegaal irraa eegaluun gara Gaanaa- Kootdivuaaritti darba. Pirojektiin dhumaa kan hojjetamu Naayijeeriyaa irraa walqunnamsiisuu ta'a" jedhan Majoomiin.
Akka ujummoo gaazii amma dura ture, ulaa ujummoo gaazii Tiraansi Sahaaraa kan Nijeerii fi Aljeeriyaa keessa darbuu ulaan kuni kutaa Saheel, kan nageenya amansiisaa hin qabne keessa hin qaxxaamuru. Garuu ijaarsi isaa qarqara galaanaarra waan ta'uuf gatiin ijaarsaa nidabala.
Qorannoon bu'a qabeessummaa pirojektichaa kan xumurame yoo ta'u, baasiin Doolaara Biliyoona 25 qabame kuni sababoota qaala'insa jireenyaa fi kaaniin daabaluu mala jedhamee yaadama. Kuni kan murtaa'u kutannoo biyyootni 13 hojicha irratti agarsiisaniin ta'a.
Dhaabbileen Naayijeeriyaa fi Morookoo Ijaarsa pirojektii kanaa nidursu. Dhaabbileen naannoo akka ECOWAS, Baankii guddina Islaamaa fi OPEC ijaarsa pirojektii kanaa deeggarsu jedhameera.
Ulaan ujummoo gaazii kuni gaazii Awurooppaatti erguun alatti, gaazii uumamaa biyyoota amma gatii qaaliin gara biyyaa galchaniifis dhiheessa jedhamee eegama.
Naayijeeriyaadhaaf gaazii uumamaa guddaa qabduuf gabaa kan uumu yoo ta'u, qindoomina dinagdee lixaa fi Kaaba Afrikaa waliin qabdus nicimsaaf jedhamee abadatameera.
Raafama siyaasaatiin alatti baasii ijaarsa Pirojektii kanaatiif barbaachisu argachuun, nageenya ulaa ujummoo kanaa mirkaneessuu fi tasgabbiin biyyoota ujummoon gaazii kuni keessa qaxxaamuruu yaaddoowwan karoora Piroketii kanaa keessatti caqafamani.
Dandeettiin injinariingii qarqara galaanaa kanatti ujummoo gaazii diriirsuu, dorgommiin pirojektoota gaazii daddabarsan biroo irraa eegamuus yaaddoowwan dabalataati.
Hunda caalaa ammoo amma Awurooppaan gara anniisaa haaromfamuutti yeroo cehuuf tattaafachaa jirtu kanatti barbaadamni gaazii Awurooppaa keessatti gadi bu'uu maluun yaaddoo gara biraati.
Ammatti garuu Naayijeeriyaaf Gaazii uumamaa qabdu karaa Morookootiin gara Awurooppaa geeffachuun carraa guddaadha.
Kana malees indastiriiwwan babal'isuun carraan hojii uumamuun, sadarkaa naannoo qofatti osoo hin taane qindoomina kutaalee Afrikaatiifis carraa gaarii fida jedhu ogeessonni.