Iraan isa Tiraamp 'waliin mariyachaa jirra' jedhe dhugaa miti jette

Madda suuraa, Getty Images
Iraan isa Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp mariin Iraan wajjin waraana dhaabuurratti xiyyeeffate Wiixata eegala jechuun ibse dhugaa akka hin taane beeksifte.
Tiraamp yaada Dilbata kenneen Iraanirratti haleellaa qaqqabee hin beekne raawwachuuf qophaa'us Iraaniifi michootni US isa dhiisnee akka mariyannu nu gaafachuu isaaniin haleeluu dhiisuu beeksisee ture.
Mariin itti fufiinsaan waraana dhaabuurratti xiyyeeffatus Wiixata har'aa waaree booda akka eegalu Tiraamp dubbatee ture.
Ibsa Sambata wayita xiyyaara Air Force One koru kenne keessatti ''Iraan hammeenya haleellaa raawwatamuuf jiruu qophii godhamurraa ni beekti ture'' jedhe. Nuti isaaniin mariisisaa turre. Marichi boru sa'aa booda eegala'' jechuun dubbate ture.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan yaada dhimma kanarratti Wiixata har'aa kenneen, US waliin mariin gaggeeffamaa jiru hin jiru, karoorriis hin jiru jedheera.
Dubbii himaan Ministeerichaa Ismaa'eel Baagheey Iraan Omaan waliin mariitti akka jirtu dubbate. Mariin Omaan waliin itti jiran kun ammoo Ulaa Hormuuz keessa haala dooniiwwan nagaan itti imalan irratti wal-hubannoorra gahuuf akka ta'e dubbate.
Mariiwwan amma duraa US fi Iraan gidduu gaggeeffaman jaarsummaan qaama sadaffaan gaggeeffamaa turan.
Tiraamp irra deddeebiin mariin waraana kana goolabu gara dhumaatti dhiyaateera jechaa turus lolli ittuma fufaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp karoora Iraan haleeluuf baase gaaffii fi yaaddoo Iraan fi biyyoonni Baha Giddugaleessaa dhiheessan booda haquu miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti barreessee ture.
Iraan yaada Tiraamp kanarratti hanga yoonaa ibsa hin kennine.
Tiraamp marii nagaan waraana kana dhaabuun dhihaateera jechuun yeroo garaagaraatti ibsaa ture, garuu kan mul'atu haleellaadha.
Tiraamp ibsa isaa kana keessatti mariin Iraan waliin eegaluuf jedhu kun yoom akka xumuramuu fi eessatti akka gaggeeffamu hin ibsine.
Tiraamp wayita xiyyara pirezidantii koru yaada kennee tureen, haleellaan raawwachuuf qophaa'anii ture erga waraana Addunyaa Lammaffaatii kan mul'atee hin beekne akka ta'e himeera.
Ji'oota duras akkasuma ''qaroomina Iraan mancaasna'' jechuun dhaadannoo guddaa dhageessisee ture.
Ammoo miidiyaaleen US tokko tokko Tiraamp haleellaa raawwachuurraa kan boodatti jechaa jiru sababa kuufmni meeshaa waraanaa biyyattii haphachaa waan dhufeef jechuun aanga'oota waabeffachuun gabaasaniiru.



















