Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan qabeenyaa restoraantii nyaata irratti goondaa firfirsuun dhiyeesse adabamuufi
Abbaan alangaa Kooriyaa Kibbaa abbaa qabeenyaa reestoraantii nyaata mi'aawaa miidhagsuuf goondaa itti dabaale hidhaa waggaa tokkoon akka adabamu gaafachaa jira jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Seera biyyattiin goondaan ilbisoota 10 namni akka nyaatu mirkana argatan keessaa miti. Ilbisooti akka soorataman mirkana argatan kuruphisaafi awwaannisa faa'a.
Abbaan alangaa gaafa Wiixataa restoraantii Dhaabbata Mishilaan jedhamuun urjii abbaa lama argate doolaara 13,510 ykn qarshii Kooriyaa Kibbaa woonii miiliyoona 20 adabama jedhe.
Abbaan restoraantii goondaa kana nyaata irratti dabaluu amanee garuu nyaata gosa 15nin dhiyaatuun booda mi'ooftuu irratti firfirfame, namoonni hin barbaadne isa goondaa hin qabne filachuu danda'u jedhe.
Dhimmi kuni kan ifa bahe suuraa maamilooti nyaata goondaan irratti faca'eeru miidiyaa irratti maxxansinaan Ministeerrii Nyaataafi Qorichaa arguun booda dha.
Akka qorattoonni jedhanitti goondaan 49,000 Ameerikaafi Taayilaandirraa achi galan waggaa afuriif nyaata garagaraa waliin dhiyaachaa turan.
Akka qondaaloti fayyaa jedhanitti goondaa nyaataaf dhiyaatan kunneen sibiila yabbuu ilbisoota yeroo kaan nyaataman harka 55 caalu of keessatti qabu jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Qondaaloti Kooriyaa Kibbaa ilbisooti nyaataaf akka oolan yoo murteessan ulaagaa baayyee tilmaama keessa galchuuni. Kunis nageenya nyaataa, summii qabaachuu, dhangaa of keessaa qabuu kan jedhuufi gaafa miicaman qulqullaa'anii nyaataaf ooluu danda'uu kan jedhu dabalachuuni.
Abbaan restoraantii maamilooti harka 60 tahan goondaa kana filatan jennaan nyaata isaaniitti dabaalame. Namni kaan goondaarra achettoofi abaaboo nyaatamu filate jedhe.
Biyyooti kanneen akka UK, Awustiraaliyaa, Deenmaark fi UK goondaa nyaata isaanii keessatti fayyadamu jedhe.
Sanadni dhaddachaa maqaa restoraantii tahe abbaa qabeenyaa hin eerre. Kooriyaa Kibbaa keessatti restoraantiiwwan kudhan urjii kabajaa beekamaa Mishilaan argataniiru.
Dhaabbati Mishilaan Gaayid jedhamu qulqullina nyaataa, akkaataa nyaata bilcheessan, amala nama nyaata bilcheessuu akkasumas yeroo dheeraaf qulqullinni otoo gad hin bu'iin hojjechuu tilmaama keessa galchuun kabaja hamma abbaa urjii sadii badhaasa.
Urjiin abbaa lamaa argachuun ''nyaata dhama qabu bilcheesssuu'' fa'a dabalata.
Dhaddachi gaafa Fulbaana 2 murtoo akka dabarsu eegama.
Goondaan Afrikaa, Eeshiyaafi Laatiin Ameerikaa keessatti akka nyaata qananiitti ilaalama.